waltajjii_walaloo | Неотсортированное

Telegram-канал waltajjii_walaloo - "WALALOON JAALALA"

12171

Yoo xiqqaate namni tokko namoota 10 garee kanatti dabaluun dirqama

Подписаться на канал

"WALALOON JAALALA"

Safuu
Dur Gaangen hin dhaltu jedhu
Seera uumaatti beekna
Barana Gaangeen dhaltee
Sangaan dhalinnaa eegna

Safuu fi safeeffannaan
Seerri uumaa tumame
Hammeenyuma namaatin
Waan baay’een jijjiirame

Namni namaaf dawaadhan
Mammaaksa durii fakkaate
Uumama hundumaa caalaa
Namatu namatti hammaate

Yoo jabaatte hinuma moota
Jiruu gadadoof deegaa
Namni namooma gateera
Namuma irraa of eegaa!

✍️ Etika Teferi
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Kan uumama yakkee
Waan hin jirres fide
Kan cubbuus bocatee
Dhugaa arguu dide

Baraa mitui nama
Barri maal balleesse
Deemeet jijjiirama
Badii isaatin malee
Akkamiin yakkama?

Osoo ganna roobee
Aduun bonaa dhaamu
Osoo birraan habaabe
Cidhaaf nama yaamu

Osoo akkuma lixxeen
Aduun hin hafin takkaa
Balleessaa isaa kamiin
Namni bara yakka?

Osoo akka namatti
Barri karaa hin bulin
Yookan garaaf jedhee
Karra namaa hin galin

Kan faaydan bitamee
Karaa irratti hafu
Kan garaa guuttatee
Bakkuma oole rafu

Kan garaarraa-n hafne
Osoo ilmi namaa jiru
Inni dhibamee-n ciifne
Kan fageenya hifatee
Deemsa isaa-n dhiifne
Bara maalif abaaru?

Bara hamtuu diigee
Sona namaaf ijaaru
Kan laafaa utubee
Dadhabaa gargaaru

Bara hamaa jedhanii
Maalif xuriin qaqqabu
Barri waa hin yakkine
Badii homaa hin qabu

Jemal Gelesa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

---------
Bara bokkaan badee, maddi Waaqaa gu’ee
Gonbisaanis onee, caamsaan saawwa fixee, abdiin namaas du’e
Yoo humni jiraatee...
Dugdi lafaa kaate,
Takka mana seenee, takkas manaa ba’ee
Takkas amuummadhee, takkas quqqufa’ee
Haadha-warraa fi maatiin wal argaa qaanayee
Ollaan bita fi mirgaa namni hunduu jeeja’ee,
Kunoo bara sana
Bara badii sana…..
Gobocorroon sirbee waraabessi himimsee
Wangoo fi sareen diida, reeffa dhala namaa, ija quba keessee
Bineensa daggalaaf cidhaa fi sirba ta’ee, wal aryee gaansee
Waaq nurraa hirdhisee, isaanin badhaasee
Isaan garaa guutee nuunimmoo kakaase,
Kunoo bara sana...
Dacheenis gaafanna
Waaqas  inkomanna
“Dache yaa dinqitu, yoo sooressa nyaatte isa shittoo qabu
Hiyyeessa hin balfituu…? Isa cittoo qabu!
Yaa Waaqayyo gooftaa yaa ’bbaa guungumaakoo
Roobdee magarsitaa, jeejees dhidhimsitaa, yaa ’bbaa hundumaakoo
Baala midhaan gootaa,
Kuulees sa’a gootaa
Muummees laga gootaa
Yuuyyees nama gootaa
Ana hiyyeessakee uumtee attam na gootaa?”
Jennee kokkomanna
Boonyees kakkadhanna
Isaa bagas jenna!

