waltajjii_walaloo | Неотсортированное

Telegram-канал waltajjii_walaloo - "WALALOON JAALALA"

12171

Yoo xiqqaate namni tokko namoota 10 garee kanatti dabaluun dirqama

Подписаться на канал

"WALALOON JAALALA"

Jechi
Ol nama kaasa
Nama gammachiisa
Muukii dhabamsiisa
Mijuu argamsiisa
Dhiphuu furguuggisa
Abdii horachiisa
Jireenya feesisa
Jannata geessisa
 
Jechi
Laphee buusa
Miira cabsa
Hawwii dabsa
Abdii dhaamsa
Humna nafsa
Jibba rabsa
Kophaa tursa
Abdii dhorsa
Jiruu onsa
 
Eeggadhu
Jecharra ulee wayya
Madaan qaamaa bulee fayya
Jechi chaappadha… ichima tumamte
Af-Baanan dhumaadha… Dhadhaa qilee buute
 

Kaachuu
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna.

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Anaaf Ana caala
Namni yaadu’n jiru
Gaaffii keessoo kootii
Homtuu naaf hin furu

Guutummaa isaa TikTok irraa argattu. Follow, Like, Comment, share and copylink

https://vm.tiktok.com/ZMByus1BW/

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Gariiniif callisa, akka hasaasaa;
Kaaniif iyya, sagalee dhukaasaa!

Gariiniif, miseensa maatiiti;
Manumatu olka'ee simata!
Kaaniif, akka kara deemaati,
Qophee malee, beelasaa himata!

#Innis...
Warra eeggataniif bu'aa;
Warra 'in beekkatiniif du'a.

Hatatunaf 🦋 🖊

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

WAA'EE MAQAASAA !

Eegee koochoo Iliyaada isaatti rarra'ee
kan inni yaadaan bararu,
Galma masaraa milkii dhaaluu qofaaf miti dhalli namaa jiruun hiraaraa kan jooru;

Wal'aansoo turtii maqaasaa
awwaalchaa olitti,
Yaaddoo yaadannoo dachee irraati.

Jiraachaa...

Jiraachaa...

Jiraachaa...

Maqaa isaatiif jecha,
Qaawwaa jiruusaa duuchaa,
Osoo dhama'uu gidduutti,
Holqa gadi fagoo du'a jedhamutti,
Lubbuunsaa dhidhimti.

A j a a ' i b a !

Dhalli namaa ...
Addunyaa keessa hin jirreef illee
waa'ee maqaasaa cinqama.

M u b a a r a k S u l x a a n !
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Yaa gurbaa laga harbuu gamaa
Yoo rigaa naa murte maalii?
Ulumaayii burree gootee
Silaan kaata, silaan baataa
Onneen kiyya sitti gamaa
Yoo guyyaan naaf dhufte maalii
Dallaa keenya duubaan lootee
Halkan bineensi sinyaataa

Laali birbirsa abbaa Boruu
Isa hojjaan samii ga'ee
Laali awwaara miilla koo
Si barbaachan qurcii ta'ee
Ati hin dhuftu na joorsitaa
Si hidhan moo ni obsitaa?
Bakkanniisa muri murii
Isa afannee qabdoo teenyuu
Har'a hafnaan turi turii
Nu lammata wal hin geenyu!

Taliilee
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Qooda doosee lama walakkaa ,
Gamii-gamoo dafqa biifnuu..
Ala-tokkoof, gara tokkoon
Dhaqii deebii walii dhiifnuu?

Wasaasoo dirra lamaan,
Amma dirreetti maraannu,
Yookan wal-jaalannee, hafu wal-jibbinee, maaf Jaalalaan hin jiraannu?

Jechuunkoo....
Silaa duuti hiixuun ooltuu,
Sodaa namaa du'a tollaa,
Uumamaafis oodaa haa ta'uu
Koottu Jaalalaan wal-lollaa!

🫴Silas hin dhuftii hxrw

Oli Wak

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Dhiifama!

Torba, torbaatamii torba
Inni hin geenye;
Dhibba,kuma fi miiliyoonota balleessitee
Anaan jecha dhiifama jedhuun- macheessite

Ihimm!

Otoo baay'inni at dhiifama jettuu,
qarshii ta'ee
Silaa yoona an miiliyeenara siif ta'e!

Taliilee
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna

Dabalataan
Chaanaala Telegram fi Page Facebook bituus ta’ee namoonni gurguruu barbaaddan nu qunnamaa. Garee Teelegiraamii bara 2022 dura banamanis ni bitna

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Badhaasa qaba

https://vm.tiktok.com/ZMBYuv9oJ/

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Ee ...

Deemtus ana biraa
Gaabbiin na ciccira
Garaan kee jabaatee
Gaddaaf maaf na laate
Michuu du'aa taatee
Deemsa dhumaaf kaatee
Akka baalaa arcaatee...

