Yoo xiqqaate namni tokko namoota 10 garee kanatti dabaluun dirqama
Akka deemtu,
osoo naa himtee,
sin barin hin hafu
Erga dhiyeetu,
maalummaan ifaa,
kan miilaaf ifu!
...
Ifni (yoo baay'atu) mufachiisaadha
Dukkanni (xinnoonuu) gufachiisaadha
...
Ergan dhabee hafee
Waa'eenkee naaf ife!
...
Otoon akkakee ta'ee, deemuukoo hin dhoksu
Akka-hamma dukkanaa'utti abdataaf hin ibsu!
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala
Anatu:
Waan si keessa hin jirre of keessatti yaadee
Akka at feetu dhiisee isan fedhu barbaade!
Anatu:
Iddoo't naaf hin qabne si keessa of kaa'ee,
Teessoon jirre uumee ofiin sirra taa'e!
Isat #sheenoftee na seensifte
Onneen aangoo na feesifte!
Maal an!
Galanniyyuu kan sii malu sin himadha si lafafee,
Arraba dheeraa qalbii hir'uu bakkee afee🥲
An ammayyuu...
Hin dammaqne ofiyyuun barre
Nama akkakoos hin agarre!
Daabee ✍️
@Walaloon_Jaalala
Join waan gootaniif qofa Dollar 3$ kan siniif kaffalu yoo hojjattan ammoo waan gaarii kan irraa argattan airdrop bareedaa kana dafaatii itti bu'aa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Gabaa qaamaa
Qaama kee rakasa gootee
Hidhii sagaltama hootee
Hallattee goorroo dhiirotaa
Rakasa maalif of goota?
Jaalala fakkeessaan of hiitee
Miira kee guutuuf of miitee
Waamicha hundaaf owwaattee
cobdee dhumtee akka shaamaa
Of gurguruuf deddeebitee
mi'eeffatte gabaa qaamaa
Abbaan arge hidhiif qaama saalaa
Maalif akka fedhetti si haama...?
Ihim...
Maalif kabaja kee gad buusta
Xoofoo heexoo maalif kuusta?
Luka kee hundaaf maaf saaqxa?
Galmee kee balfaan maaf laaqxa?
Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru
Yooti ofin eegne waaqnuu sin maaru
Ow...
Mi'a rakasa taatee
Gabaa hundaatti maaf baate?
Nyaata afaan banaa bule
nyaachuu namuu hin dharra'u
Bor balfatti si gatee darba
harki har'a mudhiitti si rarra'u
Ee...
Hin ta'in halaleef raatuu
Akkasitti naman taatu...
Rabbi qalbii siif haa laatu
Ishee jirtuuf gabaa qaamaa
Erga kana qofaan dhaama
© Kenbon A.
QOOSAAKEE...
... 😆💔😆...
"Onneen ati banaa dhiiste,
Natti boossus garaa jiistee,
Imaluukeen, qabaadhullee, akkaan madaa,
Tolaan hawwa, gammachuukee, nan gammada..."
Jechuuf ka'een, jecha bada.
Dhugumattuu...
"Kan filatte faana waari,
Bakka bu'iif haadha gaarii,
Wal bulluqsaa! Walitti ho'aa!
Wal qoraasaa, dhadhaa bahaa!
Waliin raagaa, bookas... coomas, waliin nyaachaa"
Siin jechuukoo, dhugaan eegdaa? Moo ni baacca? 😆
Moo...
"Karaan keessan dugda lukkuu!
Hiddaan dheessaa! Hidda fokkuu!"
Jedhee eebbaaf hurgufamuu?
Ati kun bar, qoosaakeetu, hin quufamu! 😆
Moo...
"Halkan ifaa! Akka qorsaa,
Ganna lataa'kka coqorsaa!
Bonas ta'aa marga baddaa.."
Siin jedhuuree? Maal qalladdaa? 😆
Abadan...
Siif hin dhaamu nagaa gaarii,
Ta'us... Sin taasisu dhagaa daarii,
Aniifi onneen, si sookka'uuf, dhabnus humna,
Cidhakeetiif, sin eebbisnu, garuu in dhufna!
