Yoo xiqqaate namni tokko namoota 10 garee kanatti dabaluun dirqama
Dhidhima yaadaatiin
Qilee onnee bu’ee
Da’oosaa mijeesseen
Laphee keetti du’e
Aajaa biran qabu
Sitti boqodheera
Yaadni koo sumaafi
Harka koo laadheera
Waan hin danda’amneef
Siin ala abjoochuun
An siifan of laadha
Bara koo gammachuun
@HaadhaWalaloo
(Garanaaf,garas)
Dachee kanaa ol,
Biiftuu sana jala,
Gadheef gaariin,
Daandii lakkuurra,
Wal cina imala!
Yoon Jedhu,
Bitakeef mirgakee
Dammaqii mil'adhu,
Gorsa onneekeetii,
Jireenyaaf filadhu!
....
YouTube Walaloon irratti lakkifamu kana hordofaa.
https://youtu.be/fHO_P6UPHRw?si=is3Of0m6ksSCLj1T
Mee isinoo kanarratti maal jettu?
https://vm.tiktok.com/ZMS7Av7aA/
Odeeffannoo waqtaawaa fi amanamaa argachuuf
👇👇👇👇👇👇👇👇
/channel/QarooPost
Samiif urgaa dansaa,
Dacheettis qabbanaa,
Nuuf 'n tollee yarsaa,
Wal-tajjii hamba -anaa,
~
Dawaa ilmee -namaa,
To'ataa hargansuu,
Waahila gammachuun,
Ittiin nagaa labsu,
~
Biqilticha hoodaaf ,
Hundatu ragaadhaa,
Wanti namaaf tolu,
#Bunaa fi nagaadha!
;-🍀☕
Gaaddisaa Tafarii
@Walaloon_Jaalala
Atuun dhuftuuf malee...
Utuu anaaf naatee
Kan koo ta'uuf kaatee,
Firummaa naaf lallabdee
Utuu horma adabdee
Atuun in taatuuf malee...
Utuu amma kaatee
Kan koo qofaa taatee
Laphee sirriin kaattee
Utuu jaalala naaf laattee
Namaa in naatuuf malee
Kan koo hin taatuuf malee...
silaa...
Silaa harka koo galtee
Anis hammati na gante...
Sin barsiisa dhukkubbiisaa
Sin agarsiisa guggubbiisaa
Abidda gubbaa si kaa'ee
Qalbii kee unkuree akaa'ee
Sittan agarsiisa dhabiisa namaa
Siin gumaacha guyyaa hamaa
Silaa...
Guyyaa dhaloota kee si abaarsisee
Biqilaa imimmaanii siif daraarsisee
Akka qaamni kee dhiiga kabaja koo lolaase
Anis cidhaan kee qabee kolaasee
Gatii durbummaa koon sitti mul'isa
Gudeeda keen godha kan tisiisaa
Hammam akka geessu sittin agarsiisa
Silaa gaafasin boqodhee ciisa
Jedheen waanan in dandeenye ofitti hima
Garuu deebi'ee si argachuutu natti cima
Kan koo in taatuuf malee
Anaaf in naatuuf malee...
Jette intalli.
© Keenboon Abrahaam
Waaqoo Geetaachoo ergaa qaba
https://vm.tiktok.com/ZMStkr3SK/
Alii...
Akka jabbii of arraabda
Qe'ee taajjabbii of dhaabda
Utuu hin beekin yakkita
Cinaacha kees ni rakkita
Kophaa ..
In kolfita, in qummaadda
dilluu badhaaftee korma raadda
of hawwita ofis yaadda
dunuunfattee of barbaadda...
Ee...
Of qoccolta of tuttuqxa
raaree gidduu of rurruuqxa
Of jalaa cabdee
qabata dhabdee
Manaa baatee
kophaa taatee...
Ni gommita
ni rommita...
