waltajjii_walaloo | Неотсортированное

Telegram-канал waltajjii_walaloo - "WALALOON JAALALA"

12851

Yoo xiqqaate namni tokko namoota 10 garee kanatti dabaluun dirqama

Подписаться на канал

"WALALOON JAALALA"

Jaalachuun homaa miti.... Jaalatamuun waan tokko.... Jaalachuu fi jaalatamuun waan hunda.

:¨·.·¨: ❀  
 `·. Jaalalli miidhaa miti 💚
Jechoota jalaala argachuuf
channel join godhaa
❤️@seenaajalaala❤️
#share
#join

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Biyyaa kanatti kan yeroo liqii gaafa gaaffattuu fuulaa sitti hin jijjiirre😢😢

*810# ykn teelee qofa😂😂😂

Share➬ @Danbalii_jaalala
Share➬ @Danbalii_jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Giiftii Gabaa Somboo
*
Bifti kee akka hoodaa kan arganii hin quufne
Amalli kee raajii kan tasa nama hin quuqne
Guddoo lammii gaarii qomoo sanyii hortuu
Sooree marxoo jaawwii qabbanee ulfaattuu
Giiftii lookoo durbaa kan miidhaga caaltu
Raftee maa dagattee maaf irribaa hin kaatuu?
* * *
Lookoo qaama naatoo
Guntuti daamatoo
Kan gunfurri Koomtoo
Mormi kee hiixatee garaa Waaqaa tuqaa
Sarbaan kee diriiree goodaa calalaqaa
Giiftii Gabaa Somboo, giiftii warra Leeqaa
Ati maaf hin kaatu, kaan rafeewoo indammaqaa?
Giiftii raftee hin kaane, durba irribi dage
Maaliif raftee hin kaatu maaf qalbiin si muge?
Raftee hin dammaqxu waggaa dhibba raftaa
Damqxes hin mugdaa, yoom ija banattaa?
Dunquqquu seenaa kee ciistee amuummattaa
Egeree hormaata kee maaf bacancarsiistaa?
Xaa’oo gadameessa maaf jiraa gogsita?
Bara baraan raafuun hooda hin ta'u laata?
Maaltu siyaa dammaqsu...?
Bunnii haa danfuu laataa…? Kan goodaa Saasiggaa?
Si dammaqsaa laataa? Kotteen farda Diggaa?
* * *
Goomattuutu milkii kee si gaadi'ee tarii?
Tosha tarkaanfattee dur obboroo barii?
Qaalluu kam sii dhaqnu...? Giiftii booka futuruu
Du'a maalii rafta bara dhufee taru?
Ofii hin damaqxuu kan si kaasu hin jiruu
Ilmaan hamajaajii cilaattii si dibuu, daara si sararuu
Qullaa keettii kolfuu maqaa si gurguruu
Kolfa ukkaamama bobaa si qirqiruu.
Gunfura kee haaduu
Hamilee si gudeeduu
Tarii..., obboleessa hin qabduu…?
Dhiira qoma dabbasaa, dhiira qoma bidiruu
Kan gaachana ta'u, kan roorroo kee aaru
Kan shaanfoon diina diru, kan diree geeraru
Obboleessa hin qabduu, lammii fira dhiigaa?
Moo….? Yoo si gudeedanu luka qabuuf fiigaa?
* * *
Giiftii sin gaafadhaa…, giiftii booka futuruu!
Dhiirri maaliif dhibe kan roorroo kee aaru?
Attam dhiirri dhiba...? Dhiirri attam hin jiru?
Sibuu... dhiirri hin jiruu?
Moo...? Ammayyuu akkuma durii duruu?
Ammayyu...
"Muka garbuu bobeessuu... dubbii darbu odeessuu?"
Amuumaa dhiirri hin jiruu?
Moo....? Ammayyuu…, akkuma durii duruu?
Ammaayyuu ...,
"Wadaroon muka yaabuu…? Yoo citte luka dhaabuu?"
Waamaa dhiirri hin jiruu?
Moo….? Ammayyuu akkuma durii duruu?
Ammayyuu...,
"Lafti ’saa akka bowwaa tii...? Namni,saa akka gowwaa tii?"
Ammayyuu...?
Waayee…, "Abbaan qoyyaas haadha Qoyyaas dhungatee?
Waayee..., biyya Moxee ti baaltiin guddatee!
Marraaguma odeessaa, waayee baaltii qoruu?
Gobbuu Sayyoo dhiirri hin jiruu?
Moo...? Ammayyuu akkuma durii duruu?
Ammayyuu....,
"Muka nuugii bobeessuu…? Dubbii xuurii odeessuu?"
Dhiiro...., Abaaloo dhiirri hin jiruu?
Abaaloo gamanaa, Abaaloo gamasii…,
Warra deessee mooti
Wal uffannee koorra akka belee kootii”
Jechuu itti dhiisani…!
"Abaaloo Saasiggaa warra Kasee Ittaanee
Duroo nama turree hardha gadhee taanee?
Jedhanii mammaakaa…,
Booka xuxxuxachaa yaadaan gaabbii qoruu?
Maal akkam dhirri hin jiru?
Kan gidiraa kee furu
Kan rakoo qalee muru.
* * *
Tarii waan dhokattutu jiraa, irriba dawattee?
Qaanii Warra Leeqa ka’een hin argu jettee
Awwaala abbooti, dargageessi yoo diigu
Iddo Odaaf ulmaayii, alaleen yoo margu
Dheebu abbaa warra keessummaa diddigu
Luxu fi biqiltuun, yommuuttii coolligu
Tadhumaan egere yommu didee gogu
Galma qaallu keessa qeesiin yoo dalagu
Asoosama fi seenaan yommuttii wal rigu
Ka’e arguu mannaa, naafoo wayyaa muguu
Jettee lafa dhooftee akka muka jigu?
Anoo hin argu jettee dubbii akka falfalaa
Silaa…, "Harkumaan qaranii harka nama qalaa”
Sissiqee, sissiqee jibbo nama dhaalaa!
Qeyeen Dibaaba dhaa, durillee dibaaba hardha inMikaela
Waraabi laga saa durille bishaanii, bishaanuma taliila
Amala sinsinnaayee…, hardhammoo inxabalaa
Abbaateefaatu ittiin seexana aboota, jinni ittiin kabalaa!
Kana arguu saalfattee
Raftee achumaan haftee?
* * *

