waltajjii_walaloo | Неотсортированное

Telegram-канал waltajjii_walaloo - "WALALOON JAALALA"

12171

Yoo xiqqaate namni tokko namoota 10 garee kanatti dabaluun dirqama

Подписаться на канал

"WALALOON JAALALA"

Erga ati deemtee….

Raatuu beektaa? Raatuu taane
Bakka ciisuu kan hin kaane
Kan duuti dhaqnarra hin yaane…

Irmii beektaa? Irmii cubbuu
Warra nyaatu gatii lubbuu
Kufaa jirmaa - hin dhaabannee
Gumaa ilmaa - hin gaafannee!

Erga ati deemtee…

Dagaleen keenya uratee
Sagaleen keenya cufate…
Yaa Haacee koo!
Hin qajeelle - homtuu hin tolle
Yaranneerra - namummaa wajjin wal lolle!

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Jaallattu hin bulfatiin
Jibbitu hin dhungatiin
Haajaa kee himadhuu
Miira kee baafadhu!

Addunyaan gantuudha
Amma...
Akka aannan harma haadhaa
Ammoo akka bulgaatii
Waan lama si gootii
Kan amma dhalatte
Amma du'aaf taati
Namni akka hurkaati🥺

Taliilee
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Gafaa Gafaa natti siqaa
Natti dhiyoo
Akkaa ijaf imimani
Akkaa afanif funyaanii
Naraa siqaa naa baqataa
Gafaa kanii

Gafaa Gafaa ana malee
Gattii dhabaa
Akkaa hadhaf ilmo
Akkaa kirif limo
Gafaa gafaa nara dhessaa
Akkaa harref warabessaa

Har'aa asdii boruu achii
Hin bekamu wa Baki issaa
Natti siqaa naraa hiqaa
Naf hin galee an akkissaa

Bu'aa maleen sif joji'aa
Dhamaa rassee bishan tumuu
Nan walalee dhamatin Koo
Guyyaa dhumuu

Natti siqaa naraa hiqaa
Qalbii tiyyaa kichuu hamte
Hardhaa kotuu hin jirane
Malif borii kiyyaa samte

Demuu ketif abdi kutee
Akkaa cufee ta'uu karraa
Yokkan senii yokan benuu
Hiqii naraa

By mashilu
....... F dhaf
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Wali issaan walale
issaa toluuf isa hin tole
issaa garif hammaa
Addaan basuf ta'ee mamaa

Tokko taa'e jiruu ragaa
Takka Qaaluu waraa bekkaa
Kanis rafe waa akekaa
Takka abbjuu baraa degaa

Noruu jedhe Galmaa senee
Dinqaa ta'aa akkaa bekkaa
Har'aa issaa Kan hin bekne
Boruu Kan kee sif akekaa

Bayanachuf sitti kufaa
Akka namaa ilkan kolfa
Siraa nyatee si balesaa summii bataa akka bofa

Baraa gariin abbaramee
Baraa daban ebbifamee malaan ta'ee mala dhabe
Bekkan kufee takkalame

Baraa ta'ee baraa lakku
Ini kodden kodde shakku
Mee nuf raggi abbaa bokku
Yoo sif galee dubin lakkuu

Faaruu
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Hin beekne

Dhuftee ilkeen natti kolfaa
bultee akka taatu golfaa...

Akka gaana lukkuu
na qoffaatee gubbee
Siif aramee shooggaruutti
bar'uun harkaa gaaf na dhubbe
Sin beekne
Hin eegne
Akka bultee raammoo yaaftu
Akka aramaafaa baaftu
Akka sanyiin kee xaa'oo gaafatu
Akka dadhabbii koof corqaa taatu
Ati garuu...
Bultee kaatee
Maseena taatee
Ija dhabdee
Hormaaf labdee
Dadhabbii koo yeroo arfaasaa
harka qullaa na hambiftee
Callaa taatee warra hormaaf
gabatee irbaatasaanii'rra ciiftee
Ana qorri arfaasaa hube
saafaa bonaatti gad dhiiftee...

Amma dhuftee
Karra cuftee
Oolmaa koo maaf iyyaafatta
Waa'ee kiyya maaf gaggaafatta
Ani qaatan si awwaale
Jiraachuu kan kee wallaalee
Namni imaanaa nyaate
Ofiin gaabbiitti of laate
Kan kees hireen kana taate

© Kenbon Ab

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Isaayyaas hin jedhiinaa, “Issuu” jedhaa jedhan.

