-
Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @SaahibuddiinJihaad
Yesuus Cubbuu ilma namatiif akka hin duune mirkaneessuu qabxii 4Affaa.
Yoo Yesuus cubbuu ilma namaaf du'e kan isaatiif immoo eenyutu gaafatama❓
(Hubachiisa cimaa! Yaada armaan gaditti barreefame kana akka yaada Macaafa qulqulluu Kiristaanotaatti malee nuti Muslimoonni Yesuus cubbamaadha hin jennu. Kana sirriitti qalbeefadha. Namni ani Muslima ofiin jechaa Yesuus cubbamaadha jedhu Muslima ta'uu hin danda'u waan ta'eef.✅)
Qabxiin Kun Kiristaanotaaf waan addaadha. Waan isaan beekean akka hin taane naaf gala. Kanaaf akka inni miira isaanii xuqu nin hubadha. Sababni isaa Yeroo adda addaa kiristaanonni Yesuus qulqulluudha. Cubbuu hin qabu jedhu. Garuu Macaafni isaani akkanni cubbuu ibidda isa galchu hojjate hima. Yesuus yoo ofii isaatiifuu cubbamaa ta'e akkamitti yakka namaatiif du'a? Kan isaa hoo eenyutu du'aaf ?
Yesuus eessatti Cubbuu hojjachuun isaa ibsame jechuun akka gaafatan ni beeka. Sababni isaa immoo isin Kiristaanonni Macaafa akkuma meeshaa miidhaginaatti qabattanii deemtu malee waan Isa keessa jirutti hin fayyadamtan. Isin Yeroo Woldaa dhaqxan dubbiftanii, gaafatanii baruu caalaa shubbiftanii iyyitanii galuu jaallattu. Mee Kottaa amma akka Macaafni keessan barsiisutti Yesuus cubbamaa ta'uun isin argisiisa.
✅Yesuus Wangeela Maatewos Boqonnaa 5 lakkoofsa 22 irratti "Namni Obbolessa isaatiin Gowwaa/doofaa/Raatuu gatii hin qabne namni jadhu Hundi ibidda gahaannamaatu isa eegata " jedhe.
“Ani garuu isinittan hima, eenyu illee obboleessa isaatti yoo dheekkame abboota firdii duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin 'Doofaa' yoo jedhe yaa'ii biyya seerraatu duratti itti infaradama; obboleessa isaatiin 'Raatuu' yoo jedhe ibidda qililleetti itti in faradama.”
Waan nama dinqisiisu Yesuus Wangeeluma kana keessatti seera kana cabsee argama.
A. Maatewos 12:38 irratti Dhaloota hundaa fi Haadha isaa dabalatee akkana jechuun arrabse " Dhaloonni Hamaafi ejjaa ".
B. Maatewos 23:16 Irratti immoo "jaamtota" jechuun jara arrabse.
C.Maatewos 16: 23 irratti immoo Pheexroosiin "seexaana " jedhe arrabse.
D. Maatewoos 23:33 irratti immoo "ilmaan bofaa " jechuun arrabse.
Egaa akka keeyyata Macaafa armaan olii irraa ilaalletti Yesuus Namoota hedduu arrabseera, akkamitti Qulqulluudha jettu? Namni obbolleessa isa tokko arrabse tokko abidda ( jahannamaa) gala erga ta'e Yesuus jahannama gala moo hin galuu? Badii isaatiif eenyutu du'a ?
As irratti nuti Muslimoonni gama keenyaan Nabi Iisaan/ Yesuus cubbuu irraa Qulqulluu akka ta'e Ni amanna. Garuu akka Macaafni barsiisutti inni Qulqulluu miti.
Ammas gaaffiii ani bakka kanatti qabu warri Yesuus cubbuu isaatiif akka du'e amane Jireenya bara baraa argata jettan. Namoonni osoo Yesuus hin dhalatin dura turan Kan akka Muusuu, Abrahaam, Yaaqob maal mudatu? Kanas xiinxalaa naaf deebisa.
Qabxiin 4ffaa kun baay'ee waan dheerateef 4B yeroo itti aanu ilaalla.
Itti fufa..
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28
Yesuus cubbaa ilma namaatiif akka hin duune mirkaneessuuuf qabxii 3ffaa.
Yesuus Yeroo Yahuudonni ajjeesuuf jedhan baqachuu
Yesuus Yeroo Yihuudotaan ajjeamuuf jedhu ani Cubbuu namaatiif du'aa kottaa na ajjeesaa, Ani isinin gargaara kottaa hin jenne. Inumaa ajjeechaa jalaa miliquuf yaalii godhe? Yoo cubbaa dhala namaa baachuuf dhufe maaliif warra isa ajjeesuu barbaadan baqate. Maaliif sodaan guutamee tasgabbii dhabee baqataa ture? Yoo fedha isaatiin kan du'e ta'e, isin Kiristaanonni maaliif namoota isa ajjeesan baalaaleffattu?
Yesuus yoom du'a jalaa bahuuf dhokate? yoo nuun jettan kunoo akka armaan gadii kanatti isiniif dhiyaatee jira dubbisa. Dubbisuu qofa osoo hin taane hubadha. Isa hubattan immoo Jireenya keessan keessa galchuun itti fayyadama! Paastariin akkas jedhe, Qeesichi akkas jedhe jechuu qofa osoo hin taane Yesuus fi Macaafnis waan jedhan walbira qabaa dubbisa.
A. “Yommus Yesus qooda mul'inatti Yihudoota gidduu deddeebi'uu, iddoo sana dhiisee gara kutaa biyyaa isa lafa onaatti dhi'aatuu, gara mandara Efreem jedhamuu dhaqee, bartoota isaa wajjin achi in bubbule.”[Yohannis 11:54]. Maal jedhe hubattee? "iddoo sana dhiisee gara kutaa biyyaa isa lafa onaatti dhi'aatuu, gara mandara Efreem jedhamuu dhaqee" jedhe? Garuu maaliif Yihuudota dhiisee deeme? Waaqni nama baqatu kun Kan akkami?