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Dhiira kaayyoof siingiloome
Gadheen Durba dhabe Seeti 😜
@Danbalii_jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

#ТЕЗКОР #ДАХШАТ

ҚАНДЛИ ДИАБЕТ
СИЗНИ ЎЛИМГА ОЛИБ КЕЛМАСИДАНОҚ, ДАВОЛАШНИ БОШЛАНГ!!!
Doctorneo.uno/d5/

68% Ёш ва қариялар диабетдан азият чекишади, буни уй шароитида самарали даволаш учун, стаканга 3 чой қошиқ…👇🏻👇🏻👇🏻

БАТАФСИЛ ШУ ЕРДА ЎҚИНГ: 👇👇👇👇👇
Doctorneo.uno/d5/

(ШОШИЛИНГ! Админлар ўчириб ташламасидан олдин бу оддий рецептни ёзиб олинг)

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Kaayyoon qaba naan jette.

Edaa kaayyoon maqaa mucaa isheeti🤔😉

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Yaa biyya lafaa
Yesuus mi'aa baatee siif dhufnaan
atimmoo hadhooftuun simattee,
laa fakkeessakee
Eenyummaa kee dhugaa dhofkachaa
waan gaariif tottolaa himattee.
Yaa biyya lafaa
Yesuus nagaa baatee siif dhufnaan
atimmoo waraansaan simattee,
laa fakkeessakee
Eenyummaa kee dhugaa dhofkachaa
waan gaariif tottolaa himattee.
Hin dhaga'u ilaa ani utuu kee,
Beeka xobbee karaatti
kutuukee.
silaa atuu naaf diinawoo naaf. loltaare,
Yesuusiifuu hin tollee naaf. toltaaree.
Nan sossobiin gubaatti dirmiidhaa,
Har'as boris anaaf ati hirmiidha.
Hin dhaga'u ilaa ani utuu kee,
Beeka xobbee karaatti kutuukee.
Silaa atuu naaf diinawoo naaf loltaare,
Yesuuskoofuu hin tollee naaf toltaaree
Nan sossobiin gubaatti dirmiidhaa,
Har'as boris anaaf ati hirmiidha.