Nyaata afaan kaa’an

Qubeelaa qubatti kaa’an

Ol fuudhanii fardarra kaa’an

Gaachanaafi eeboo harka keessa kaa’an

Gaabii qoleerra kaa’an…

Garuu inuma dide jaarsi.
Amma kunoo as galagalee, “Oromummaa” keessan waliin qilee lixaa nuun jechaa jira🤕

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Qof-dubbii marsaa haaraa

Akkuma kana dura sin beeksisnee turre. Qof-dubbii Barattoota keenya kan marsaa 2ffaa fi 3ffaa kunooti siniin geenyeerra. Maarree akkuma barame gara fuula Yuutuubii keenyaatti imaluun dandeettii ijoollee keenyaan akka bohaartan kabajaan isin affeerra.

Link isaa gadii irraan ni argattu

Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa
Galma Kalaqaafi Dandeettii

https://youtu.be/2M-Avxj0sH8?si=UDxM6AaJfA-KxMe2

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Sagantaa badhaasaa Ilil yaalee jedhu irratti Best Music Video dhaan qajeelchaa beekamaan Leencoo Fiqiruu sirba Guutuu Abarraa Iyyoolee jedhuun dorgomaa waan jiruuf sagalee keessan akka laattaniif kabajaan sin gaafanna.

Link

https://elelyaleshilmat.com/

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Boqonnaa darbeef isa ammaa..a

Boqonnaa darbe keessatti si baradhee
Boqonnaa isa haaraa keessattin si dagadhe!
Boqonnaan darbe...
abdachuudha
argachuudha
Egeree keenyaaf waan gaarii akeekuudha
caalaatti wal beekuudha
Boqonnaan darbe...
wal barbaaduudha
guyyaa cidheeffannu yaaduudha
Boqonnaan darbe...
qabeenya waliin horachuudha
ilmaan lakkuu godhachuudha!
Boqonnaan darbe...
roorroo waliin qolachuudha
bonee keenya'rra aanyii gaarii qotachuudha🥺

Boqonnaan inni ammaa...💔
wal lagatanii
wal baqatanii🥺
kopha kophaa utaaluudha
aarsanii wal ungulaaluudha
jaalalaan madeessanii wal awwaaluudha
maqaa walii wallaaluudha
hamaa walirratti yaaduudha
gammachuu walitti aaduudha

Boqonnaan darbe adiidha
Boqonnaan inni ammaa badiidha
Yoos....
Kottu boqonnaa haaraa cufnee
kaleessatti achi lufnee,
Boqonnaa duriitti dabarraa
irra deebinee wal barraa
Yoos...
Ijuu qoortee ifa argitii
Lapheen misoomtee margitii
Hanga yoomiitti hireen wal nu jalaa darbiti?

© Kenbon

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Nuyiif...

Tulluu kiiloorra keenyee
Galaana otoo saffarree
Isaantu irra salphata;
Hamminaan liqimfamee
Badii raawwataa ooluun
Namni baay'ee ulfaata!

Taliilee
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Si dagachuuf yeroon yaalu
Si beekuu koo gaafan haalu
Maqaa keen dagadha
Yaada keen baqadha
Hafuura keen of laga
Baran si baren of daga

Guyyicha'rran utaala
Seenaa koo keessaan si gulaala
Si wallaaluufaan yaala
Waa'ee keen qotee awwaala
Kana booda...
Siinan ooda
Jedhee,
Si wallaaluu fedhee
Barbaadaa walakkaa cuubee
Seeda keenya gubee
Garuu...
Si dagachuuf hamman yaalu
Waa'een keekan dachaa na dhaalu,
Si dagachuunuu,
Si aggachuunuu,
Jaalala kee caalaa nama miidha
Dafqa illeetiin gudeedi nama jiidha

Saanduqni kun in dagatamu
Hin baqatamu
Suura keenya isa waraqatarraa
nan gubee abiddatti qabee
garuu...
Suura kee isa na keessaa
gubee balleessuun dadhabe

Kanaaf sin dagadhu
Hin fagaadhu
Anuma keessa jiraadhu

© Kenbon Ab

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Mee Warreen Abbaa keessan Jaalattan harka baasaa

Ishoo isiniif kunooti waa qabanneerra

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

https://vm.tiktok.com/ZMB7EqvU5/

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Na keessatti si arganii
Na alafkachaa,
na cirrifkachaa darbani!
Giroo isaaniiti
An lubbuu biraati
Kurmaanni dirrisu
Sirraa nan ittisu!