Dr. Zalaalam Abarraa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

✅ Garii durii (Old telegram) warra qabdaniif

✍️Baayyina miseensa Group hin barbaannu

✍️ Gatii madaalawaan ni bitna


➡️2019
➡️2020
➡️2021
➡️2022

Gatii 🟥  🔂Gatii group ittiin bitnu

✍️2018- 500birr
✍️2019- 400birr
✍️2020- 300birr
✍️2021- 250birr
✍️2022- 200birr


2023 ji'a jan-may kan baname

✔️Kaffaltiin : Telebirr, CBE

Gurguruu warreen barbaaddan  inbox 👉 @Kaachuu_YW


⚠️ Hubachiisa❗️

⛔ Baayyinni Member ''0'' s ta'ee baayyee gatiin waluma qixa. Nuti kan barbaannu bara itti banamedha.

✅two step verification ta'uu isaa check godhaa     
                                               
    
💗💗💗   💗💗💗💗  
@kaachuu_YW

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Abdii kuti,
Eyyee abdii kuti!

Muka guddaa hin taatu
Xaxamtuun coqorsaa
Abdii hin kutiin jedhee
Maalittan si gorsaa?
Ol joortee - gad joortee
Of hin dhorkiin fayyaa
Abdii kutii dhiisi
Abdii kutuu wayyaa!

Waan bu’aa sii hin taanetti
Maal gochuuf dadhabdaa?
Jibbaafi inaaffaarraa
Abdii kutuu qabda!
Abdii kuti maaloo
Of hin cabsiin ceekuu
Jaalala lagatee namni jibba abdate
Galma ga’ee hin beeku!

@LataaQanaii

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Chaanaala miseensa 10k ol qabu ni bitna. Namootni gurgurachuu barbaaddan @Kaachuu_YW irratti nu dubbisaa.

Hub:- "Hi" jechuu sin hin barbaachisu waa'ee chanaala keessani fi gatii itti gurgurtan qofa nuuf barreessaa.

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Deemsa galma qabu,
Kan ati jalqabdu,
Gaafa sammuu gantee,
Onnee jalaa-qabdu!
Jechuun;
Waa'ee waa jalqabuu,
Waa'ee waa xumuruu,
Waa'ee wanta dhufuu,
Waa'ee wanta deemuu,
Waa'een ardii gamaa,
Onneetti argama!

...
Gadaa

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

✅ Garii durii (Old telegram) warra qabdaniif

✍️Baayyina miseensa Group hin barbaannu

✍️ Gatii madaalawaan ni bitna


➡️2019
➡️2020
➡️2021
➡️2022

Gatii 🟥  🔂Gatii group ittiin bitnu

✍️2018- 500birr
✍️2019- 400birr
✍️2020- 300birr
✍️2021- 250birr
✍️2022- 200birr


2023 ji'a jan-may kan baname

✔️Kaffaltiin : Telebirr, CBE

Gurguruu warreen barbaaddan  inbox 👉 @Kaachuu_YW


⚠️ Hubachiisa❗️

⛔ Baayyinni Member ''0'' s ta'ee baayyee gatiin waluma qixa. Nuti kan barbaannu bara itti banamedha.

✅two step verification ta'uu isaa check godhaa     
                                               
    
💗💗💗   💗💗💗💗  
@kaachuu_YW

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Ilkee qoraattii - qara gobaa
Waraanamtee dhiiga cobaa
Inuma deemta ga'uuf galma
Bakka xiiqii - bakka qalmaa…
Dhiiga keetiin karaa dhiqxa
Galma kaayyootti achi siqxa!

Mixiin bokoktee akka arbaa
Si dhoowwitus karaa darbaa
Yoom gad jettee lafaa kaasta
Irra ijjattee badduu baasta!

Yoo inaaftun moorrattellee
Biyyoo hartee boorrattellee
Utuu hokkoltuu - utuu cabduu
Ati deemsaaf karaan dhabdu
Baataa waadaa abboofi aayyoo
Miila xiiqii - miila kaayyoo!