B. Yesuus naannoo namoonni Isa ajjeesuuf barbaadan jiran irraa fagaate. Eega Cubbuu keessaniif du'uuf dhufe maaliif ajjeefamuu sodaatee baqata?
“Kana booddees Yihudoonni warri Yesusiin morman isa ajjeesuu waan yaadaniif, Yesus kutaa biyya Galiilaa keessa deddeebi'e malee, kutaa biyya Yihudaa keessa deddeebi'uu hin barbaanne.” [Yohannis 7:1]
C. Gama biraatiin akka Wangeela Luqaas 4:29-30 irratti ibsametti Yesuus hin fannifamne. Rabbiin Hammeenya namoota isa fannisuuf barbaadanii irraa isa oolchee jira. Akkas jedha Macaafni:
«Kanaafis ka'anii Yesusin daddarbachaa, gara gubbee gaara mandarri isaanii irratti ijaarametti ol isa baasan; kana gochuun isaaniis fittee(gubbaa) sana irraa ha'anii (fufanii,furguuggatanii), gad isa darbachuudhaaf ture.Inni garuu isaanuma gidduu darbee karaa isaa irra bu'e.» (Luqaas 4:29-30).
Akka Keeyyanni kun jedhetti warra isa qabuuf dhufe isa bira darbe malee inni qabamee hin fannifamne.Yohannis irrattis yaada kana deeggaru arganna.
D. Yohannis 8:59 «“Yommus Yihudoonni Yesusitti darbachuudhaaf dhagoota funaannatan; inni garuu of dhoksee mana qulqullummaa keessaa ba'ee adeeme”» .
As irratti gaaffiin ani Kiristaana gaafachuu barbaadu akka isin amantanutti Yesuus cubbuu Keessaniif fannifame. Eega akkas ta'ee yeroo Yihudotaan barbaadamaa turetti maaliif isaan irraa dhokata?
E. Ammas Ragaan ajjeefamuu dhabuu fi sodaachuun isaa mirkaneessu, «“Yihudoonni ammas isa qabachuu barbaadan; inni garuu isaan harkaa ba'ee sokke .”» (Yohannis 10:39).
Keeyyattoonni kunii fi fakkaattonni isii Yesuus akka hin ajjefamnee fi ajjeefamuu sodaatee akka baqaataa tureef ragaadha. Inumaa akka Macaafni ibsutti Yihuudonni warri Yesuus ajjeesan jedhame maalummaa Yesuus sirriitti hin beekan.Yesuus waan hin beekneef nama isaanitti himu maallaqaan bitatan.
Dhugaadha kutaa Macaafaa keessaa iddoo gariitti wanni du'u Yesuus ibsu ni jira. Keeyyata du'uu qofa ibsu qabattee deemuu osoo hin taane Isa akka inni hin duune ibsu kanas walbira qabdee sammuu Waaqni siif kenneen xiinxaluu qabda. Bakka tokkotti akka du'e ibsaa keeyyata biraa keessatti akka hin duune ibsuun maal jechuudha. Yaadni faallaa ta'e tokko akkamitti kitaaba amantii jedhamu keessatti argama? Isa kamtu dhugaa fakkaata? Isa Yesuus(Waaqni!) Ni du'a jedhu moo isaa Yesuus (Waaqni!) hin du'u jedhutu Waaqaaf mala?
Itti fufa..
Barnoota amantii Kiristaanaa fi Islaamaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join gochuun nu hordofa. Akkasumas hiryoota keessaniifis Share godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28
Yesuus cubbuu ilma namaatiif akka hin duune mirkaneessuu qabxii 2ffaa.
AKKAATAA DU'A YESUUS IRRATTI WALDHABBII JIRU
Yesuus du'eera yoo ta'e odeefannoon du'a isaa ibsu waldhabuu hin qabu ture.
1ffaa YESUUS SA'ATII MEEQATTI FANNIFAME?
A. Saatii sadii
“Yeroon isa fannisanis bari'ee sa'aatii sadiitti ture.” — Mar. 15:25
B. Saatii jaha “Kunis guyyaa qophee Faasiikaa gara sa'aatii ja'affaatti ture. Philaaxos yommus Yihudqotaan, "Ilaa mootii keessan" jedhe.” Yoh. 19:14
Isam dhugoomsina? Osoo filannee wahii irratti dhihaate Kam filanna?
2.Muka YESUUS ITTI FANNIFAME EENYUTU BAATE?
A. Yesuustu baate.
“Yesus fannoo isaa ofii baatee, gara iddoo "Lafee mataa" yookiis afaan Ibraayisxiitti "Golgootaa" jedhamutti ba'e.” Yoh. 19:17
B.Simoontu baate.“Utuu gad ba'aniis, nama biyya Qareenaa Simi'oon isa jedhamu tokko argatanii, fannoo Yesus akka baatuuf isa giddisiisan.” Mat. 27:32.
Kam dhugoomsina?
3. YESUUS dadhii wahinui ni fudhate moo fudhachuu dide?
“Loltoonni achitti daadhii waynii hadhooftuudhaan makame haadhuguuf kennaniif; inni garuu afaaniin #qabee, dhuguu jibbe.” [Matewos 27:34]
“Isaan yommus daadhii waynii qumbiidhaan makame Yesusiif kenninaan, inni #fudhachuu #dide.” [Marqos 15:23]
YIHUUDAAN INNI YESUUSIIN GURGUE AKKAMITTI DU'E?