Orma mitii anuu hindandeenye
hidhee mana of hinkeenye!
Hariiroon keenya gaara
Onnee machooftuu caala!
Qilleensi bubbisu
Sirraa nan deebisu!
-
Akka re'eefii akka qeerransa
Warri wal quncisu kaleessa;
Bara walirraa buqqisetti qeensa
Ani hindhaga'u qilleensa,
waan fedhan,
haa jedhan,
yoomiyyuu ati na keessa!
Firummaa Hayila-Sillaasee hinqabu;
kan badu gaafa lolaa
kan dhufu gaafa tolaa
nan oofu bubbeen ololaa!
Sirrattis ololamu,
Ittiinis qoccolamu,
Oduun nan fidne sitti
Kanaaf an hinbulu itti!
Gaafa tolaas, gaafa lolaas si faana
Wiirtuu jaalalakootti si qofat aana!
-
Kakaaf ga'uunkoo,
Waadaa galuunkoo
Jabaa ta'ee miti kan naaf danda'ame
Keessoo kootu addatti siin qabame
Nama tuqame keessisaa
humna akkamtu teessisa?
Anaan,
Ija miti, qalbii kootu sitti na'e
Isatu; haphee laphee natti ta'e
Eenyutu si kaasa achirraa
suga qalbii- miira dirraa!
...
Ru'ii ru'ii keessa burraaqxu jabbiffa
Qalbii akkamiitu danda'eetoo balfa?
Dibbee alaa-halaalaa dha'amu
Ittiin sirbuun naan danda'amu,
tasumaa,
kanuma.
-
Warri na cirrikfatan
Akka diniqfatan
Warri waanmallee haasa'an
Gaaftokko akka qaana'an
Abdiinkoo baroodha
Murteessaan yeroodha,
An siif iddoon qaba;
iddoo -- giidoo jabaa!
* * *
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna.

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Harkakoon;
Jilbakoo ciqilee
Maddiikoo utubee,
Fuulduratti achi-
Huuruukoo udumee
Yeroon ya'a yaadaarra,
Yaadakoon imalu,
Waca diidaa caalee,
Callisa keessa kooti,
Wanti anaaf galu!
.....
Gada

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Garuumee...An hin beeku malee
Akkasiif sanaasaa akkanaaf kanaasaa,
Yeros...
Libsuuttan hatame
Ofirraan dhabame.
Dhufaatiisaan shakke
'Ih' jennaan sin arge.

Waraana baatteetta
Guutummaa keerratti.
Deebisuun dadhabe
Ijakoo sirraatii😒
Waan akka #Mitaatii!
Moo #Ergamaadha ati?

Daraartuu Beekaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Tarii kan siif ‘homaa’
Abbaaf garuu kumaa -

-baay'eetu jira, ittillee jiraatteetta
'Homaa'f 'kumaa'n marfamteetta!

Garuu inni,
isa hinbeekneef homaa
isa beekuuf kuma.

Kanaa’ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Imimmaan jaalala dhugaaa
Akkuma bokkaa siif cobsee
Jaalala dhugaa si jaalladhee
Jireenya kootti jibba labsee!
~
Halkaanif guyyaa hin qabuu
Kanan gubaa jaalala kee obsuu
Iddoon imimmaanii na gu'ee
Beekii siif akkan dhiiga cobsuu
~
Waan hundumaa na jibbisiisee
Waa'ee keen buusee baasaa
Imimmaan jaalala dhugaa
Akka bokkaan siif lolaasaa
~
Gaafan waa'ee kee yaaduu
Jechan ittin ibsuun dhabaa
Waanuma gati jabeessaa
Ani suma qofaan qabaa
~
Meerkuurii fi Warqee caalaa
Dachaa dhibba naa caaltaa
Kana keessaa garuu atii
Jaalala dhugaa wallaaltaa
~
Ani jaalala keetiif jedhee
Maatii koon wal-dhabee
Waadaan koo ganamaa
Utuu galma hin ga'iin cabee
~
Akka nama sammuun darbeen
Waa'ee kee taa'ee mammaakaa
Garaachi koo dalagaa isaa dhiisee
Waa'ee jaalala keetii daakaa
~
~
Jaalala keetiin caccabeen
Onneen koo sumaaf dhiigaa
Jaalala kee irraa fayyuufan
Dachaaf gaara irra fiigaa.


By 👉 Simboo Oromoo
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Jireenyuma kootu...
Oliif gad fiiguudha
Boru bareechuudhaaf
Har'a ijaaranii diiguudha.