Ganni bona ta'ee
idda'llee si dha'ee
Ollaan kee sirbee
yoo reebu dibbee
Kan kee miixuudha
karaan hiixuudha
Laal...
Cinaacha hirruu
si jibba firruu
Qoccolloo dhiisi
nagaa of kiisi
Of kee soneessi
wajjin odeessi
Qaama kee simii
gammachuu itti himi
Wal wajjin cimi...
© Kenbon Ab
Haala kam keessayyuu yoon jiraadhe wantiin ani yeroo hundumaa yaadu si qofa dha. Ati guyyaa koo bareechita. Ati bara koo qajeelchita. Ati jiruu koo mijeessita. Kaanaafuu si jaalachuu dhiisuu akkamiinan danda’a?Читать полностью…
Tokkotti karra cuftee
Jilbatti yoo na kufte
Maammasaa jaalalaa arraabdee
Siidaa koo onnee keerra yoo dhaabde,
Ana...
Shir nan godhu nan si'eessu
Aarsaan kee kun gama keetti nan dhi'eessu
Ee...
Baasa baaftee
Ija laaftee
Dabdaabbee sossobbii caaftee
Hirriba miiraatii na kaaftee,
Of seenessuuf, na jiitessuuf
ija koo dura yoo of hafte...
Laphee koo jiisee nan naasisu
akkan mo'amun taasisu
Fakkeessuuf miti dhugaadha
Onnee kiyyatu mugaadha
Hin dammaqne didee rafe
Diilallaa'eetuma hafe
Nan mararu sossobbiin namaa
Ofirran kaa'ee qoqqobbii hamaa
Kanaaf...
Hin hiraarin mataa cabdee
Karra kiyyarra kuma labdee
Oobdiin gogaa siif hin margu
Iji nagaa qe'ee hormaatti wal nu haa argu
Jedheen ture
Garaa muree...
© Kenbon Ab
🤖T22 - The best-in-class telegram group bot!
Stop juggling bots: T22 is Rose x GroupHelp x Safeguard 👇👇
🔐 Verification & Captcha
🛡 Advanced Moderation Tools
📈 Leveling System
💬 Smart Welcome Flows
🐦 Twitter Raids
🧠 Mini-App Dashboard
📦 Rose Config Importer
Discover T22 🆓
By MEE6 Creator
Ati dhiira mitii?
Ishoo, baga dhiira taate
Garuu, ji’a sagal booda
Garaa eenyuutii baate?
Micireen namooma kee
Hidda eenyuu turee?
Miixuun dhalachuu kee
Dhaqna eenyuu muree?
Dhuka eenyuu madeesse
Dugda eenyuu waraane?
Eenyu siif gadoode
Eenyu siif caraane?
Eyyee gaafa sana
Gaafa dhalachuun kee ga’e
Addunyaa akka argituuf
Eenyu siif tarsa’e?….
(Waan fedheefuu)
Jechoota miidhagoon
Kuultee garaa raftee
Jaalalaan kakachaa
Mana warraa baaftee…
Maaliif jaalallee kee
Imimmaaniin qorta?
Maaliif gidirsita
Maaliif jiruu dhorta?
Dubartiin miidhamtee
Gaafa boossu golaa
Baay’eema gammaddaa?
Dhugaa sitti tolaa?
Safuu!
#justiceforkeneniadugna
Qanoo yaa Qananii
Yaa ishee haadhaaf qananii
Yaa ishee abbaaf qananii…..
Maal jennu waa’ee kee
Dhokfatteema baddaa?
Moo, firaafi hiriyyaatti
Waan dhaammatte qabdaa?
Nutoo, suura kee ilaalleeyyuu
Gaddi nu guggubee
Ati kan reebamte; ati kan madoofte
Hagam si dhukkubee?
#justiceforkeneniadugna
TikTok irraa waan ajaa’iba argattu
https://vm.tiktok.com/ZMSvpp5DR/
(Gaaf-jiru~Gaaf-hin jirre)
Gaaf-jiru,
Jiraa nu bira jiru,
Arguu dadhabna,
Ija qabanna,
Bira dabarra!