A. Of rarraase.
“Yihudaan kana irratti meeticha mana qulqullummaa keessatti darbatee gatee, achii adeeme, dhaqes of rarraase.” [Matewos 27:5]
B. Mataan kufee tarsa'e
“Namichi kun, horii isa hojii jal'inaa hojjetee argate sanaan, lafa bitate; ofii isaa mataadhaan kufee tarsa'ee, mar'umaan isaas bakkee guute.” [Hojii Ergamoota1:18].
EENYU BAKKA AWWAALCHAA DEEMEE ILAALE?
A. Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalichaa dhuftee.
“Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa Sanbata guddaa,] utuu dukkanaa'uutti jiruu obboroodhaan, Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalichaa dhuftee, dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turan, awwaalicha irraa akka fuudhame argite.”[ Yohannis 20:1]
B.“Warri kana walii wajjin ergamootatti odeessan immoo, Maariyaam Ishee Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota kan biraas turan. [Luqaas 24:10].
C. “Sanbanni erga darbee, jalqaba torbaniitti barii [gaafa Sanbataguddaa], Maariyaam isheen Magdalaa fi Maariyaam isheen kaan awwaalicha ilaaluu dhaqan." [Matewos 28:1].
AWWAALICHA BIRATTI MAALTU TA'E?
A. Maariyaam kophaa isii Ergamoota Waaqayyoo lama argite.
Yohannis 20: 11-12 Maariyaam alaan awwaala bukkee dhaabatee in boossi turte; isheen boo'aa gad jettee awwaalicha keessa ilaalte. Ergamoonni Waaqayyoo lama uffata adii uffatanii, iddoo Yesus kaa'amee ture, inni tokko mataa duraan, inni kaan immoo miilla jalaan utuu taa'anii argite.
B. Maariyaam isheen Magdalaa fi Maariyaam isheen kaan awwaalicha biratti ergamaa tokko argan.
Maatewos 28:1-2 Kunoo, ergamaan gooftichaa waaqa irraa gad bu'ee, dhufee dhagicha balbala awwaalichaa irraa garagalche waan irra taa'eef, socho'i lafaa guddaan isaa ta'e.
C. Dubartoonni Sadan awwaalcha biratti dargaggeessa tokko qofa argan
“Awwaalichatti akkuma ol lixaniin dargaggeessa tokko, uffata gaddheeraa adii uffatee bukkee gara mirgaatiin taa'ee argan; isaan yommus na'anii in dinqifatan.” [ Marqos 16:5]
NAMNI MUKA IRRATTI FANNIFAME MAALI?
Akka Kiristaanonni yaadanutti Yesuusiin Yihudonni ajaja Philaaxos kenneen mukaratti fannisanii ajjesan. Garuu Namni muka irratti fannifamee du'e akka Macaafatti balalaaleffatamaadha.
Abaaramaadha. Yesuusis Abaaramaadhaa ? Phaawulos akka Yesuus abaarame ragaa bahee jira. Garuu eenyutu Waaqa abaara? Namni ofiif Abaaramaa ta'e nama fayyaduu dandaa'aa?
. “guyyaadhuma sana haa awwaalamu malee, reeffi isaa mukicha irra hin bulin! Namni mukatti rarraafame Waaqayyo duratti abaaramaa dha; biyya Waaqayyo gooftaan kee akka dhaaltuuf siif kennu hin xureessin! Kes. 21:23
“Kristos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta'uudhaan, abaarsa isa seerichi nutti fidu jalaa nu fureera; akkuma caafame, "Namni mukatti rarraafame abaaramaa dha" in jedha." Gal. 3:13
Itti fufa...
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaadan Chaanalii armaan gadii join godha
@Saahibuddiin28
Neezerlaanditti lakkoofsi bataskaanota gara masjiidaatti jijjiramanii haalaan dabalaa jira
Yeroo ammaa masjiidonni biyya Neezerlaand keessatti argaman lakkoofsi isaanii yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa jira. Kunis biyyattii keessatti islaamummaan daran babal'achaa jiraachuu hordofeeti. Isaan keessaa waldaan Piroteestaantii 10, waldaan kaatolikii , kan Yahuudotaa 3 gutummaan guutuutti gara masjiidaatti kanneen geeddaramaniidha.
Neezerlaand keessatti waldaan Piroteestaantii waggaatti yoo xiqqaate namoota (hordoftoota amantichaa) 60,000 ta'an dhabuun yeroodhaa gara yerootti cufamaa jiru. Torbanitti yoo xiqqaate waldaan tokko cufamee gurguurtaaf ni dhihaata. Qorannoon dhiheenya kana 'Faith in the Future! Strategic plan for religious heritage' dhaan gaggeeffame akka agarsiisuutti waggoottan muraasaa as qofa waldaan kaatolikii 300, kan 600 fi Yahuudaa 10 akkasumas kan budahaa 1500'n cufamaniiru.
Waan Rabbi mi'eesse maaltu hadheessa?
#Masjiida
👇👇👇
@Saahibuddiin28
kanaafan itti amane
Abbaa keenyaafi Haadha keenya kan jireenya biyya lafaa dhukkuba, beela, gidiraa gara garaa fi du'a qabdu kana irratti akka argamanuuf sababa nuuf ta'an akkaan jaallanna. Isaan gammachiisuuf waan baay'ee goona. Isaaniif jecha of wareeguu irraa of duuba hin jennu. Nabiyyii ﷺ keenya jaallatamaa kan Rabbii nu uumeen wal-nu barsiise, kan Jenneta isa keessatti hin dhukkubsanne, hin beelofne, hin rakkannee, hin dullaamnee fi keessaa du'uun hin jirre akka arganuuf nu barsiisan akkamitti hin jaallannu? Eeyyeen Nabiyyii ﷺ ni jaalladha. Eeyyeen Nabiyyii
ﷺ kiyyaaf lubbuu kiyya ni ken
Maaliif kana hunda jaalachuun barbaachise ? yoo naan jette deebiin kiyyaa Osoo Nabi Muhammad ﷺ Amantii dhugaa Islaamummaa na barsiifne ta'e anis akkuma ummata Biliyoona 2.4 dhala namaan gabbaran ture. Akkuma ummata Biliyoona 1.9 Anis Rabbiin hin beekun ture. Akka Ummata biliyoona 3.7 anis wantoota adda addaa (Haawilti adda addaa, Beelada, Muka, dhugaa, Sheexaanaa fi wantoota biraa) gabbuun dhamaatii keessan seena ture. Nabi Muhammad ﷺ kana hunda irraa na oolche. Kanaaf galata guddaa nabiraa qabu. Kana qofa miti.