Akka waan maraatanii
Akka waan jinnii wayii baatanii
Akka wanta boru cidhaaf of qopheessanii
Akka waan du'a jalaa dheessanii

Asiif achiin
Osoo hin dhugin machiin
Gamanaaf gamasitti
Hammanaaf hammasitti

Gargar hiramuudha
Asiif achi ciramuudha

Bitaa nama gala waa'een anaa
Dhugaadha...
Jireenyuma kootu akkana!

Malee...
Ani si arguu lagadhee
Yookiin ammoo gonka si dagadhee
Gola onnee kootiin si ari'e miti
Jireenyuma kootu....
Kan biizii na godhu joonjessaa wayiiti.

Dhugaadha...
Si beeka ammayyuu
Akkan gaafan cabu siin fayyu
Akka miidhamnikoo harka keen yaalamu
Kun ana biratti yoomuu hin wallaalamu
Tolli kee anaan gonkumaa hin haalamu!

Kanaafuu qaama koo
Isan si dheessu sodaa rakkoo
Jibbadha hin se'in jaalala koo!

Waan hin jirreef eessayyuu akkikee
Sumaafi qaama ko yoomiyyuu bakkikee!
Kanaafuu naaf barii balleessi shakkiikee

✍️Martinaan S
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Yoo innii siif tolee
Gamakee dhaabatu
Fannoo siif qophaa'es
Itti hin rarraafamtu.

Gamakeetti goree
Gaafa innii siif lolu
Warra si jibbantuu
Siif gad jechaa oolu.

Gaafa innii gubbaa’rraa
Siif ajajuu mootii
Hamaa keef dukkana
Siif guyyaa ifaati!


✍️ Ebise Teshome
@Walaloo_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Akka muraa goommanaa,
walfakkii isa yoowwanaa,
habaqii qilleensa keessaa
humna akkamtu calleessa?
Argi wal fakkaatu,
Qalbii wal fagaatu!

Otoo,
Lallabni sirriin dhaga'amee,
Taajjabbii lammiif qaana'amee,
Silaa hunduu danda'ame.
[Hawwiin garaas
gaaffiin baraas]

Garuu,
Inni har'a fuulduraa, boru diinqa gala
Sob-daneessa tinfu, sobni soba dhala
Ilka-guddeessa
Ija-mukeessa
-waliinuu yaana
addadda taana,
Eechatti baana?
.
Isaa-firkuu kan baranaa,
baruma isaatu akkanaa!?
* * *
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Gaafa sana .... Har'a kana
- - -
Gaafa sana,

Sumatu rakkoo qaba
rakkoo akkaan jabaa!

Gaafa sana, situ;
Waanin jedheef hinseeqne
Waanin jedhes hinbeekne

Kaayyoonkoo garuu lama ture.

Xiqqoo si seeqsisuufi
Guddoo si beeksisuufi!

Har'a kana,
natu rakkoo qaba
rakkoo akka adabaa!

Har'a kana natu,
Kaachan duwwaan xumure yaadata
Waanan siin jechaa ture jaalata!

Rakkoonkoo har'aa lama ta'e.

Kaleessa hin fayyifanne
Har'a hin hambifanne!
* * *

Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

With its advanced technology and customer-centric approach, Global Cloud Mining offers a sustainable way to mine cryptocurrencies in 2025. Whether users are experienced investors or beginners, the platform ensures profitability and ease of use.
Become a new member and receive a $18 credit to spend on the platform. This bonus is a welcome bonus and a recognition of your earning potential.

Join cloud mining, free airdrop, start your journey to crypto wealth!Limited time airdrop, free mining machine to help you mine easily, enjoy the benefits every day!

**High-yield contract plans to choose from**
Looking for higher returns? Join a more profitable contract plan to achieve long-term performance growth. These flexible plans help you steadily increase your income while optimizing your financial planning.Official
website: https://35global.com

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Tarii...
Hin argitu ta’a siif hin galus ta’a
Hin hubattu ta’a na shakkitas ta’a.
An garuu…
Muka kakaa hin qabu
Waaqaan kakaa hin labu
Jechi yoo naaf cimses miirakoo naaf ibses,
Isan si jaaladhu ragaa hin waammadhu!
Maaf…
Ragaankoo anuma
Gochikoo ni hima.!
Ijikoo fajajee afaankoo ajajee
Jechi yoo hillimes yaadni yoo cillimes,
Isan si jaaladhu ragaa anaaf ba’u
Isan siif wawwaadhu in dhabdaa of na’u
Malee...
Isan si jaaladhuuf
Anatu guunguma.
Anatu tarsaasee
Anatu huduma.

Isan si jaaladhuuf
Anatu si goola.
Anatu of jibbee
Anatu of foola.

Isan si jaaladhuuf
Anatu si shakka
Anatu sassatee
Anatu siyakka.