Maaf gadadoo goota,
egeree koo tamsaastee
Irbuu waliif seenne
akkamiin tarsaaste
Ee ...
Argaa kiyya haaltee
Balfa gaddaan faaltee
Qananii na molqitee
Hamilee na qorqitee
Erga deebii waakkattee
Erga harka laattattee
Homaa gochuun dadhabe
Sammuutu na gaggabe
Hinaaftuun na gammaddee
Lapheen koo dirmammuun baddee...
Muka makmaaksaan ta'ee
Gammachuutu manaa na ba'e
Eega deemtee ...
Fuulli uumaa sitti haa tolu
haa qananiitu lubbuun kee
Uumaa araaran siif kadha
naaf haa dhiqamu cubbuun kee

Nan dhabe waanan si gargaaru
Rabbi lubbuu kee haa maaru
Qannoo siif haa kennu Waaqni
Sirraa haa fagaatu aadni
Boolla kee bookni haa guutuu
Kiyya dhaabbiitti taate duutuu

Keenboon A.

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Maaliif?
Sababnihoo?

Hasaasa namootaan naaf hin galu!
Garuu du'i kee hunda namaa dhukkubsa.

Eenyuutu sihubata/siif hubata Tarii yoona madaa namni siin baanne baattee jiraattetta ta'a!

Tarii miidiyaa hawwasaa qofa irratti waan sijaallatuuf namni itti toleera jedhee quba sidhabuu mala!

Tarii waan himachuu hin dandeenyeetu si hudhe laata?

Tarii dhukkuubbiinkee mataakee gararraa taanaan furmaata du'a filattee laata?

Tarii nama dhiphisuurra ofii godaanuu filattee laata?

Moo Waan bitaa nugale kana keessaa kam sababni? akka lammata akka hin deebinetti godaanteef

Maalimmoo dhaamte, qilleensa keessa soqqitetti waa himteettaa laata, namoota biroof barumsa himteettaa laata?

Maaliif Fuuldurakee hin yaadanne, maaf Bareedinakee keessaaf alaa hin qalbeeffanne, of wallaanuu, of baraaruu maaf hin yaanne.

Nami si hordofu abdii akka kutatu maaf goote, jaalleekee qaroo sabaa maaf qara ilaalchiste?

Nan deema jettee deemte, inni ati bira deemte fuula isaa siif haa ibsu!
Nagaatti!

Imimmaan sin deebisu, garuu hawwiinkoo jireenyakee gabaabbateen akka hin danqamneef waaqni jannata akka siqananiiduudha.

Gadda kana akka gadda kaanii ibsuun ni ulfaata.
Akka du'a gootaa rifaatuu uume!

Lalisa Alemu

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

' Se'ee; '

Malkaa ce'uu,
Akka waan fagaatee,
Dhaqaa gala,
Galaa imaltuu nyaate,

Hin barin akka imalaa,
Hin galiniif qooqni galaa,
Hin fagaatu,
Deemee deemee...
Faanni imalaa,mana jala!
....
Gadaa Geetaachoo
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Maatiin keenya hunduu TikTok irrattis nu hordofaa. Like, Copy link fi share godhi

https://vm.tiktok.com/ZMBRbnwpx/

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 125 kaasee hanga 140tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna

Dabalataan
Chaanaala Telegram fi Page Facebook bituus ta’ee namoonni gurguruu barbaaddan nu qunnamaa

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Lafan si kaa’erraa
Ofii keen of buuste
Gola onnee kootti
Ofiin jibba kuuste

Kaleessa
Gaafan siif maraadhu
Kaleessa
Gaafan siif jiraadhu
Kaleessa
Gaafan siif dhaabbadhu
Kaleessa
Gaafan siin abdadhu

Onnee koo cabsitee
Miira koo dabsitee
Hawwii koo caamsitee
Abdii koo dhaamsitee

Onaatti na dhiiftee
Jibba natti biiftee
Garaa kee murattee
Deemteetta jabaattee

Har’a
Maal barbaacha dhufte?
Nagaa koo booressuu
Moo
Badii kee sirreessuu?

Lachuu waan hin taane
Sababni

Siif
Miirri koo du’eera
Lapheen koo bu’eera
Abdiin koo gu’eera
Ifni kee dhi’eera

Nagaatti
Imala haaradhaaf
Kabraa kaadhimeera
Adaraa hin hafin
Cidhaaf si waameera

Kaachuu
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Hundarraayyuu ba'eera
Akka na gorsan ta'eera
Martuu darbuusaa bareera
Hafaan dhabamuu argeera!
Garuu,
Waanti lama baduu dide na biraa
Amman lubbuun jiru na faana jira.