Lataa Qana'ii
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

"Dhugaankee dhugaakoo
Dhugaa waloo qabna,
Hadhaa dhugaa keessaa,
Waliin dhamdhamanna!"
Jechuun;
Dhugaadhaaf ni dhiigu
Dhugaadhaaf ni du'u,
Fakkeessaafaa ganu,
Harma sobaa gu'u!
....
Gadaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

#Sirreeffama
Kana dura kitaaba “Jijjiirraa Hojii” jettu kana karaa Chaanaalii Teelegiraamii Barruu Walaabuu maxxanseen ture. Yeroo sana akka ariifachuu ta’een hanqinoota tokko tokko wajjin maxxanse. Ammammoo yaada namoonni tokko tokko naaf kennan irratti hundaa’uudhaan mata duree dabalataa itti dabaleen wantoota dogoggoraman sirreesseen jira. Amma kunoo karaadhuma chaanaalii telegiraamii Barruu Walaabuu ni maxxanfama. Liinkiin Telegraamii kunooti.👇🏻

/channel/BarruuWalaabu

Dubbistanii yaada akka itti kennitan immoo dhaamsa kiyyadha.

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Gabaa qaamaa

Qaama kee rakasa gootee
Hidhii sagaltama hootee
Hallattee goorroo dhiirotaa
Rakasa maalif of goota?
Jaalala fakkeessaan of hiitee
Miira kee guutuuf of miitee
Iime...
Waamicha hundaaf owwaattee
cobdee dhumtee akka shaamaa...
Of gurguruuf deddeebitee
mi'eeffatte gabaa qaamaa...
Abbaan arge hidhiif qaama saalaa
Maalif akka fedhetti si haama...?

Ihim...
Maalif kabaja kee gad buusta
Xoofoo heexoo maalif kuusta?
Luka kee hundaaf maaf saaqxa?
Galmee kee balfaan maaf laaqxa?
Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru
Yooti ofin eegne waaqnuu sin maaru
Ow...
Mi'a rakasa taatee
Gabaa hundaatti maaf baate?

Nyaata afaan banaa bule
nyaachuu namuu hin dharra'u
Bor balfatti si gatee darba
harki har'a mudhiitti si rarra'u

Ee...
Hin ta'in halaleef raatuu
Akkasitti naman taatu...
Rabbi qalbii siif haa laatu

Ishee jirtuuf gabaa qaamaa
Erga kana qofaan dhaama


© Keenboon

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Jiraatti wal yaa galateeffannu 🙏🙏🙏

https://vm.tiktok.com/ZMk6RnTGE/

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

"Morma kankee jalaa
Foolii kankee suufee
Gororakee nadhii
Sirnaan unee quufee,
Osoon si hammadhee
Gurraatti si hasaasee
Xuuxee si dhungadhee
Si'iis dheebuu baase,

Silaa natti toleen
Uffee jedhaa laata?
Ana har'as kunoo
Onneen na dhahata!

Morma kankee lookoo
Taakkuu lama ga'u,
Ani dheebuu kankee
Maaliin dharraa ba'u?
Ifa fuulakeetii
Seeqaan basaq gootee
Libsuu ijakeetii
Suuta boloq gootee,

Akka dhala dhabaa
Ana na mararta;
Qooda simboof taphaa
Jiraa na dararta!"

Qal'oo Firri Dagate 💥✍️
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Bitcoinin ala gatiin crypto baayyee gadi bu'aa jira namootni gurguruu barbaaddan @Walaloo_bot irraan nu qunnnamaa

@Bittaafi

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Ani
.....
Jaalattuukee ishee siif yaaddu
Amanamtuukee yoomuu sin kaadu
Obsituukee Kan si dhiistee hn tarre
Sirraa adda ba'uuf Kan biraa hn barre
Ati
.....
Kan filatamte Kan jaalatamte
Keessa kiyyatti bakka Kan dhuunfatte
Beektee amalakoo naaf yaadda dhugaasaa
Kan walii baga taane kun guddaa badhaasa

Dibooraa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

🔥✔️ Kittyverse - $3 withdraw godhadheen jira!

➡️Withdraw gochuuf TON address qofa na gaafate.

/channel/kittyverse_ai_bot/play?startapp=u1180443706

Hub: Airdrop kun guyyoota muraasa booda kaffaluu dhiisuu waan danda'uuf ammuma dafaa itti fayyadamaa!