🥺🥺🥺
© Aga Guda
USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.
Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu
"elaame fira koo"
An hin jiru
Danda'e hin tirtiru
Akkuma kaleessa
Kuno na madeessa
Qaama koo kutata
Dhugaa koo butata
Mudaa koo dubbata
Gadda naaf farrisa
Maaltu naaf girrisa
Hunduu natti gama
Qaawwa natti bana
irreedhaan dubbata
Qaamni koo hin gubata
Kunoo hin kulkulfata
Na balleessudha galmisa
Jiraachuu kooti gaddisa
Nan ukkamame hinuman
Callisa
Kamiinan dubbadha
Kamiinan himadha
Hundu na madeessa
Hundu na ajjeesa
Hundu na darbata
Hundu na balfata
Hundinu na dheessa
Garaa na madeessa
Garuu...
Barri Kun hin darba
Yaroodhaaf na sarba
Abdii hin kutadhu
Dhugaa koo hin dagadhu.
Boonaa_maccaa
@Walaloon_Jaalala
Ilkee qoraattii - qara gobaa
Waraanamtee dhiiga cobaa
Inuma deemta ga'uuf galma
Bakka xiiqii - bakka qalmaa…
Dhiiga keetiin karaa dhiqxa
Galma kaayyootti achi siqxa!
Mixiin bokoktee akka arbaa
Si dhoowwitus karaa darbaa
Yoom gad jettee lafaa kaasta
Irra ijjattee badduu baasta!
Yoo inaaftun moorrattellee
Biyyoo hartee boorrattellee
Utuu hokkoltuu - utuu cabduu
Ati deemsaaf karaan dhabdu
Baataa waadaa abboofi aayyoo
Miila xiiqii - miila kaayyoo!
@Walaloon_Jaalala
Ee...
Dhufa keef ilillee labsee
Utuu in bulin
Jechi kee hamilee cabsee
jibba nan ulin
Gadda kootiif seeda taatee
Yoon ol seenu boroon baatee
Maaf suksukta cookkoo faanaa
Kormi kee maaf jibba gaana
Akka lukkuu...
qarabaa qalmaa maaf haata
Baaftee lubbuu
akka cabbii maaf dhangalaata?
Yoom koo taata...
Didnaan anuu...
dugda hindaaqqoon siif diriirsa
Toora kee...
Sooreef Boontuu nan hiriirsa
Gaafas gaabbiin duuba kee ilaaltee
akka niitii looxii dhumta baqxee
Eelaa gaabbiin mankaraartee
miira kee taaziyaan laaqxee...
Achiis lufta
Natti dhufta
Dhiifamaaf kufta
Aagii tufta
Anis ...
Deemin jedha
Kanan fedha
© Kenbon Ab
Safuu
Dur Gaangen hin dhaltu jedhu
Seera uumaatti beekna
Barana Gaangeen dhaltee
Sangaan dhalinnaa eegna
Safuu fi safeeffannaan
Seerri uumaa tumame
Hammeenyuma namaatin
Waan baay’een jijjiirame
Namni namaaf dawaadhan
Mammaaksa durii fakkaate
Uumama hundumaa caalaa
Namatu namatti hammaate
Yoo jabaatte hinuma moota
Jiruu gadadoof deegaa
Namni namooma gateera
Namuma irraa of eegaa!
✍️ Etika Teferi
@Walaloon_Jaalala
Kan uumama yakkee
Waan hin jirres fide
Kan cubbuus bocatee
Dhugaa arguu dide
Baraa mitui nama
Barri maal balleesse
Deemeet jijjiirama
Badii isaatin malee
Akkamiin yakkama?
Osoo ganna roobee
Aduun bonaa dhaamu
Osoo birraan habaabe
Cidhaaf nama yaamu
Osoo akkuma lixxeen
Aduun hin hafin takkaa
Balleessaa isaa kamiin
Namni bara yakka?