01
Daandii bal'aa kankeerra hin imaluu
Ibiddatti ol galcha balballikee,
Tisiisarraa maalan damma eegaa
Si'ooliin badhaasawoo galgallikee.
Irrikee kuulamaa keessaan summii
Walii hin galu hojii keen an sin morma,
Firummmaa walii hin qabnu hin qabaanus
Amman sirraa sokkutti an siif Orma.
Na miti kan si garboomu
Miidhaginakee darbuufii,
sirraan godaanaa gaaf tokko
Biyya koo dhaqee arguufi.
Na miti kan mookfamu
bareedinakee darbuufii,
sirraan godaana gaaf tokko
Yerusaalemiin arguufi.
Mandara qulqullittii waaqayyo bira
bantii waaqaa keessaa,
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
lakki hin dogoggorre karaan amma qaphes
Achitti na geessaa.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Magaalaa kuulamtuu harki gooftaa Ijaaree
Waan maraan qajeeltuu,
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Biyyicha Yaadacha Jaaraa jumburiikee
Garaan nan kaajeeltuu.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.

02
Kuti abdiikee narraa nan dandeessu
karaa isan qapherraa siif hin maqu,
isan hojjechaafii jiruun beekaa
Ani yoomuu ergaakee siif hin dhaqu.
Jajumsakee har'aan siin mookfamuu
Malli kuffisakees xarabaadha,
sirran tura malee asi hin jiraadhuu
yaa dachee ati naaf darabaadha.

Naaf tolteef hin jiraannee
daba waraansakeen al meeqa aadeenii,
hubaa fi sossobbaa kee
dhaga'u kanan dideef biyya koo yaadeenii.
Ka'eera hin hafne achiini
Inni ati ajjeefte suni gaggaraftee dirra,
dhufee na fudhatawoo
nan dhiisu sirratti egaa gargar galuuf jirra.
Eeeeeeeeeeeeeeeeeeeee
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Eeyyee
Achi
Yerusalemi.
Eeyyee
Achi
Yerusalemi.

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Yaa biyya lafaa
Yesuus mi'aa baatee siif dhufnaan
atimmoo hadhooftuun simattee,
laa fakkeessakee
Eenyummaa kee dhugaa dhofkachaa
waan gaariif tottolaa himattee.
Yaa biyya lafaa
Yesuus nagaa baatee siif dhufnaan
atimmoo waraansaan simattee,
laa fakkeessakee
Eenyummaa kee dhugaa dhofkachaa
waan gaariif tottolaa himattee.
Hin dhaga'u ilaa ani utuu kee,
Beeka xobbee karaatti
kutuukee.
silaa atuu naaf diinawoo naaf. loltaare,
Yesuusiifuu hin tollee naaf. toltaaree.
Nan sossobiin gubaatti dirmiidhaa,
Har'as boris anaaf ati hirmiidha.
Hin dhaga'u ilaa ani utuu kee,
Beeka xobbee karaatti kutuukee.
Silaa atuu naaf diinawoo naaf loltaare,
Yesuuskoofuu hin tollee naaf toltaaree
Nan sossobiin gubaatti dirmiidhaa,
Har'as boris anaaf ati hirmiidha.

01
Daandii bal'aa kankeerra hin imaluu
Ibiddatti ol galcha balballikee,
Tisiisarraa maalan damma eegaa
Si'ooliin badhaasawoo galgallikee.
Irrikee kuulamaa keessaan summii
Walii hin galu hojii keen an sin morma,
Firummmaa walii hin qabnu hin qabaanus
Amman sirraa sokkutti an siif Orma.
Na miti kan si garboomu
Miidhaginakee darbuufii,
sirraan godaanaa gaaf tokko
Biyya koo dhaqee arguufi.
Na miti kan mookfamu
bareedinakee darbuufii,
sirraan godaana gaaf tokko
Yerusaalemiin arguufi.
Mandara qulqullittii waaqayyo bira
bantii waaqaa keessaa,
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
lakki hin dogoggorre karaan amma qaphes
Achitti na geessaa.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Magaalaa kuulamtuu harki gooftaa Ijaaree
Waan maraan qajeeltuu,
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Biyyicha Yaadacha Jaaraa jumburiikee
Garaan nan kaajeeltuu.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.

02
Kuti abdiikee narraa nan dandeessu
karaa isan qapherraa siif hin maqu,
isan hojjechaafii jiruun beekaa
Ani yoomuu ergaakee siif hin dhaqu.
Jajumsakee har'aan siin mookfamuu
Malli kuffisakees xarabaadha,
sirran tura malee asi hin jiraadhuu
yaa dachee ati naaf darabaadha.