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Naaf gala naan hin jedhin
siif galuu keen olta'ee
fagaatera qaari'ee...

sin hubadha naan jettee?

utuutii nan hubatiin
halkanni meeqa dhiyee
guyyaan meeqaa waari'e 🤔

Amma ati itti yaaddee
sin hubadhe naan jettuun
wal hin kiphu giti'saa,

isheeti irra keessaan
na hubattee jirtu miti
fageenyichi miti'saa!

Safartuu dhukaaf yaadaa
hasaasa laphee waliin
hima malee safaruu...

si Isa hormaa mitii
anaaf iyyuu gaaffidha
Waaqayyoof malee hin galuu

Yaadannoo W🖤🥰

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Seen-duubee dhokataa,
Dhoksaa atin beekne,
Dhufa kankee dura,
Filannoo siin'teenye!

Dachee kana gubbaa,
Fedhiikeetiin duuba,
Jiruun gadadoo kun,
Jireenyakee huba!
...
Gadaa

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

/channel/Fiilmiin/770

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

✅ Garii durii (Old telegram) warra qabdaniif

✍️Baayyina miseensa Group hin barbaannu

✍️ Gatii madaalawaan ni bitna


➡️2019
➡️2020
➡️2021
➡️2022

Gatii 🟥  🔂Gatii group ittiin bitnu

✍️2018- 500birr
✍️2019- 400birr
✍️2020- 300birr
✍️2021- 250birr
✍️2022- 200birr


2023 ji'a jan-may kan baname

✔️Kaffaltiin : Telebirr, CBE

Gurguruu warreen barbaaddan  inbox 👉 @Kaachuu_YW


⚠️ Hubachiisa❗️

⛔ Baayyinni Member ''0'' s ta'ee baayyee gatiin waluma qixa. Nuti kan barbaannu bara itti banamedha.

✅two step verification ta'uu isaa check godhaa     
                                               
    
💗💗💗   💗💗💗💗  
@kaachuu_YW

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

✅ Garii durii (Old telegram) warra qabdaniif

✍️Baayyina miseensa Group hin barbaannu

✍️ Gatii madaalawaan ni bitna


➡️2019
➡️2020
➡️2021
➡️2022

Gatii 🟥  🔂Gatii group ittiin bitnu

✍️2018- 500birr
✍️2019- 400birr
✍️2020- 300birr
✍️2021- 250birr
✍️2022- 200birr


2023 ji'a jan-may kan baname

✔️Kaffaltiin : Telebirr, CBE

Gurguruu warreen barbaaddan  inbox 👉 @Kaachuu_YW


⚠️ Hubachiisa❗️

⛔ Baayyinni Member ''0'' s ta'ee baayyee gatiin waluma qixa. Nuti kan barbaannu bara itti banamedha.

✅two step verification ta'uu isaa check godhaa     
                                               
    
💗💗💗   💗💗💗💗  
@kaachuu_YW

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Gatii kitaabichaa fi Shamarran Lama 👭

Taaksiidhaan deemaa jirra. Isheen tokko ilkaan kaarruu balbala banaa fakkaatu qabdi. Ilkaan sana lamaan walitti fiduudhaaf #bireesii'dhaan hidhattee jirti. Garuu ilkaan sana bireesiin walitti fiduun haa hafuu, dallaalaan ana jedhe haasa'ee waan walitti fidu hin fakkaatu😂

"Nama hin dhibuu garuu? Utuu 1000 jennee iyyinuu warri raabsan 3000 hanga 5000 gurguraa jiruum. Maal waansaa karaa jireenyi ittiin nuuf salphatutu irratti barreeffamee jiramoo?" jette kolfite. Achumaan bireesii sana akka nu argisiisuuti natti fakkaata🙈 Hiriyaan ishee "Ati qoosi, kitaaba kanammaa uqqubii galee illee bitadha malee ani hin dhiisu" jette, miira xiiqiin. Natti tole! Bara Oromoon baayyee kitaaba dubbisuun haa hafuu, wal dubbisuu dhiise kanatti qaxalee akkasii arguunkoo na gammachiise😋