Osoo akka namatti
Barri karaa hin bulin
Yookan garaaf jedhee
Karra namaa hin galin
Kan faaydan bitamee
Karaa irratti hafu
Kan garaa guuttatee
Bakkuma oole rafu
Kan garaarraa-n hafne
Osoo ilmi namaa jiru
Inni dhibamee-n ciifne
Kan fageenya hifatee
Deemsa isaa-n dhiifne
Bara maalif abaaru?
Bara hamtuu diigee
Sona namaaf ijaaru
Kan laafaa utubee
Dadhabaa gargaaru
Bara hamaa jedhanii
Maalif xuriin qaqqabu
Barri waa hin yakkine
Badii homaa hin qabu
Jemal Gelesa
@Walaloon_Jaalala
---------
Bara bokkaan badee, maddi Waaqaa gu’ee
Gonbisaanis onee, caamsaan saawwa fixee, abdiin namaas du’e
Yoo humni jiraatee...
Dugdi lafaa kaate,
Takka mana seenee, takkas manaa ba’ee
Takkas amuummadhee, takkas quqqufa’ee
Haadha-warraa fi maatiin wal argaa qaanayee
Ollaan bita fi mirgaa namni hunduu jeeja’ee,
Kunoo bara sana
Bara badii sana…..
Gobocorroon sirbee waraabessi himimsee
Wangoo fi sareen diida, reeffa dhala namaa, ija quba keessee
Bineensa daggalaaf cidhaa fi sirba ta’ee, wal aryee gaansee
Waaq nurraa hirdhisee, isaanin badhaasee
Isaan garaa guutee nuunimmoo kakaase,
Kunoo bara sana...
Dacheenis gaafanna
Waaqas inkomanna
“Dache yaa dinqitu, yoo sooressa nyaatte isa shittoo qabu
Hiyyeessa hin balfituu…? Isa cittoo qabu!
Yaa Waaqayyo gooftaa yaa ’bbaa guungumaakoo
Roobdee magarsitaa, jeejees dhidhimsitaa, yaa ’bbaa hundumaakoo
Baala midhaan gootaa,
Kuulees sa’a gootaa
Muummees laga gootaa
Yuuyyees nama gootaa
Ana hiyyeessakee uumtee attam na gootaa?”
Jennee kokkomanna
Boonyees kakkadhanna
Isaa bagas jenna!
Dr. Zalaalam Abarraa
@Walaloon_Jaalala
✅ Garii durii (Old telegram) warra qabdaniif
✍️Baayyina miseensa Group hin barbaannu
✍️ Gatii madaalawaan ni bitna
➡️2019
➡️2020
➡️2021
➡️2022
Gatii 🟥 🔂Gatii group ittiin bitnu
✍️2018- 500birr
✍️2019- 400birr
✍️2020- 300birr
✍️2021- 250birr
✍️2022- 200birr
2023 ji'a jan-may kan baname
✔️Kaffaltiin : Telebirr, CBE
Gurguruu warreen barbaaddan inbox 👉 @Kaachuu_YW
⚠️ Hubachiisa❗️
⛔ Baayyinni Member ''0'' s ta'ee baayyee gatiin waluma qixa. Nuti kan barbaannu bara itti banamedha.
✅two step verification ta'uu isaa check godhaa
💗💗💗 💗💗💗💗
@kaachuu_YW
Abdii kuti,
Eyyee abdii kuti!
Muka guddaa hin taatu
Xaxamtuun coqorsaa
Abdii hin kutiin jedhee
Maalittan si gorsaa?
Ol joortee - gad joortee
Of hin dhorkiin fayyaa
Abdii kutii dhiisi
Abdii kutuu wayyaa!
Waan bu’aa sii hin taanetti
Maal gochuuf dadhabdaa?
Jibbaafi inaaffaarraa
Abdii kutuu qabda!
Abdii kuti maaloo
Of hin cabsiin ceekuu
Jaalala lagatee namni jibba abdate
Galma ga’ee hin beeku!
@LataaQanaii
Chaanaala miseensa 10k ol qabu ni bitna. Namootni gurgurachuu barbaaddan @Kaachuu_YW irratti nu dubbisaa.