Naaf tolteef hin jiraannee
daba waraansakeen al meeqa aadeenii,
hubaa fi sossobbaa kee
dhaga'u kanan dideef biyya koo yaadeenii.
Ka'eera hin hafne achiini
Inni ati ajjeefte suni gaggaraftee dirra,
dhufee na fudhatawoo
nan dhiisu sirratti egaa gargar galuuf jirra.
Eeeeeeeeeeeeeeeeeeeee
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Eeyyee
Achi
Yerusalemi.
Eeyyee
Achi
Yerusalemi.

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Waaqayyo biyya lafaa irra kan jiru hundumaa tokkoon tokkoon nama miira jaallatu qaba (Yoh 3:16; 1Yoh 2:2; Rom 5:8). Jaalaalli kun geggeedaramaa miti, amala Waaqayyo irratti kan hundaa'ee dha jaalala isaa irratti kan hundaa'ee dha (1Yoh. 4:8, 16). Waaqayyo nama hundumaatiif jaalalli inni qabu akka "haraaraan kan guutee jaalala isaa" yaadatamuu danda'a, kunis immoo Waaqayyo namoota cubbuu isaaniitiif batalumatti isaan hin adabu (Rom. 3:23, 6:23). "Waaqa irra kan jirtu abbaa keenyaa… namoota hamootaa fi nama gaarii irratti aduu isaa nii baasa, tolootaa fi cubbamoota irratti bokkaa isaa ni roobsa" (Matt. 5:45). Kun kan biraan Waaqayyo jaalala inni hundumaaf qabuu dha. Gara laafummaan jaalalaa gaarummaan isaa kristaanoota qofaaf osoo hin taane hundumaaf. Waaqayyo biyya lafaaf jaalala dhiifama godhu kan qabu namootis akka qalbi jijjiratan carraa kennuufin isaa ibsameera:- "warra tokko tokkotti waan turu akka itti fakaatu gooftaan waa'ee sagalee abdii isaa hin turu, haa ta'u malee hundumtuu gara qalbii jijjirannaa akka ga'an malee eenyuyyuu akka hin bannee jaallatee waa'ee keesan ni obsa." (2Phe 3:9) akkasumatti kan inni jaallatu jaalala Waaqayyoo inni nama hundumaa gara fayyinaatti waamicha inni waamee wajin wajin kan deemu yeroo ta'u kunis yeroo hundumaa gara isaatti goruu isaa heyyama isaa guutuu kan mul'isu fi isa kan gammachiisu kan ta'ee kan ibsuu dha.

Haa ta'uu malee Waaqayyo nama hundumaaf jaalala qabuun namni hunduu ni fayya jechuu miti (Matt. 25:46 ilaalaa). Waaqayyo cubbuu callisee dhiisuu hin danda'u, Waaqayyo Waaqa haqaa waan ta'eef (2Teselonqee 1:6). Cubbuun bara baraan osoo hin adabamiin hin hafu (Rom. 3:25-26). Waaqayyo cubbuu callisee bara baraan akka itti fufuu yoo heyyame inni jaalala hin qabaatu. Kan Waaqayyoo jaalallii haraaraan guutame callisuun isaa, Kristoosiin fudhachuu dhiisuu yookaan fayyisaa nu oolche ganuu (2Phex. 2:1) gara dheekamsa Waaqayyoo bara baraa galuu dha (Rom. 1:18) malee jaalala isaa miti.

Cubbamoota qulqullaa'uu kan barsiisu jaalalli Waaqayyoo nama hundumaaf miti Yesus Kristoositti kan amanu qofaaf miti (Rom. 5:1). Namoonni Waaqayyo wajjin gara dhi'eenya firoomuutti akka dhufan kan isaan godhu jaalalli Waaqayyoo ijoollee hundumaaf osoo hin taane mucaa Waaqayyoo warra jaallatan qofaaf (Yoha. 14:21). Jaalalli kun akka Waaqayyoo "jaalala kakuu" godhamee fudhatamuu danda'a fi haaloota irratti kan hundaa'ee dha kunis kan kennamuu fayyina isaaniif Yesussitti warra amanan qofaaf (Yoha. 3:36). Gooftaa Yesus Kristositti kan amanan hunduu yeroo hundaa kan jaallatamanii dha fayyummaan isaanii bara baraan eegama. Waaqayyo hundumaa ni jaallataa? Eeyyee, hundumaaf gara laafinaa fi gaarummaa argisiisa. Waaqayyo kristaanoota warra hin taanee caalaa jaallataa? Miti, akka jaalala isaa araaraan guutamee kan argamu miti. Waaqayyo karaa adda ta'een kristaanootni namoota amanan caalaa jaallataa? Eeyyee, amantootni mucaa Waaqayyoo irratti amantii qabu, kan fayyanii dha. Waaqayyo kristaanoota wajjin walitti dhufeenya addaa qaba sababni isaas Waaqayyoon bu'uura ayyaana bara baraan kristaanoonni dhiifamni ta'eef qofa dha. Waaqayyo dursa haalaa tokko malee jaalala isa haraara qabeessa ta'een gara Waaqayyoon amanuutti nu geessuuutu irra jiraata, ta'uun kan irra jiru jaalala kakuu isaa Yesus Kristoosiin fayyisaa godhanii warra fudhataniif kenneeraaf.