Isan si jaaladhuuf
Natu-mala dhabe
Natu sagal cabe
Anatu,
Aariidhaan bobba’a
Sin dhabaan boba’a
Malee …
Isan si jaaladhuuf
Ragaankoo anuma
Gochikoo ni hima!

Haftee Baqqalaa ✍️
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Maal ulfinni simboon Waaqaa!
Maal ayyaanni at waan meeqa?
Maal miidhagni onnee kaasu!
Maal mararteen garaa raasu!

Leensii ijakoo fajachitee
Akka duumessaan na golgitee
Akkan-sin laalle na dhorkite.
Foolii addaan na weerartee
Na keessatti wareegamte.

Daabee ✍️
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

🤫Garaankee maal yaada
...............................
Jaalalaaf dhuftemoo
Onneekoo dhamaasuudha
Dhugaa keessa kooti
Tuttuqxee madeessuudhaa
Mana naaf ta'uumoo
Man'ee koo diiguudha
Anaaf yaaduumoo
Gandarra fiiguudha
Anaaf hubachuumoo
Kiisii koo fixuudha
Jaalalaaf dhabakoo
Walqixa ilaaluudhaa
Moo...
Ulaa kiyya bantee
Hattuu seensista
Yaadakoo isa gaarii
Hudhaatti kuttaa
Biddeenkoo golaa
Alagaa soortaa
Boriif olkeessamoo
Quufteetu machoofta
Onneekoof bitamtee
Jaalala barbaaddaa
Moo faayidaa keef
Qarshiidhaaftu aadda
Fedhiinkee Naan galle
Garaankee maal yaada🤔

---
By Dibooraa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Callisuu'rra...

Ganni kee bonee
Lapheen kee onee
Keessi kee hiyyoomee
Fedhiin yoo si doome...
Ee...
Ni dheessita nama maraa
Hin himattu dhibee garaa
Jaalallis jibbis hiika dhabee
Jiruunis duunis waliin labee
Waliif cabee...
Hedduun si beela'ee hagabee
Si dhuunfachuus dadhabee
Hormatti kooluu galuu jalqabee
Kiiloleen dhibbooti siif lallabee
Lapheen kumaa siif caccabee...
Si argachuutti ofuu dhabee😏
Ammoo...si
Shir sin godhu sin si'eessu
Hadha'aa kee hin mi'eessu
Hin hinaaftu
Hin hiraartu
Gogeera kaleessa dheengadda...gaaf tokko lapheen kee
Wal hin gadhiifne qabeera jabaatee hapheen kee
At
Turuu namaaf hin miiroftu
Dhufuu namaaf hin si'ooftu
Jecha keetu humna dhaba
Callisni kee sookoo qaba

Yoo dubbatte, in miita
Kanaaf luugamaan of hiita
Jecha tokkoon kuma dhiigsaa
Qe'ee gaabbii keessa fiigsaa
Of komachiiftee hambisuu'rra
Bulluqa gaabbiin danfisuu'rra
Dubbachuun hin caalu callisuu'rra

🤨

© Kenbon Ab

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Yihudaan Baga uumame!
...
Otoo si faana imaluu
Si waliin oolee galuu
Kan siin wal fakkaatu
Si faana dhugee nyaatu
Si waliin guyyuu kaatu
Dabaan haa jiraatu!
-
Kan si ciniinee hin beekne,
dhungoo malee
kan si cinaa hin dhabamne,
durgoo malee
Gaarreffannaakee kan hindhufne
Arrabnisaa kan sin tuqne
Inni yaa'iitti koodee fakkaatu
Inni garaatti qoree baatu,
Dabaan dabu haa jiraatu!
-
Raagamni hafuu baatus kan ganama murame
Hamaan riqicha ta'u, Yihudaan baga uumame!
Hammeenyi Yihudaa, Yesuus gurgursiisee
Du'a Addaam fide amanaarraa xumursiise!
***
Baga geessan
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Abboommii waaqaarra
Kan bofaa caalchistee
Firii isa dhorkame
Dhirsashee nyaachistee
Ishee Addaam gowwicha
Yakkamaa taasiste...

Hewaaniin maal caalta
Maafan si amana?
Nama waaqa ganetu
Naaf ilaa namana?

Gamechu Tsegae

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Namoota Editing fi Cinematography barachuu barbaaddaniif Chaanaala bareedaa kana subscribe gochuun irraa fayyadamaa!

https://youtu.be/HPhJjHyMLF4?si=PaNxwugXtq1Ra-gr

Читать полностью…
Подписаться на канал