Isheen sun itti fuftee, "Ani qarshii kana hundaan hin bitu; utuma namni bitee naaf kenneyyuu kitaaba hamma kanaa guddatu dubbisuun haa hafuu, fuula isaa lakkaa'ee iyyuu fixuu hin danda'u" jette. Ani kana caalaa callisuu hin dandeenye, "Itti hin dhiphatiin obboleettiikoo! Namni hamma dhumaatti dubbisee fixe tokko yaada isaa gabaabsee sitti haa himu" jedheen taaksii sanarraa bu'e. "What ?" naan jette. Deebii isheef hin kennine, deebiikoo #raddaatii irraa fudheen bu'ee miillaan deemuu jalqabe🚶‍♂️

Akkan hubadhetti hamma ilkaan ishee lamaan wal baqatan caalaa ishee fi kitaabni wal baqataniiru. #Bireesiin dhaloota kanaa fi kitaaba walitti fidu hojjetamuu qaba 😂

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

🎁 Give the Gift of Security This Season 🎁

🔒A thoughtful gift isn’t just about what’s inside—it’s about protecting what’s outside, too. 💻

✨ This season, share the power of cybersecurity with Kaspersky. 🌐

🎉 Special discounts now available on industry-leading solutions. Keep your family, friends, and data safe all year round.

🛒 Click here to get started

🛡 Be smart. Stay safe. Share security.

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Namni Tiktok irratti yeroo isaa gubaa jira. Garuu link gadii kanaan yoo xinnaate guyyaatti qarshii 2000-5000 ji'aan ammoo 40000-150000 hojjachuu dandeessu. Inni guddaan walitti fufiinsaan hojjachuu qofadha.

https://aaaonline.info/xb3PzG
https://aaaonline.info/xb3PzG
https://aaaonline.info/xb3PzG
https://aaaonline.info/xb3PzG

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Chaanaalota Afaan Oromoo hundumtuu join otuu gootanii baayyee fayyadamtan kanneen ilaalaatii itti makamaa. Chaanaalota jajjaboo namuu beekuu qabu

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

LACHUU NA MARARU!

Akka aannaniif silgaa
Akka ilkaaniif irgaa
Tokkee uumaan lakkuu
Qaroo bitaaf mirgaa,

Agartuukee filtee
Tokko jaamsitaaree?
Guca ifa keetii
Qixxee dhaamsitaaree?

Ani.....
Sagal itti yaadee
Ol qabee gad-qabeen
Lachuu tokko taanaan
Filachuu dadhabeen

“Rabboo cimdiin uumee
Nuuf godhee wal-qixa,
Namni madaalchisee
Maalumaaf wal-fixaa?

Ballaanoo diida laalee
Akka lamaan hubatuu
Rabbiin caala beekamoo
Maaf kan namni gubatu?

Miilli tokko deemee
Gama naaf hin ga'uu,
An-tokko of jaamsinaan~kan hafe balleessuuf
Ormi naaf hin na’uu,
Lachuu qaama kooti
Miidhuun naaf hin ta’uu..

Agartuuwwan kooti
Lachuu na mararu,
Filee tokko miidhee
Nafa koo'n dararu.

Laambaa jireenyakoo
Egeree naaf ibsuu
Wal faanan banadha
Balaq godhee libsuu”
Jedheen murteeffadhe
Qaroowwankoo tiksuu!

✍️ Riyaad Raayyaa

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Bultiishee ijaaruuf,
Dahoo aduu gadii,
Dhiigashee lolaastee,
Godoo jaalalaa san
Onneessaa keessatti,
Gad-fageessitee ijaarte....
Innis......
Dhiigashee lola'u,
Mararteen ilaalee
Waadaa jaalalaatiif,
Onneesaa keessatti
Mana dhugaa ijaare!

Eeyyee;
Warri waliin jaaru,
Mana akkasii ijaaru!
___
Gadaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

BARRUUN...
Laphee laafu, ciigoon tumsa,
Dabeessayyuu ni gootomsa,
Kalee qeeqee, bor sukkuumaa,
Barruun dafqee, barruu uuma!