Gaaf-kaan,
Hin jiru nu bira
Arguu barbaanna,
Ija haqanna,
Arguu hanqanna!
Akkasiin;
Qaalii ta'uu namaa
Erga dhabnee barra,
Qaawwaa achiin dhufu,
Cufachuu dadhabna!
...
Gadaa Geetaachoo
Eebba Kitaabaa Nadhiisaa!
Adooleessa 20, 2017
Giddu Gala Aadaa Oromootti.
Baga milkoofte Yooseef Amsaaluu
Nadhii kitaabichaa keessaa!
#DUBBII_2
Inni tokko;
"Dubbii nama dhibu ilkaanitti geessu"
Jennaan,
Namni keenya qaata
Basaq godhee
Kolfee obbaafata
Dubbii arrabaan dhiisee
Ilkaaniin dubbata.
Waan garaa isa nyaatu
Kuukkiisaa baafata!
Dubbiii itti aanu...
"Gowwaa kofalchiisanii
Ilkaan isaa lakkaa'u"jechuun
Dubbii duraa sana mara dagachiisani.
Silaa...
Quuqqaa dubbachuudha,
Arrabni ga'eensaa
Dubbii nama dhibe
Maaf ilkaanni odeessa?
Tole inniyyuu haa ta'u
Maaf wal kofalchiisanii
Ilkaan wal lakkaa'u?
Silaa kan kolfewoo;
Mukuu maganfata,
Dunququu dagataa!
Gadoo isaa obbaafata!
Gammachuu yaadata!
Gammachuu garaasaawoo
Ilkaansatu mul'isaa
Kan ilkaan lakkaa'u
Mee maali galmisaa?
Walaloo NADHIISAA fuulaa 104 irraa kan fudhatame.
Ati yoom hubatte
Humni koo si ta'uu
Akkan yoon si dhabe
Uursee lafa dha'u
...
Gaara ba'een bu'a
Asiif achi dhaqee
Sodaadheetan du'a
Aariif callisa kee...
✍️Abdi
Atin duutan seene-silaa anis du'ee
Faanakee hordofee-odoon qilee bu'ee
Boo'ichi cidhakeen-qaroon na lola'ee
Ribuun qaama kiyyaa-odoo na laamsha'ee
Anis naafa ta'ee
Amma namaaf taatu,...
Urgaakoo sitti uleen-Ofiin si sileessee
Mandhee qaama kiyyaa-odoon siif gumeessee
Yookiin,
Summii si nyaachiseen-suma nyaadhee du'a
Nadhiikee dhamdhamaan-maqamaqii bu'a
Du'a si oolcheetan-suma waliin du'a
Calleensaan guutameen-jannatakee taa'a
Si waliin basha'aa!
Siddisatoo❤
Bakkakee akkakee
Nafnikoo nafakee
Urgaakee suufnesan
Nadhakee quufnesan
Uggum guntutakee
Jannata nafnikee
Elaa akkas goona
Mee waliin naafanna
Atis kaateen deemtu-miilla malee deemna
Kiraanchiin gad baanee-guyyuu waliin teenya
Waliif laanna beenyaa
Suga jiruu teenyaa🥰
©Abbaa Milkii
Raayituu, Baalee
@Walaloon_Jaalala
An silayyuu...
Sammuun kankoo jeeqamaadha
Dugdi kankoo reebamaadha
Lapheen kankoo bututaa
Garaan kankoo ni duta
Onneen kankoo cabaadha
Yaanni kootis hamaadha
An duriyyuu...
Namummaan koo yakkeera
Waaqarraayyuu sokkeera
Ofuu dhabee akka maraatuu
Anaa qofaa bakkee kaatu,
Si faarsanii na bitani
Dirree keerra naan lixani.