Guyyaa qiyaamaa gaafa cinqii, gaafa aduun taakkuu tokko qofa nama irraa fagaatu, Gaafa daa'imni Arrii baasu, Gaafa abbaan ilma dhokatu, gaafa Haati ilmoo dhokattu, gaafa abbaan maraa fi haati manaa walbaqatan , gaafa firri walbaqatu, gaafa haati bakka itti deessee fi akka itti deesse dagattu, gaafa namni akka waan farshoo dhugeetti maccaa'u, gaafa jaannam luugama kuma torbaatamaan tokkoon tokkoon luugamaan Malalaa'ikaa kuma torbaataamaan qabame dhufu. Gaafa Anbiyoonni hundi essatti baana ? essatti baana ? Jedhan Nabiyyiin ﷺ keenya jaallatamaan Anaafi isin hin dagatan. Guyyaa san magantaa dhuuf dhaabbatu/jaarsa nuuf ta'u. Nabiyyiin ﷺ akkas jedhan : "Nabiyyoonni Hundi Du'aa'ii (isaaniif qeebalamtu) qabu. Ani Du'aa'ii kiyya guyyaa qiyaamaa ittiin ummata kootiif magantaa (dhaabachuufan) ol kaayadhe". ⎣Musnada Ahmed 8959].
Nabiyyoonni hundi du'aa'ii isaanii addunyaa irratti ittiin fayyadamaniiru. Garuu nabi Muhammad ﷺ anaaf siif jecha ol kaayatan. Ani kanaafan itti amane. Mee salawaata irratti buusi!
ﷺﷺ ﷺﷺﷺ ﷺﷺﷺ ﷺﷺﷺ
👇👇👇
@Saahibuddiin28
Paastaroonni harka kennatanii islaamummaan amantii dhugaa ta'uu amananii ragaa ba'an
~~~
Kunoo akkana. Paastaroonni waa'ee Islaamummaa dudduubatti dubbatan fuulaafi fuulaatti dhufanii muslimotaan falmuu qabu. Barreeffamni kanaa gadii kan Ustaaz Xaaliburidallah Hussen i. 👇
#Magaalaa_Goljootaa
#Godina_Arsii_Lixaa, Aanaa Heeban Arsii #Magaalaa_Goljootaatti Sagantaan guddaan (#Guyyaa 21/04/2024 or 13/08/2016) Islaamummaan Addunyaaf jedhuun gegeeffamaa ture, gammachuu guddaan, namoonni amantii biroollee kan ta'an keessattuu #Paastaroonnii hirmaatuun gaafii fi deebii boodaa Yesuus Ergamaa Rabbii ta’uu amanuun, Yesuus Waaqaa jechuun dogongora akka ta'e hubatuun sagantaan keenna milkiidhaan goolabamee, nagahaan faaruun kan Rabbii keennaatii gallee jirraa. Alhamdulillaah.
© Amar Temam
Waan Kiristaanonni %98 ol hin beekne
Amantiiwwan Kiristaanummaan ala jiran keessaa kan Yesuusitti amanuu(Ergamaa, Raajii ta'uu isaa amanuu) dirqama godhu islaamummaa qofa. Akka Islaamaatti namni muslimaa tokko yoo Yesuusitti hin amanin
muslima ta'uu hin danda'u.
♧ Yesuus ergamoota Rabbii gurguddoo keessaa tokko ta'uu isaa amanna.
♧ Yesuus haala Raajiitiin osoo dhiirri qooda
keessaa hin qabaatin (osoo wal-qunnamtii saalaa
dhiiraa fi dubartii jidduutti hin adeemsifamin)
dhalate jennee amann. Yaada kana bara ammayyaa
kana Kiristaanonni gariin hin amanan.
Yesuus eeyyama(gargaarsa) Rabbiitiin du'aa fayyisee jira jennee amanna.
♧ Yesuus eyyama Rabbiitiin jaamaa fi lamxii
fayyisee jira jennee amanna. Akkasumas dinqiiwwan Macaafni qulqulluun hin dubbanne kan Qur'aanni dubbate kan itti amannus jira.
Eega Muslimnii fi Kiristaannis Yesuusiin kan
jaallatanii fi kan kabajan ta'ee "garaa garummaan
eessaa dhufe ? " gaafffiin jedhu ka'uu danda'a. Isa kana yerooitti aanutti waliin ilaalla.
Barnoota amantii Islaamaa fi Kirstaanaa walbira qabdanii barachuuf yaalaalii Telegramii armaan gadii 👇👇 join godha!
@saahibuddiin28
http://t.me/Saahibuddiin28
Injifannoo Iraan..!!
Haleellaa haaloo ba'annaa Israa'iil biyya Iraan irratti fudhatte guutummaatti fashalaa'uun beekame! Har'a ganama Israa'iil buufata Waraanaa Iraan naannawaa Isfahan 'tti argamu barbadeessuuf diroonii isheen bobbaaste Teekinolojii Waraanaa Iraaniin salphumatti haleelamuun kufanii jiru.