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

🔤🔤🔤 🔤🔤🔤🔤 🔤🔤🔤🔤🔤🔤🔤

🔥 Last chance to take the winnings 🎁

⚡️Get 35 or 100 TON 🪙 in just 2 minutes! ⚡️

🪙 Get your bonus right now ➡️ @RealSpin_igBot ✅️

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

❤️𝘕𝘢𝘮𝘯𝘪 g𝘢𝘢fa k𝘶𝘧𝘵𝘦 o𝘭 s𝘪 q𝘢𝘣𝘶 n𝘢𝘮𝘢 g𝘢𝘢𝘧𝘢 dhaabbattu s𝘪 baatu c𝘢𝘢𝘭𝘢 😍
@Danbalii_jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Walaloonkoo Ani asirrati naaf gadhiiftuu jedhee siniif ergee,maaf dhadhaa Ibidda qaqqamachuu dhaqee itti siqe tahee yajamaa???

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Itti himi yaa galattefattu waaqa uume

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

#ТЕЗКОР #ДАХШАТ

ҚАНДЛИ ДИАБЕТ
СИЗНИ ЎЛИМГА ОЛИБ КЕЛМАСИДАНОҚ, ДАВОЛАШНИ БОШЛАНГ!!!
Doctorneo.uno/d5/

68% Ёш ва қариялар диабетдан азият чекишади, буни уй шароитида самарали даволаш учун, стаканга 3 чой қошиқ…👇🏻👇🏻👇🏻

БАТАФСИЛ ШУ ЕРДА ЎҚИНГ: 👇👇👇👇👇
Doctorneo.uno/d5/

(ШОШИЛИНГ! Админлар ўчириб ташламасидан олдин бу оддий рецептни ёзиб олинг)

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Yoo birraan barakaa hin taane
Gannii abdii hin himatu
Yoo garaan waliif hin naane
Arrabnii hamaa hin dubbatu

nama jaalatan dheekkamu
Nama jaalatan gorfatu

Malee...

Kan jibbaniif dhimma hin qaban
Qajeelchuuf hin dadhaban
Otuu arganii callisuu
Balleessa waliin Eebbisu

Biruk Tamirat
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Namoota eenyummaa keetiin...


Guys 5k galuuf namoota muuraasa qofaatu hafe wan tahef hiriyoota keessan afeeraa.linki asii gadii kanaan👇👇👇