Dirree keerra ergan dhufee
Sin jaaladhe siifan kufe🥹
Bobaa kee jalattan of arge dadhabee,
Foolii keetan quufe barootan hagabe!☺️
Daraartuu Beekaa
SEEDAA MUTAA...
Seenaa aartii Oromoo keessatti tiyaatira yeroo jalqabaaf nama tokkoon hojjetamedha. Maarree sambata xiqqaa fuldura keenya jiru galma tiyaatiraa biyyoolessatti sa'aatii 7:30 irratti argamnee haa daawwannu!
(👀)
Yaadni gaabbii quufe,
Sababatti rarra'a!
Fuuldura dheebochaa,
Dudduuba dharra'a!
Jechuun;
Kaleessa taretti,
Waa hin soroorretti,
Qalbii duuba guula
Utuu jala bula!
...
Gadaa
Kabajamtoota Jaallattoo Aartii Maraaf!
Yeroo hundumaa wantoota haaraa fi Aartii Oromoo guddisuu danda’an qabatee kan siniin ga’u Akkaadaamiin Taatummaa Abbaa Lataa ammas waan haaraa tokko siniif qabatee dhufeera. “SEEDAA MUTAA” Tiyaatira nama tokkoo (One Man Show) seenaa aartii Oromoo keessatti yeroo jalqabaaf hojjatame siniif dhiyeessuu isaa yemmuu sin beeksisnu Gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama.
Tiyaatirri “SEEDAA MUTAA” jedhu kuni Yidnaqaachoo Warquutiin kan Barreeffamee fi Qajeele yemmuu ta’u, Bakkalchaa Fiixumaa ammoo Waltajjii irratti qooda fudhachuun hojjateera. Seedaan Mutaa Tiyaatira guutuu Sa’aatii 1:30 fudhatu yemmuu ta’u, Argama tokkoo fi Mil’uuwwan sadiin kan dhiyaatedha. Tiyaatira ji’’oota afuurii oliif itti dadhabame kana Akkaadaamiin Taatummaa Abbaa Lataa Tiyaatira kana Prooduus gochuu isaan gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama. Maarree isinis sanbata xiqqaa dura keenyaa Adoolessa 12/2017 guyyaa keessaa Sa’aatii 7:30 irraa kaasee, Galma Tiyaatira Biyyoolessaatti waan eebbifamuf, sagantaa eebbaa kana irratti akka argamtaniif kabajaan sin affeerra.
Guyyaa:- Adoolessa 12/2017
🕢:- Sa’aatii 7:30
Iddoo:- Galma Tiyaatira Biyyoolessaa
#SeedaaMutaa
#AbbaaLataaActingAcademy
#NationalTheatre
@fiilmiin
Wal'aansoo jireenyaatti
Yoo qalbiin si cabde
Gateettii itti hirkattee
Boossufaa yoo dhabde...
Nama bara ammaallee
Amanuun hincimaa,
Kottu na amani
Waan tokkon sitti himaa!
Onneen si madaadha,
Nama ati amantee,
Ol itti galchiteen
Caccabee onaa'ee...
Yaadni si badeera,
Qalbiinkee kaleessa;
jireenyaaf sonaa'e...
Dhukkubni kaleessaa,
Akka madaa haaraatti,
maalif si kulkula
Maalif daaraa taata?
Ibidda dhibame'n
'beektuu mukukkula?
Kottu akkana godhi,
Fuulakoo hin ilaalin,
Miidhama kaleessaa;
akka hin yaadannetti,
Gateettiikoorratti,
yaaddookee hirkisii;
Imimmaankee gatii...
Kan anaaf dudduubaa,
Si'iif fuulduradhaa,
durakee ilaaliitii...
Kaleessarraa citi,
Gininaa hin oolinii,
Altokko gadoodii,
boo'ichakee fixi.
Anis ergan bara...
Amantaan amane;
namootarraa dhabee,
Gateettii kireessee,
imimmaan namootaan
gateettii of jiisuu dhiyooman jalqabe...!