Biyyi guddittiin Iraan qilleensa daangaa ishee kan tiksan Meeshaalee farra-misaa'ilaa of-eeggannoon hiriirsitee kan jirtu yoo ta'u haleellaa haaloo ba'annaa Israa'iil kanas salphumatti fashaleessuu danda'anii jiru.
Gama kaaniin Israa'iil kallattii daangaa kaabaa isheetiin bilbila yeroo balaa tasaa bilbiltee kan jirtu yoo ta'u kunis kan ta'eef ammoo daangaa Israa'iil kallattii kaabaan haleellaan Misaa'ilaa aggaamamee jira kan jedhuuni dha! Biyyi Israa'iil muddama hamaa keessa seentee jirti.
Ameerikaa fi michoonni ishee naannawaan kun lola xumuraa keessa akka hin seenne ni barbaanna jedhanii wawwaataa kan jiran yoo ta'u kasaaraa Waraanaa Israa'iil mudatee jiru kiisuuf Iraan irra qoqqobbii kaa'anii jiru.
Odeessaalee maddeen amanamoo hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.
Jechoota Gaggaarii.
@Saahibuddiin28
Macaafa qulqulluu moo Qur'aanatu Dhiiga dhangalaasuu jaallata?
❌Akka Macaafni jedhutti namni nama #ajjeesuu dide(garaa guutuun itti gammadee ajjeesuu dide) abaaramaadha.
“Billaadhaan rukutanii ajjeesuu iyyuu yoo ta'e, namni isa Waaqayyo abboome kana garaa hir'uudhaan hojjetu abaaramaa dha!”. (Macaafa Ermiyaas Raajichaa 48:10).
✅Garuu akka Qur'aanaatti nama tokko yakka murtii du'a itti murteesisuun maletti namni tokko yoo ajjeese akka waan dhala namaa hunda lafa irraa fixeetti ilaalama. Sababni isaa namni kun dandeettii dhabe malee osoo isaaf danda'ame nama hunda lafa irraa fixuu irraa of duuba hin jedhu.
Al-Ma'idah 5:32
مِنْ أَجْلِ ذَٰلِكَ كَتَبْنَا عَلَىٰ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ أَنَّهُۥ مَن قَتَلَ نَفْسًۢا بِغَيْرِ نَفْسٍ أَوْ فَسَادٍ فِى ٱلْأَرْضِ فَكَأَنَّمَا قَتَلَ ٱلنَّاسَ جَمِيعًا وَمَنْ أَحْيَاهَا فَكَأَنَّمَآ أَحْيَا ٱلنَّاسَ جَمِيعًاۚ وَلَقَدْ جَآءَتْهُمْ رُسُلُنَا بِٱلْبَيِّنَٰتِ ثُمَّ إِنَّ كَثِيرًا مِّنْهُم بَعْدَ ذَٰلِكَ فِى ٱلْأَرْضِ لَمُسْرِفُونَ
"namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa balleessuun alatti #ajjeese akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti" jechuu murteessine.
Jechi #Billaa, Seefii (#Sword, blade ) jedhu yeroo 408 Macaafa Qulqulluu keessatti irra deddeebi'ee dubbatame(KJV). Afaan Arabaatiin jechi Seefii (Sword) jedhu jechoota dhibba shanii oliin ibsama. Ta'us Qur'aana keessatti jechi seefii jedhu yeroo tokkollee hin dubbatamne. Kanaaf #Islaamummaan nagaadha jennee lallabna.
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdanii barachuuf Chaanaalii armaan gadii join godha.👇👇👇👇
@Saahibuddiin28
#Eenyummaa_Yesuus_isa #dhugaa_kan_dhokate. Kutaa 1ffaa '#A'
#Islaamummaa_Addunyaan gahuuf, namni Rabbitti amane hundi, #liinkii_asii_gadii hiriyoota keessanii #sheer_taasisuun dirqama keessan akka baatan, tumsitoota haqaa akka taatan, jaalala fi kabajaadhaan isin gaafadha. Maaltu beekaa, sababa keetiin namni tokko ibidda Jahannam irraa bitamuun malaa. Ati sababa sagantaa tokko hiriyaa keetii sheerii taasisuutiin, #mindaa_Rasuulli (S.A.W) Sahabaa isaanii #Aliyyii_dhaaman argachuun malaa. #Nu_hundaa_Rabbiin #nu_haa_milkeessu. Amiiiin.
/channel/Xaaliburidallah
#Ajjeesuu, #Saamichaa fi #Daguuggaa_sanyii "Macaafa Qulqulluu" keessatti.
Akka Macaafni qulqulluu jedhamu gabaasutti Lubbuu Miliyoona 2.8 oltu galaafatame. Tilmaamaan garuu kana caala.
Tilmaama jiruun lubbuun Miliyoona 25 ' n galaafatameera.
Yeroo baay'ee wanti Kiristaanonni Muslimootatti arka qabanuuf bukoo isaanii kana dhoksuufi. Inshallaah fuulduratti "Mat-duree Qur'aana moo Macaafatu lubbuu qulqulluu ajjeesuutti ajaja" jedhu kan ilaallu ta'a. Mata-dureen kun isin gammachiisaa ? Akka isiniif dhiyaatu ni barbaadduu ? Yaada keessan nuuf qoodaa! Yaada keessan irratti hundoofnee kan dhiheessinu ta'a.
Harraaf keeyyata Macaafaa tokko qofa ilaalla.
Seera Kessa deebii 20:13
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹³ Waaqayyo gooftaan kee mandaricha harka kee keessa yeroo buusutti, achi keessaa dhiira kan ta'e hundumaa billaadhaan rukuti!