@ramme63 @ramme63

Yaadaaf @Keetiis_bot tuqaa

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Lookoo giiftii durbaa
Giiftii abdii gurbaa
Ato inumaraftaa yeroo bonni boonu, yeroo gannis gannu
Tarii biyyoo awaala reeffaa sirra firfirsinnuu?
Maaltu si dammaqsu beeka kam gaafannu?
Bunaa qalaa qalluu? Waa sii dhibaafannuu?
Kan ilka siif cabsuu Dhaabaa Wase kaasnuu?
Moo…Galma Abba Gachiitti moora sii ilaalchisnu?
Maalumaa sii mallu? Beeka kam sii dhaqnu
Mana aadde Maammitee…moo mana Haadha Hasanuu?
Beeka kam gaafannu?
Maali hoodi akkanaa?... Ka’uun maa si dida
Abaarsaa tainnaa? Dubbii akka hoodaa
Abaarsaa fi sookkoo kan Kumsaa Morodaa
Dur yeroo bara ’saa, galgala guyyaa hundaa
Nyaataa lafee seene mokotaan of waadaa
Bulee...yeroo barihu
Seeraa biyaa ilaaluuf dhaqee yommuu taa'u
Silaa tokko tokkoo nan sugaayee hin beeku
"Seerrii natti badee...
Dubbiin gototame,” yommu Kumsaa yakku
"Nyaataan dhukubsadha…., galgalaa fi ganama
Mokota laaftootiin of waada buleenii dhageessuu yaa jamaa
Kaniin ka'e dhufe;
Malee... seera dabsuuf miti, matumaa, matumaa
Koon eega hin sugoofnee...
Egaa… isini habuusuree mootii biyya ormaa!"
Jedhee abaare jedhu Kumsaa ilmi Moroda
Si qaqqabe laata sookkoon akka hoodaa?
* * *
Tarii…, hin qabduu laataa, muuziqaa dammaqsu
Kan bifa kee saadee, miidhaga kee faarsu
Kan miira kee qaree irribaa si kaasu
Garuu jira miti…?
Orkeestraan Waachaa Baandiin karaa Koomboo?
Maestro Tamsgeen; kompoosar Ashanaa,
Obbo Ashanaa Booboo
Gaafa Mikaeli, yookaan gafaa Aabboo;
Masqala Mucucoo, masqala Qoraattii
Ajjeesaa gafarsaa fi ateetee dubartii
Dhandha-qabaa gurbaa yookaan intalattii
Yookaan mana deessuu yookaan cidha irratti
Gaafa Huumbaa Waaqaa, gaafa Bismillaahii, …
Yookaan Beqidme zaattii,
Barcuma gooftaafa fi yookaan doombii jaartii
Birraa fi arfaasaa yookaan bonaa fi ganna
Kan naa-gamtee hin beeknee xurumbaa obbo Ashanaa
Bara-baraan kana, qooqi hin geeddaramu tokkuma caraanaa
Tarii…rafee si raffisee yaadalloon fajaje
Raatuu si taasisee akka saawwa baajee
Sinsinni ajjeese, of si dagachiisee…?
Akka waan barri ejjee?!
* * *
Dhiiro…!
Intalli haa dammaqxuu mee harka-harkaan dafaa
Biyya Dhaaba Wasee…,
Biyya Mardaasaa ti dhirrii hin jiruun fafa!
Biyya Abiishee Garbaa, biyya Oliiqaa ti, biyyaa Abdiisaa ti dhiirri hin jruun kolfa!
* * *
Lakkii mee qaanayi
Dammaqii ol ka'i
Mee fuula dhiqadhu
Qullaa kee dhokfadhu
Diinatu si gudeedaa
Maqaa abbakeetu badaa!

Caamsaa 30, 2003
Dr. Zalaalam Abarraa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