Yeroo nyaara guduunfitu,
aarii tamsaasaa
Yeroo kolfaa gugugsitu,
imimmaan harcaasaa!

Yaadannoon kafana
Namatti maxxana!
....
Kanaa’ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Ani....
Ani mana keeti na keessa jiraatta!
An addunyaa keeti na keessa maraatta!
Yoo maqame harkan raasiin
Arraba kees ol hin kaasiin
Gola keessaas gad nan baasiin!

An manakee an nama kee!
Si harkattan huruurfama
Si harkattan kunuunfama!
Situ darba wabii naafii
Na uumuunsaas kanumaafi!

Sa-maqame naan dubbadhu!
Hubannaatiin na bulfadhu!
Yoommoo dide yoo jabaate
Hangafummaan bishaan nyaate
Anis atis hin gubatiin
Yaallen-taane nan filatiin!

✍️

Daraartuu Beekaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

OKOLEE JAALALAA!

Onnee jaalalakoo,
Abdiinsaa hamma gaaraa
Akka buufaa tumtuu
Qilleensa siphatee,
Qilleensa hammaaraa,
Diilloo qoraattiirra,
Sagal tarkaanfata
Salganiin marmaara...

Ati___
Akka saawwa harkuu
Ilmoon jalaa duutee,
Muchi onnee keetii
Jaalala hongoofte,
Yeroo malee guute!

Ammas:
Arfaasaan yoo roobe
Coqorsi ni lata;
Labeessi migiraa
Aannan goromsakoo
Kanan itti elmadhu
Okolee jaalalaa
Qoraasuuttin jira...

Gammachuu Tsaggaayee
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Damma-nadhiikoo!
* * *
Yeroo tokko tokko,
sin aarsa; sin guba; sin waxala
Yeroo tokko tokko,
lubbuu keettan satat jedhee gala
Gaaf gaaf,
sin boochisa; fuullikee in orbobbaa'a
Gaaf gaaf,
halaala irraa namni ilkaankee lakkaa'a
ilkaankee yoo akkas ba'ee addaatu
kolfikee waan dhumu hinfakkaatu!
Garuu,
In kolfitas,
In qorritas!
...
Anumatu:-
Si gufachiisa; si mufachiisa
Akkasumas,
Si qanansiisa; si gammachiisa
Anumatu:-
Bor siif hin ta'u akka har'aa
Waan baay'ee argita narraa!
Gaaf gaaf, na nuffe seeta
Gaaf gaaf, nafa ‘uffee’ jetta
Haallikoo waldha'us si harkaa,
garuu,
An si nuffee hinbeeku takkaa
Lafatu na tufa;
Waaqatu na balfa
waa'eekee hin siyaasessu
Si jibbee sin burjaajessu!
Ati bar,
hirriba barii gararraa jirta
dhaqnakoo maraaf suga hirta
miirakoo olii-gad oofta
aangoo caala mi'oofta!
Duula ollaa, lola warraa keessanin si argadha
Galaana diimaa, diina diinaa caalan si abdadha!
Nama gaariikoo
Damma-nadhiikoo!
...
Garuu waantin sii himu,
waankoo an siif dhaamu,
Sirnaan beeki ana
Naa bari waan kana;
Akka nama daakaaf, galaanatti of darbatuu,
Waanin si jaaladhuufi kanin sirratti of gatu
Amalakoo hunda kan barteefii,
Waanin sirratti of gateefi
Mudaakoo,
hundakoo,
ni beekta;
kanaaf aarta
Ciminakoos,
jabinakoos,
argiteetta;
kanaaf seeqxa.
Akkasi malee hinqabu waan-addaa
Kanaafi natti gaddaa gammadda!
...
Ormi alakoo arga
Argee na bira darba
Ati natti aanta
Qullaakoo argita
Na faana jiraatta
Amalakoo barta
Rakkookoo furta
Qaaniikoo erbita
Saalfiikoo hirphita
'Tiyaatira' miti jiruun, taatoon bor jijjiiru
Amalan, waantan si dhokfadhu hinjiru!
Lafoof lafeekoo argita
Kanaaf kolfaa gaddita!
....
Ilkaankoo mul'isee, lapheekoo sin dhoksu
'Maakiveelummaa' jaalalaas sirratti hin ibsu
Ofirraan si seecca'ee miirota hin ko'oomsu
Keessakoo akka Fantaalleetti ilaalta
Ilaalchakoo baatirii malee agarta
Sitti hinta'u mukukkula gaanii keessaa
Kanaafan of ibsee si dirmammeessa
Hir'inakoo sitti agarsiisa
Hanqinakoon si barsiisa
Kun si amanuudha;
sirratti of gatuudha
Siin si aarsuu mala
Naaf garuu jaalala
baay'ee natti tola!
...
(Hin-dhumu)
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna

Dabalataan
Chaanaala Telegram fi Page Facebook bituus ta’ee namoonni gurguruu barbaaddan nu qunnamaa

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Ulaa kee naaf banaa
Seenee ba’uu baree
Karaa geeddareetan
Ollaa kootti gore

Garuu
Gola ormaa keessaa
Wanta haaraan dhabe
Amma mana keetii
Naaf ga’uun dadhabe

Naanna’ee deebi’us
Ilaalee miilladhee
Godoo koo barootaa
Cufaasaan argadhe
Nan gubadhe
Turee
Waan hubadhe

Inni harkaa qaban
Gatiinsaa kan baramu
Gaafa dhabamuu

Kunoo yoosii kaasee
Quufni koo dirreetti na baasee
Mana koo hoo’erraa
Qorratti na buuse

Kaachuu
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna

Dabalataan
Chaanaala Telegram fi Page Facebook bituus ta’ee namoonni gurguruu barbaaddan nu qunnamaa. Garee Teelegiraamii bara 2022 dura banamanis ni bitna

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Sitti hoo'uun,
hundaaf hin hoo'ine
Sitti qorruun,
maraatti hin qorrine
..
Haalakeetiin hin madaaliin kan warra biraa
Abuuraan jireenyaa hundaaf adda-adda hira
Ijji waliin arguyyuu gamaa-gamana walii jira.
Manni tokkoo, tuggee gargariini kan hundaa'u
‘‘Abbaan daadhii dhugeef, ilmi afaan hin urgaa'u ’’
..
‘Hubannoon huuba guuraan‘ dhugaadha
Akkasumas,
Abbaarra kan beeku ammoo ‘budaadha!’
..
Kanaaf,
Uraa banatteen
Ulaa argatteen
Giroo ormaa ilaaluun
Haala maraa madaaluun
Dhugaatti siquu danda'a
Garuu,
Dhugaan akka Abbaan itti jiru ta'a.
..
Uffatni ati uffattu manatti,
Hoo'a hinta'u kan alaatti!
* *
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Kitaaba Walaloo, haala gaariin isiniif dhiyaatedha. Jaallattootiifi, dinqisiifattootni Walaloo, kitaaba mata dureen isaa "HOROMDHOOQII" jedhu kana dhamdhamaa.

🙏

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Kanan siif maraadhu

Walaloo ajaa’ibaa kana naaf affeeramaa. Like, Comment, Share, repost fi favorite gochuun nu tumsa

❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥

https://vm.tiktok.com/ZMBF6ygqV/

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Ofiin of balleessuu

Like, Comment, share and repost 🙏🙏🙏

https://vm.tiktok.com/ZMBLmbmf4/

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 125 kaasee hanga 140tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna

Dabalataan
Chaanaala Telegram fi Page Facebook bituus ta’ee namoonni gurguruu barbaaddan nu qunnamaa

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

#Anaa_fi_Marii_Geetaa👨‍🍳
Group marii-geetaa ani karaa telegram baqadhee dadhabetu karaa TikTok natti dhufuu jalqabe. Mee waanti kun maaluma jedheen dhaggeeffadhe. Gosti dhukkubaa isaan biratti furmaata hin arganne hin jiru😂 Dhukkuba dawwee, teessisaa, kaachisaa, dadhabina wal qunnamtii saalaa, kaanserii, HIV, busaa, taayifooyidii, garaa kaasaa, dugda kutaa, hafuura kutaa, abdii kutaa😂, rakkoo waa dagachuu...

Hunda keessaa inni dhumaa kun xiqqoo na ilaallata. Darbee darbee rakkoo waa dagachuun nan qaba. Waan kana deemee ilaalamuun qaba jedheen deeme. Achi ga'ee gaafa dabareenkoo ga'u #Marii_geetaan'faa na waamanii "Maal taatee dhufte?" naan jedhan. Maal jedhee itti himuu? Daqiiqaa 5 keessatti maal ta'ee, maal barbaadee akkan deeme nan dagadhe😭 Taa'ee itti yaadee yaadeen dadhabe. "Baqqaa ka'ii gara manaakeetti deemii, gaafa yaadatte koottu" naan jedhan. Tole jedheen bahee deeme. Gara manaa utuun deemuu karaa walakkaa yoon ga'u dhimman deemeef sanan yaadadhe. Rakkoo waa dagachuukoo...😭 Yerooma sana fiigeen ofirra deebi'e. Garuu maal godha? Gaafan achi ga'ummoo deebi'een bakka manichaa dagadhe 😭

Follow👇
@waaqooF
@waaqooF
@waaqooF

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

https://vm.tiktok.com/ZMBJDJLtq/

Читать полностью…
Подписаться на канал