¹⁴ Dubartoota, ijoollee, horii qe'ee, wanta mandara sana keessa jiru hundumaa, wanta booji'amu guutummaatti ofii keetiif qabadhu! Diina kee irraa wanta booji'ame isa Waaqayyo gooftaan kee siif kennes nyaadhu!
¹⁵ Mandaroota si irraa fagoo warra kan saba sitti dhi'oo jiran kanaa hin ta'in hundumaas akkasuma godhi!
¹⁶ Haa ta'u iyyuu malee, mandaroota saba warra kanaa warra Waaqayyo gooftaan kee dhaala siif kennu keessatti, wanta lubbuu qabu tokko illee fayyaatti hin hambisin!
¹⁷ Warra Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yibusootaa immoo akkuma Waaqayyo gooftaan kee si abboometti raawwadhuu isaan balleessi!
Barnoota dabalataaf chaanaalii armaan gadii👇👇 join godha!
@Saahibuddiin28
Ergamaan Allaah saw akkana jechan: " Namni Nama soomu faxarsiise/Fursiise Fakkaataa Ajrii nama faxaree argata. Sun Ajrii nama fataree irraa hin hir'isu".Tirmize 807 .
Kana jechuun yoo nama tokko faxasiifte Ajrii sooma nama ati faxarsiifteef barreefamutu siifis barreefama jechuudha. Yeroo kanatti ajriin nama ati faxarsiifte irraa hir'ifama jechuu miti. Isaafis ajrii guutuu barreefamaaf.
Ajriin soomaa maali? Ykn ammami?
Ergamaan Allaah saw ni jedhan : "Hundi hojii Karii Ilmaan Aadam hojjate kudhanii kaasee amma dhibba torbaatti baay'ifama sooma malee".Muslim 1151.
Kana jechuun Hojii karii hojjanne hunda keessatti 10 ykn 700 'n baayyifama jechuudha. Fkn: Yoo Birrii tokko sadaqanne Rabbiin immoo Birrii kudhan akka sadaqanneetti mindaa nuuf barreessa. Yoo niyyaa qulqulluun kennanne immoo birrii tokkittii nuti kennanne san akka birrii 700 kennanneetti mindaa nuuf barreessa. Garuu kan soomaa kana irraa adda. Guyyaa tokko yoo soomanne guyyaa 10, guyyaa 700 , Guyyaa Miliyoona, Guyyaa Biliyoona, Guyyaa Tiriliyoona godhamee hin barreefamu. Kan Soomanaa lakkoofsaan ibsamuu hin danda'u. Lakkoofsa isaa baayachuu irraa kan ka'e Rabbiin qofatu beeka.
Yaa Rabbi warra dhugaan soomee mindaa guddaa kana argatu nu godhi!
#Sooma #Ramadaana
@Saahibuddiin28
Ergaman Allaah (saw)Akkana jedhan:"Nama Guyyaa tokko Rabbiif jecha Soome Ibiddi Jannam fageenya deemsa woggaa 100 irraa fageeffama" (Nasaa'i 2254,Sahihul Jaami 6330).
Hadiisa biraa keessatti akkas jedhan "Nama guyyaa tokko Rabbiif jedhee Soome,Rabbiin gidduu isaa fi gidduu Jahannamaatti Allayyaa/bu'oo amma gidduu samii fi dachii bal'atu godha "(Tirmizii 1623,Sahihal Jaami 6333).
Ammas Hadiisa biraa keessatti akkas jedhan:"Soomanni Gaachana Ibidda isin irraa ittisu"(Nasaa'i 2230).
Rabbiin guddaan sooma keenya qeebalee kan jahannama nurraa dhorku nuuf haa godhu.
@Saahibuddiin28
Waldhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu
Kutaa 5ffaa
21.✝Kiristaanota Dubartiin kiristaanaa Surree( kofoo) uffatuuf rakkoo hin qabu.Macaafni keenyas hin dhorku.
📖Macaafa isaani "Dubartiin uffata dhiiraa uffattu waaqayyo birratti ciiga'amtuu) jibbamtuu)dha jedha
(Seera keessa deebii 22:5)
22.✝Kiristaanonni macaafni keenya jecha waaqaati Afuura qulqulluun barreefame jedhu.
📖Macaafa isaani Phaawulos "Akka isa gooftaan dubbachuuf anaaf kennetti utuu hin ta'in akka nama gowwattin dubbadha jedha(2Qorontos 11:17).
23.✝Kiristaanota Phaawulos ergamaadha sagalee waaqaa qofa nuuf hima jedhu.
📖Macaafa isaani Phaawulos "warra kaan immoo gooftaa utuu hin ta'in #ani_nan_gorsa" jedha (1Qorontos 7:12)
Inumaa phaawulos yoo waaqa guddisuuf jecha sobe akka rakkoo hin qabne dubbata
"Garuu soba kootiin dhugaan Waaqayyoo caalaa mul'atee, ulfina kennisiisaaf yoo ta'e, maaliif ammuma iyyuu akka cubbamaatti yakki anatti muramaa jira ree?
(Roomaa 3:7)
24.✝Kiristaanota yesus qofatu nuuf jecha fannifame jedhu
📖Phaawulos "ani Kristosii wajjin fannifameera" jedha (Galaatiyaa2:19)
25.✝Kiristaanota yesus jireenya barabara (jennata) nuuf kenna jedhu
📖Macaafa isaani Yesus namoota akka jennata isaan seensisuuf isa kadhataniif deebisa kana kenne "gara mirga koo yookiis gara bitaa koo taa'uu garuu kennuun kan koo miti; taa'umsi sun warra kanaan dura abbaa kootiin qopheeffameefiif ta'a" isaaniin jedhe.(Maatewos 20:23).