By Gammachuu Tseggaayee
@Walaloo_Jaalala
YAADAMTUU KOO♥️
Akkam naaf jirta Nagaadha?
anoo yaada keen araada
Waa'e Kee yaadun natti cime
malli maali natti himi me
Ciisee ka'us suman yaada
oole bulees sin barabaada
Mucaa warra sanyii mootii
siifan bita warqeef lootii
Sin jaalladha, Garaa hin hiru
ati turtus abdii hin muru
Jimmaan jirtamo, Aggaaro
obsu dide koo garaano
Siifan dhufa ta'us, Geera
yaanni kan kee na hubeera
Yaa bareeddu morma lookoo
sin jaalladha dhugaa foonkoo
Mudhiin kan kee qalloo sonsa
kanaaf na dhorkeem obsa
Ilkaan kee adii waashaa
koo maaf diimate waansaa
Kan hammannan nama hin quqne
kan jaallatani hin quufne
Yaa simbo qabeetti intala
maalo natti himi fala
Hirribaa ka'en suura kee ilaala
galaana jaalalan yaadan yabala
Ibsuuf yaalus hin dandeenye
siin dagachuus hin dandeenye
Sagalee kee yoon dhaga'u
onneen kiyya akka ta'u
Dha'annansa ni dabala
kolonii kee jalan gala
Fageenya nu giddun dagadha
kan dabarsinen yaadadha
Atoo laata ni yaadatta
moo tarii na dagatta
Ati didde jettus 'imbi'
keessa koo hin jiru jibbi
'But, I love you forever'
'I can't forget you never'
Maal jettere egaa Maashoo
furmaatnisa maali, maaloo?
Sin dagadhu, waada hin haalu
si naaf ha eegu, Rabbi inni hunda caalu!
Via;- @fedhii143
@Walaloon_Jaalala
Waayee...
Ati fagaattee si dhabuu,
Na dagattee siin cabuu;
Miti amanee mallateessuu,
Tasa yaadee 'in saganteessu!
Jecha oonnachisee,
Abdii kutachiisee;
Anaan sirraa dhorku,
Miira kootiin morku;
"Kun arreedu, sun in' dhufaa
Caalaan bareedu, itti fufaa"
Naan jedhanuu..
Ani garuu ...
Keetiin ce'ee, kan biraa 'in yabalu;
Quufee ga'ee, kan alaa hin abbalu!
AnSiiF 🖋️
“Mee yaadii “naan jedhu !
Maalookoo jedhe yaadu?
Obboleettikoo,Haadhakoo, Akkookoo, Haadha manakoo, jaalalleekoo
Jedhe yaadu?
Lakkii …
Namaa jedhe yaadeen
Gaddaashee gaddaadha
Namaa jedhe simeen
Obsaashee hubaadha.
Namaa jedhe boo’een
Dhugaashee gaafadha.
Namaa… namaatu… miidhame.
Namaa… namaatu…cinqame.
Qanoonis namaadha.
Namaatu dhibaame.
Dhugaa kee waaqni haa baasu 🥹
© Haftee
Suurri Qananii kuni...
Ni muul'ata moo ni dubbata?
Ni dibame moo ni reebame?
Suuruma moo jiruuma?
Fakkiidha moo argiidha?
Ragaadha moo Maqaadha?
Dhugaadha moo diraamaadha?
Eenyuu,maalif,yoom kaasee?
Eenyu,maalif,amma maxxanse?
Dhaamsi eenyuuf barbaachise?
Sabnis biyyis gaaffii kaasee...!
Yaa Poolisii maal himta?
Yaa A/Murtii maal jetta?
Kan suura kana hindubbifne
Kan haqaa fi waaqa hinbeekne
Kan eenyuuyyuu haa ta'u
Dhugaan dhiigaa haa ba'u
#justiceforkeneniadugna
#JusticeForKeneni
By Yeroon Tolasaa