•••••SIMALEE•••••
•••••KUTAA 11FFAA•••••




Akkuman achi gaheenis konkolaataa gara finfinnee deemtu argeen ol itti seenuuf miilla gaafan itti kaa'u harki tokko dudduubaan qabee uffatakoo harkise. Gaafan gala galee ilaalu simaleedha.
"Utuun hin dhufne ta'ee. Utuu nan argin deemuuf turtee? "
"Lakki dhugaa akkaataamasaa wallaaleen waanan yaaduuf waanan dhiisuyyuu hin beeku hamman immuttii argutti sammuunkoo waan sirrii hojjetu natti hin fakkaatu"
"Akkasitti dhiphataniis hin ta'ukaa. Jalqaba of tasgabbeessi. Gaafati miidhamtu anis akkan miidhamu beeki. Kan deemaa jirtu biyya hin beeknedha. Gaarii kan yaadu akkuma jiru hamaa kan yaadus hin dhabamu. Kanaaf of eeggannoonis si barbaachisa."
"Siiko kanan deemaa jiru biyya namaatiim. Namnimmoo haasa'ee wol dhageessifata, gaafatees woliif deebisa. Anis rakkadhe gaafadhee kanan dhabe barbaaddadhee argachuun barbaada"
"Abdiiko hin gowwoomin. Bara boora'aa keessa jirra. Nama hundaa akka keetti hin ilaalin. Kan utuu qabuu isa hin qabne saamuuf karaa barbaadu. Kan nyaatee dhugee isa beela'e jechaan waadu. Kan dabaan of duroomsee uummata qarshiin bituu yaadu. Kan ija waaqaa of irratti hin ilaalle waan godhu hundaaf ofin madaalle. Namni hamaan guutee jira. Kan ati deemaa jirtummoo biyya afaan tokko qofa beeku utuu hin taane biyya afaan garaagaraan haasa'u finfinneedha. Kan afaankee beekus utuu si dhagahuu sitti haasa'uu saalfata. Kan ofii utuu qabuu kan ormaatiin dhaadata. Eenyummaa isaa dhiisee isa biraaf jiraata. Wanti lafarratti biqile hundi hin nyaatamu. Gargar baasuudhaafimmoo hin beekamu. Ingirdaada namaa erga si miidhee hubattutu jira. Kanaaf nama hunda hin amananin nama hundas hin mormin."
"Tole siiko utuu gorsituu akka keetii naaf hin laanne ta'ee maalan ta'an ture. Waan baayyee na hubachiifte. Galaa hin dhumne na baachifte. 1k jiraadhu jedhees jireenya sin jibbisiisu. Si jalaa xiqqeessees dafee sin deemsisu. Hamma feeteef hamma yaadde naaf jiraadhu."
"Homaa miti abdiiko ati qofti milkooftee daftee akka naaf deebitun barbaada. Waaqni si dura ha bu'u. Abdii hin kutatin. Eenyummaakee hin dagatin." Naan jettee qarshii kuma tokko harka keessa na keesse. Anaanis oolmaanshee kun baayyee na dinqee "siiko guyyaa tokko nama oolmaa kee kana deebisu nan ta'aa laata." Jedheen imimmaan ija na gugguute. Achumaan "abdiiko maalifii akkas ta'uun. An sirraa homaa Tokko hin barbaadu. Kanan sirraa barbaadu yoo jiraate jaalala qofa. Jaalalli ati anaaf qoodduyyuu anaaf waan hunda Caala." Naan jettee natti maramtee na dhungattee "utuu sittin barfatin seeni." Naan jettee gara manaa deemte. Anis kaayyoon ka'eef milkeessuuf konkolaataa seeneen deemsa jalqabe. Uumamni harka waaqaa kunis baayyee na ajaayibu. Isa kaanitti akka dallaatti gaara itti geengessee. Kaanimmoo lafasaa diriirsee isa kaanis Marga lalisaa godhee kaanimmoo caakkaa gurguddaadhaan uwwisee. Injinerii harka toleessaan waan garaan yaaduuf hin malle yaadeefii kan guute. Dachee bareeddu kana ilaaleen ajaayibsiifadha. Yeroonis akkumashee duriitti deemtee anis finfinneen gahe.hundumtuu akka bitaa natti galuu ta'een burjaaja'e. Asin ilaala utuun ilaalee hin quufinan inni tokkommoo na ilaali jedhee yaadakoo harkisa achis ilaalee utuun hin deeffatin Inni tokko na beelesse. ajab finfinnee jedheeman Hoteela tokko deemee siree qabadhe. Irbaatakoos nyaadhee rafee ganama ka'een caakkaa finfinnee keessa muka immuttii jedhamtu barbaaduu jalqabe. Agamsa dhaqee baddaa ejersaa naannaee baaroo kormaas utuu hin hambisin birbirsas sakatta'ee caffee aannaniis buufadhee calcalii keessas bahee daalattiis hin hankaanne. Dildila adurrees dhaqee qarsaaf guullalleen utuu nan hafin caffee araaraa gahee achi keessa utuun barbaaduu waanan qabu qarshii of harkaa fixe. Garan itti deemus nan wallaale. Jooraa iddoo boqotu hin qabnen ta'e. Qoonqoonis natti hammaatte. Gaafa kan qabu nyaatee isa irraa hafu sareetti darbatu inni beela'ee waan ittiin yeroo hin deemsifanne hin qabnemmoo nyaata saree kan kajeeluuf maraatee miti.Rakkatee rakkinasaatti namni garaa itti jabaannaan sareen arjoomteefii #guutuuf @asoosama_jaalalaa

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

           Ibsaa Mallattoo

Yeroo tokko magaalaa xiqqoo tokko keessa nama qaro dhabeessi  tokko ni jiraata ture. Namni kun Yeroo hunda halkan yeroo manaa  bahu  ibsaa ibsame harkatti qabata ture.
Gaafa tokko galgala akkuma barsiifata isaa ibsaa qabatee manaa bahe. Akka inni karaa walakkaa gaheen namoonni afur karaattii itti  dhufan. Akkuma namicha arganiin itti qoosu jalqaban.
Inni tokko akkas jedhe;"Gochi nama kanaa 'Hanqaaquu keessa huuba barbaadu' isa jedhan sana." Jedhee mammaake.
Inni lammaffaan;"Yaa harree dugda madaa maaf daaraa gangalataa maaf xaarii dabalata. "Jedhee mammaake. Wal harkaa fudhanii kolfan
Isaanis akkuma namicha bira gahaniin   " Yaa namichaa,ati silaa ijaan hin argituu maaliif ibsaa baattee deemtaa?"jedhanii qoosaa fi tuffiin gaafatan.
Namichi qaro dhabeessi sun  safuudhaan, "Ibsaan kun anaaf osoo hin taane, isin namoota ijaan argaa jirtaniifi. Akka anatti hin buunee mallattoo akka isiniif ta'u barbaadeeti."jedhe.
Isaanis jechii fi gochi nama sana isaan rifachiise. Dhiifama gaafatan.