@Saahibuddiin28
Har’a garuu jaarraa hedduu booda wanti kun jijjiiramee ragaa kana eerani “Yesuus gooftaadha” jedhanii lallaban. Namoonni qaamaan isa bira turan garuu Raajii ykn Nabiyyiidha jedhaniiti kan ragaa ba’aniif kamtu fudhatama qaba kan jedhu deebii sammuu keessaniifan dhiisa.
F. Yesuus dinqii hojjachuun qofti Waaqa nama taasisa jedhee hin barsiifne. Inumaa Akka paastaroonni dinqii hojjana jechuun akka ammaa argaa jirtan kanatti isin sobuuf jiran yeroo lubbuun jiru barsiisee jira. Ani gama kiyyaan waan TV irratti amma argamu caalaa barsiisa Yesuus mat. 24 :11&24 irratti ibsen amana. Sababaan immoo namonni Filmii sobaas Tv irratti akka dhugaa godhanii argisiisu. Kan ammaa argaa jirru filmiidha. Ykn falfalaa fi seexaana jechuun amana.
Mat.24:11Raajonni sobduun baay'een in ka'u; namoota baay'ees in wallaalchisu.......24 Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in argisiisu.²⁵ Kunoo, ani duraan dursee isinitti himeera.
Walumaa galatti Yesuus waan dindii hojjateef Waaqa jedhamuu akka hin dandeenye qabxiiwwan ilaalaa dhufne irraa ni hubattu jedheen yaada. Namni dhugumaan lubbuu isaatiif yaadu waan Yesuus hojjate qofa qabatee deemuu dhiise, Maaliif hojjate ? Yoom hojjate ? jedhee of gaafachuun macaafa dubbisee yaada isaa walbira qabee ilaalee karaa sirrii fi qajeelaa deemuu qaba.
3. Yoo nama dhukkubsate fayyisuun dirqama Waaqa nama godha jettee yaadde immoo Dr. Fayyaa hardha nama fayyisaa jiranis Waaqa jechuu dandeenyaa?
@Saahibuddiin28
Allaahu Akbar Maashaa Allaah
Guyyoottan 10 qofa keessatti namoonni sadarkaa adduunyaatti bebbeekkamoo mfi dhiibbaa uuman kunneen gara islaamummaatti makamaniiru
~ Aartistii beekamaa Hoolaand Doni Rolvink
~ Leenjisaa beekamaa lammii Faransaay ta'e Patris Bewmel
~ Lammii Koongoofi taphataa garee biyyaalessaa Kuweet Arsen Zola
~ Leenjisaa Poorchugaal Jose Mores
Rabbiin isaan haa jabeessu. Inshaa Allaah islaamummaan mana dachee kana irra jiru guutuu seenuuf ta'a.
@Saahibuddiin28
#Ajjeesuu , #Saamichaa fi #Daguuggaa #sanyii #Gara-Jabinaan #guutame Macaafa qulqulluu Kiristaanotaa Keessatti.
Kutaa 4ffaa
6. (Saamu'el Dura 15:3-9)
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³ Egaa ati dhaqiitii, Amaaleqoota dhiiraa jalqabdee hamma dubartiitti, ijoolleedhaa hamma mucoolii harma hodhaniitti, akkanumas qotiyyoowwanii hamma hoolotaatti, gaalotaa hamma harrootaatti ajjeesii fixi! Isaaniifis hin oo'in!" jedhe.
⁴ Yommus Saa'ol Xilaa'iimitti namoota walitti waamsisee, isaan keessaa lafoo kumaatama dhibba lama, warra Yihudaa keessaa immoo namoota kuma kudhan in lakkaa'ate.
⁵ Saa'ol achumaan gara mandara Amaaleq dhaqee, dachaa keessa riphee in eeggatte.
⁷ Saa'ol Hawiilaadhaa jalqabee hamma Shuur isa fuullee Gibxitti argamutti Amaaleqoota in rukute.
⁸ Agaagin mootii Amaaleqootaas fayyaatti booji'ee, namoota hundumaas billaadhaan in fixe.
⁹ Saa'olii fi namoonni isaa Agaagin mooticha in mararsiifatan; karra bushaayee, karra sa'aa, horii dilbii coccoomoo fi ilmoolee keessaa warra gaggaarii hundumaa ajjeesanii fixuu hin barbaanne; warra waa'ee hin baafnee fi warra tuffataman hundumaa garuu raawwatanii in balleessan.
Dubartii, Daa'ima harma hootu, Qotiyyoo, Hoolota, Gaala fi Harroonni maal balleessan ? Daa'imaa fi Beeladaan yakka maalii qabdi? Isin Kiristaanonni Macaafni keessan "sagalee Waaqayyooti" jettanii amantu. Waaqayyoon waan ofiif uume bifa kanaan akka barbadeefamu ni ajajaa? Gara jabina akkasii barsiisaa? Kitaabni kun jireenya ofii ittiin geggeefachuuf ni mijata jettanii yaadduu? Kana irraa maaltu baratama? Tarii afuuraan malee waa'ee kanaa hubachuu hin dandeessu jechuu dandeessu. Mee isin afuura jettan fayyadamaati hubadha. Waan hubattan immoo nuuf qooda. Macaafa farra lubbuu ta'e kanatti amanaa hamilee kamiin Qur'aanaa fi Muslimoota arrabsuuf yaaltu?