Hub:- "Hi" jechuu sin hin barbaachisu waa'ee chanaala keessani fi gatii itti gurgurtan qofa nuuf barreessaa.
🎬 Abbaa Malkaa 🎬
Fiilmii Leencoo Fiqiruu mata dureen isaa Abbaa Malkaa jedhu, kan Taatoowwan buleeyyii fi Barattoota akkaadaamii taatummaa Abbaa Lataan akkasumas ogeessota gurguddoo industirii Fiilmii fi Muuziqaa biyya kanaa keesaatti shoora guddaa taphataniin kan hojjatame haaldureewwan isaa hunda xumuree jaallattoota aartii Oromoof dhiyaachuuf jedha.
Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa Sadarkaa idil-addunyaatti akka ilaalamuuf subtitles waliin kan dhiyeete Fiilmiin Abbaa Malkaa galma Tiyaatiraa Biyyoolessaatti gaafa guyyaa 23/02/2025 (16/06/2017) kan eebbifamu ta'uu isaa yemmuu sin beeksisnu gammachuu guddaadhani.
አባ መልካ
በሌንጮ ፍቅሩ የተሰራው አባ መልካ የሚል ርዕስ ያለው ፊልም በነበረና አዳዲስ የአባለታ ትወና ትምህርት ቤት ተማሪዎች የተሰራ በታዋቂ የፊልም ባለሙያዎች የተዘጋጀ ድንቅ ፊልም ቅድመ ዝግጅቱን ጨርሶ ለአርት ወዳጆች ሊቀርብ ነው
ደረጃውን የጠበቀ አዲስ የአፋን ኦሮሞ ፊልም በአለም አቀፍ ደረጃ ለእይታ እንዲበቃ ተደርጎ ከእንግሊዘኛ subtitle ጋር የተሰራው አባ መልካ ፊልም የካቲት 16/2017 ዓ.ም በኢትዮጵያ ብሔራዊ ቲያትር የሚመረቅ መሆኑን ስንገልጽ በታላቅ ደስታ ነው
USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.
Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu
Ijayyuu hin bananne
Fuulayyuu hin haqanne
Anoo biqiltuudha
Baalayyuu hin naqanne!
Ifa addunyaa arguuf
Barnoota filadhee
Reefuun qalamaafi
Dabtara bitadhe!
Abjuudhaan fagaadhee
Laga meeqa ce’ee
Baay’een of abdadhe
Nan guddadha se’ee…
Ni hafe egaa kunoo
Abjuun koos karaatti
Na kutan - nan cite
Deemeera nagaatti!
Ani waggaa kudhani (10)
Hamaafi gaarii hin beeku
Dabareen dhufanii
Na micciiran ceekuu..
Iyyee…boo’ee…boo’ee
Imimmaan of jiisee
Afaan na cuqqaallaan
Humna dhabeen ciise..
Achitti….
Gudeeda koo banan - miila koo harkisan
Innumtuu xiqqaatee
Mukaatti ol baasanii funyoon na fannisan!
Gidiraan Oromoo
Anas na waammatte
Hireen koo ijoollummaa
Kanumaan raawwatte!
Dhiiga kiyya jigu
Lafee kiyya cabu
Dhugaa koo falmitu
Jedhee abdii hin qabu!
Ani obbaafadheera
Ergan boolla seenee maaltu na doorsisaa?
Isin warri haftan
kanuma dandeessu boo’aa wal boossisaa!
Ana, Simboo Birhaanuuti!
Warra jiraatti du’e hundaaf!
@LataaQanaii
Namootni hin jalqabin otuu daftanii jalqabdanii gaaridha.
/channel/TrumpsEmpireBot?start=friend=356935815=adjust=1h9jgqbc
Play with me, build your empire, and get a token Airdrop!
Also, get a FREE Welcome bonus:
⭐️ 30 STARS for common users!
⭐️ 90 STARS for Telegram Premium!
USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.
Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu
Durillee....