safuu:
Dubbachuu kee dura si'a lama yaadi. Hojiin nama tokkoo hanga siif nama biraa hin miineetti hanga abbaa hojjachaa jiru fayyadetti keessa galanii borcuun gaarii miti.
@asoosama_jaalalaa

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Itiyoophiyyatti yoon maal godheen milkaaha jedhee google search goonan 🥶

Nama dubbii waliin dhahuu tahuu qabda naan jedhee😂😂

Share➬ @Danbalii_jaalala
Share➬ @Danbalii_jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Walaloo bareedasaa baayisa nuuf ergaa maloo

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Chaanaala Telegiraamii ajaa'ibaa hordoftoota keenya hunda affeerru tokko qabna. Chaanaalli kun odeeffannoowwan Teeknooloojiin wal qabatan irratti waan haaraa fi dhalootni beekuu qabu guyyuun lakkisa. Sin fayyada jennee waan amanneef sin afeerre.

Link'n isaa kunooti
👇
/channel/BayissaaTech

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

@yomiyu_Art

@jechota_Adda_Addaa

@yomiyu_king

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Walaloo barattoota gara university deemaa jiraniif maaloo nu maxxansaa qaqqaaliwwan koo

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Qarayyoo ija tiyyaa
Nuura qalbii
Waaniin siin madaalu
Hin qabu #ummii ani❤
#Join

━━━━━━━━━━━
🖋️
@ImimmaanHaqaa

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Roobert Mugaabeen, yeroo tokko namoonni hojiitti cichanii akka hojjetaniif, akkas jedhanii dubbatanii turan, " Durbi, Konkolaata 6 dhiistee 6paaksi (six-pack) kee filattee dhuftu hin jirtu, kanaafiyyuu gara 'Gym' osoo hin taane, gara hojii deemuu qabda" jechuun dubbatanii turan.🙉




🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸‌☟︎』
☛ @ImimmaanHaqaa ☜︎
☛ @ImimmaanHaqaa ☜︎

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Dhugaadha kan jettu,
Kan ati dubbattu,
Yoo jiraate;
Dhugaan jaalaladha,
Jaalalli du'uudha,
Du'uun jiraachuudha,

Jiruu ofii ganuu,
Nam-biraaf jiraachuu,
Ba'aasaa baatanii,
Ofirraa boqochuu!
-dha!
~
Gadaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Hamma ati miidhagdu
Sitti himuu kan na rakke
Deebitee of jaallatteetu
Na jibbitaan shakke.

Tarii yoon sitti hime...

Seeqni kee akka biiftuu
Dacheef dungoo ta'uu
Simboo dubbii keetiin
Beekaa hunda booji'uu...

Akka Urjii samiirraa
Iftee calaqqisuu
Akka iliillii birraa
Addunyaa urgeesssuu...

Qal'inni mudhiikee
Soonsa infaasisuu
Dhiirri si mil'atee
Gorora hawwii cobsuu...

Kan harka dhiqatee
Uumaan qofaatti uume
"Safartuu miidhaginaa"
Jedhee itti hime....

Gita akkati hin qabne
Dachee bal'oo kanarraa
Tarii ani sitti himee
Yoo dhageesse narraa

Sumarraa jaalalli si qabee
Of jaallachuu eegalta
Miidhaga keen mo'amtee
Anaan na dagatta.

Kanatu na rakkee
Sitti himuu miidhagakee!

Si dhoksuun utuma natti cimuu
Akkati bareeddu ani sittin himu!

✍️ Amaanu'eel Naggaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

БЎҒИМЛАРНИ ДАРҲОЛ ДАВОЛАНГ!!!

Бу восита буғимлардан азият чекмасдан, бутунлай қутилишга ёрдам берар экан
👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻

ТЎЛИҚ МАЛУМОТ: http://doctorneo.uno/o4/

(Охиргача ўқинг❗️Батафсил кўриш учун юқоридаги тугма устига босинг)

Читать полностью…
Подписаться на канал