BARRUUN...
Jiruu ardii, tabbaaf dachaa,
Furuuf abdii jabaa dhalcha,
Boriif kuusuuf dilbii coomaa,
Barruun kobbeetti michooma!

BARRUUN...
Gaabbii darbe yaadachiisaa,
Qalbii gaabbe dhaadachiisaa,
Egereetti, riqaa tolchuuf, barruun dhii•ga,
Yoos guyyaanis, ni sussuka, barruu in fiiga!

BARRUUN ofii kana qofaa?
Lakkii!
Baruuf bultii qofat' hafa!
Guyyaa Sana, ifuuf jira, hiikni marruu,
Hin hafinaa, hin hafamu, cidhi BARRUU!

Eebba kitaaba "BARRUU"
Guyyaa:- 13/04/2017
Yeroo:- Sa'a 7:00
Bakka:- Giddu-gala Aadaa Oromoo!

Aga Guda NL ✍️👏
Sami Graphics 🙏
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

"WALALOON JAALALA"

Siif mala Galatoomi😍🙏
Kutaa 1ffaa

Ogeessa fiilmiifi tiyaatiraati. Ijoollummaa isaarraa eegalee hojiiwwan aartiitti seene. Gumiiwwan dhabbata adda addaa keessatti ijoollee shaakalsiisuurraa eegalee sadarkaa hanga ammaatti ifaajjii guddaa aartii oromoo keessatti taasisaa tureera. Achiis akkuma nam-tokkoo university seenuun digirii isaa jalqabaa tiyaatiraan xumureera.

Namni kun umrii isaan olitti hojiiwwan aartii oromoo keessatti shoora olaanaa taphateera. Ta’aa (Actor ) qaxaleedha. Tiyaatira “Raawwii “ Jedhamu keessatti gahee hayyu duree taphachuun tiyaatira sa’aatii lamaa dhiyeesseera. Waltajjiiwwan adda addaarratti baacoo, walaloo fi qofdubbii dhiyeesseera.

Baayyeen keenya Qajeelchaa (director) ta’uu isaa qofaan isa beekna. Eeyyeen dhugaadha.
Qajeelchaa qaxalee sirboota Afaan Oromoo sadarkaa kanaan gahan keessaa isa angafaati. Sirboota Jaallatamoo 50 ol Qajeelcheera.

Sirba Leencoo Gammachuu "Muquuxxaa’een “ kan eegale yemmuu ta’u, Wellistoota kanneen akka
- Yoosan Geetaahun,
- Galaanaa Gaaromsaa,
- Guutuu Abarraa,
- Ittiiqaa Tafarii,
- Andualem Goosaa,
- Hawwii T Qananii,
- Dangaa T Qananii fi kkf hojii miidhagaa hojjeteera. Aartii keenyas ol kaaseera.

Wellistoota Afaan Amaaraan wellisan kanneen akka:
- Lij Ma’iki
- Wandimak
- Helen Barhe
- Netsanet Sultaan fi kkf
Wellu isaanii ajaa’ibsiisaa taasiseeraaf.

Egaa Leencoo Fiqiruu jedhama
Yeroo dhiyoo asimmoo mana barnootaa “ Abbaa Lataa Acting Academy “ hundeessuun dhalootaaf bu’aa guddaa buusaa jira. Mana barumsaa kanattis barsiisummaadhaan barattoota marsaa 3ffaaf ogummaasaa kanaan leenjisaa jira. Isa malee hojiiwwan abdii namatti horan hedduu qabate dhufaa jira. Nagaan kottu. Umrii nuuf dheeradhu.

Jabina isaa waan hedduu keessaan waan muraasa jedhe,
Leencoo Fiqiruun lubbuun jira. Jiraatti wal galateeffachuun aadaa keenya yaa ta'u! Egeree dhaloota keenyaaf saba keenyaaf umurii isaa kanatti waan hedduu hojjeteera.

Kanaaf… Lencho Fikru Kenea
Siif mala Galatoomi 😍🙏

✍️ Haftee Baqqalaa
@Fiilmiin

Читать полностью…
Подписаться на канал