Naman qabaaf of abdadhee
Hundumaa ittan obsa
Of bukkeetti qabaadheen
Waan hunda itti obsa
Har'ammoo....
Naman qabuun jibbamee
Akka cubbuu lagatamee
Imimmaankoon cobsa
Hiree kiyyan arrabsa😥
#Bilisummaa_Shibbiruu ✍🏻
@Walaloon_Jaalala
Chaanaalota Afaan Oromoo hundumtuu join otuu gootanii baayyee fayyadamtan kanneen ilaalaatii itti makamaa. Chaanaalota jajjaboo namuu beekuu qabu
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
On AiTube ( https://tglink.io/2f34f43422c1 ) you can:
- Upload AI Content: Video, Audio, Text, Images!
- Get income from Likes, Downloads, Sales!
- Buy AI Art Collections and earn on it!
Ajjeesi ammas ajjeesi
Dafii nadhii garaajabummaa kee baasi
Corroqa dhiiga jigsitus kuusi
Gaafa hidhaan dhiigaa kun guutee citu
Gaafa dhugaan cubbuu kee gitu
Lolaan dhiigaa kun si liqimsee akka kutu
Kuusaan cubbuu kee si dhidhimsee akka lixu….
___
Abbaacabsaa,
Amajjii 17, 2025
@Walaloon_Jaalala
Ani
.....
Jaalattuukee ishee siif yaaddu
Amanamtuukee yoomuu sin kaadu
Obsituukee Kan si dhiistee hn tarre
Sirraa adda ba'uuf Kan biraa hn barre
Ati
.....
Kan filatamte Kan jaalatamte
Keessa kiyyatti bakka Kan dhuunfatte
Beektee amalakoo naaf yaadda dhugaasaa
Kan walii baga taane kun guddaa badhaasa
Dibooraa
@Walaloon_Jaalala
🔥✔️ Kittyverse - $3 withdraw godhadheen jira!
➡️Withdraw gochuuf TON address qofa na gaafate.
/channel/kittyverse_ai_bot/play?startapp=u1180443706
Hub: Airdrop kun guyyoota muraasa booda kaffaluu dhiisuu waan danda'uuf ammuma dafaa itti fayyadamaa!
Naaf gala naan hin jedhin
siif galuu keen olta'ee
fagaatera qaari'ee...
sin hubadha naan jettee?
utuutii nan hubatiin
halkanni meeqa dhiyee
guyyaan meeqaa waari'e 🤔
Amma ati itti yaaddee
sin hubadhe naan jettuun
wal hin kiphu giti'saa,
isheeti irra keessaan
na hubattee jirtu miti
fageenyichi miti'saa!
Safartuu dhukaaf yaadaa
hasaasa laphee waliin
hima malee safaruu...
si Isa hormaa mitii
anaaf iyyuu gaaffidha
Waaqayyoof malee hin galuu
Yaadannoo W🖤🥰
Seen-duubee dhokataa,
Dhoksaa atin beekne,
Dhufa kankee dura,
Filannoo siin'teenye!
Dachee kana gubbaa,
Fedhiikeetiin duuba,
Jiruun gadadoo kun,
Jireenyakee huba!
...
Gadaa
✅ Garii durii (Old telegram) warra qabdaniif
✍️Baayyina miseensa Group hin barbaannu
✍️ Gatii madaalawaan ni bitna
➡️2019
➡️2020
➡️2021
➡️2022
Gatii 🟥 🔂Gatii group ittiin bitnu
✍️2018- 500birr
✍️2019- 400birr
✍️2020- 300birr
✍️2021- 250birr
✍️2022- 200birr
2023 ji'a jan-may kan baname
✔️Kaffaltiin : Telebirr, CBE
Gurguruu warreen barbaaddan inbox 👉 @Kaachuu_YW
⚠️ Hubachiisa❗️
⛔ Baayyinni Member ''0'' s ta'ee baayyee gatiin waluma qixa. Nuti kan barbaannu bara itti banamedha.
✅two step verification ta'uu isaa check godhaa
💗💗💗 💗💗💗💗
@kaachuu_YW