Barnoota amantii Kiristaanaa fi Islaamaa walbia qabdanii barachuuf chanaalii keenya armaan gadii join godha! Akkasumas share waliif godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28
Batii Gurraandhalaa, 2023 ALA Manni amantaa Kiristaanaa Itiyoophaa keessatti argamtu hundi mata duree " Deemii Wangeela Lallabi" jedhuu irratti marii jabaa godhanii turan. Dhimmoota hedduu irratti dubbatan. Keessaa tokko akkaataa itti Muslimoota Kiristaanessuu danda'an irratti gadi fageenyaan dubbataa turan. Yaadota achi irratti dhiyaatan irraa:
a. Naannoo Muslimni itti baay'atan qooddatanii akka irratti hojjachuun Kiristaanessuu qaban dubbatan.
b.Namoota Muuxannoo Kiristaanessuu qaban biyyoota adda addaa irraa affeeranii akka irraa baachuu qaban.
c. Bakka barbaachisaa ta'etti maallaqaan akka walbira dhaabbachuu qaba.
Wanti jarri amma Muslimoota of fakkeessuun ittiin nu gowwosuuf yaalan kun bu'aa marii jaraa san ta'uu hin oolu. Garuu kun of gowwomsuudha malee Muslimni kanaan sobamu hin jiru. As miti biyyoota dhihaattiyyuu amantiin Islaamaa Saffisaan guddachaa jira. Fkn:
Akka Gabaasni Janury 27, 2019 Dhaabbata #Pew #Research #Center jedhammun bahe argisuusutti amantiin Islaamaa saffisaan dabalaa deemaa jira. Akka inni jedhetti guddinni waggaa giddu galeessaan Musliimootaaf %1.5 yoo ta’u, Musliimoota hin taaneef ammoo %0.7 ta’a. Inumaa akka dhaabbani biraa ibsutti immoo guddini woggaa Muslimootaa 2.5% ol akka ta'e ibsa. Inumaa Awurooppaa keessatti lakkoofsi Muslimootaa saffisaan dabalaa jira jedha. Akka fakkeenyaatti immoo yaada armaan gadii kana dhiheessee jira.
Yunaayitid Kingidam keessatti Muslimoonni
amma %4.6 yoo ta’an bara 2030tti %8.2 akka ga'an tilmaama.
Oostiriyaatti har’a %5.7 yoo ta'an bara 2030tti %9.3 akka gahan tilmaamameera.
Siwiidinitti har’a %4.9 bara 2030 %9.9
Beeljiyeem keessatti har’a %6 bara 2030tti %10.2 Faransaayitti har’a %7.5 bara 2030 ammoo %10.3
Kanaafu Jarri Pheenxee of hin gowwomsina!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28
Islaamummaan oluma!
Namoota addunyaa (keessumaa biyyoota dhihaatti)irraa Islaamummaa fudhataa jiran keessaa lama sadaffaan ( ⅔) isaanii ykn %65 Dubartoota. Yoo amantiin Islaamaa mirga dubartootaa dhiibe maaliif gara Islaamummaatti dhufu? Mirga isaanii wallaalii? Miti! Waan amantiin islaamaa mirga isaanii eegeefi. Waan biyyoota dhihatti dhaban waan Islaamummaa keessatti argataniifi. Yeroo amantiin gariin birrii fi faayidaa adda addaatiin nama miseensa isaa gochuuf barbaadee dhabutti namoonni amantii Islaamaa barbaadanii itti amanaa jiru.
Taatee Fulbaana 9/ 11 booda turtii Baatii kudhanii qofa keessatti lammiiwwwan Amerkaa kuma soddomii afurtu(34,000) Muslima ta'e. Kana jechuun yeroo sanatti guyyaatti namoota 113.3 muslama ta'u jechuudha. Akkasumas Awuroopaatti namoota kuma digdamii afurtu (24,000) Islaamummaa fudhatan. Kana irraa wanti hubannu namni ilaalcha summaa namoonni Islaamummaa irratti kaasanuuf ibsa sirrii kennu yoo jiraate namoonni waa'ee amantii Islaamaa holola summaawaa afarsuun amantii Islaamaa namoota barsiisuuf baay'ee akka gargaaruudha.
Bagan Islaama ta'e!
#Islaamummaa
👇👇👇
@Saahibuddiin28
◻️ Waraanni duguuggaa sanyii erga Israa'eliin raawwatamee guyyaa (200) booda waan jiru.
3,025) ajjeechaa waraana qofaan raawwatame.
◻️ (41,183) Wareegamtoota fi achi buuteen isaanii kan dhabame.
◻️ (34,183) Kan hospitaala galan.
◻️ (14,778) daa'imman wareegaman.
◻️ Daa'imman (30) sababa beelaan wareegamaniiru.
◻️ (9,752) dubartoota wareegaman.
◻️ (485) wareegamtoota hojjattoota yaalaa.
◻️ (67) wareegamtoota Raayyaa Ittisa Siivilii irraa.
◻️ (140) gaazexeessitoota wareegaman.
◻️ (7,000) bakka bu'an kan dhabame.
◻️ (77,143) dhukkubaata adda addaan qabamaniiru.
◻️ Namoota miidhaman keessaa (%72) daa'immanii fi dubartoota.
◻️ Ijoolleen (17,000) haadhaa fi abbaa malee ykn isaan keessaa tokko malee hafaniiru.
◻️ Namoonni (11,000) madaa’an opereshinii yaalaaf imaluu isaan ibarbaachisa.
◻️ (1,090,000) sababa buqqa'iinsaan dhukkuba daddarbootiin qabamaniiru.
◻️ (8,000) namoota sababa buqqa'uutiin dhukkuba tiruu vaayirasiitiin qabamaniiru.
◻️ Dubartoonni ulfaa (60,000) sababa kunuunsa fayyaa argachuu dhabuun balaadhaaf saaxilamaniiru.
◻️ Dhukkubsattoonni yeroo dheeraa (350,000) sababa qoricha fudhachuu dhabuun balaadhaaf saaxilamu.
◻️ (5,000) Gaazaa irraa hidhaman.
◻️ (310) namoota fayyaa hidhaman.
◻️ (20) gaazexeessitoota maqaan isaanii beekamu hidhamuu.
◻️ (2) miliyoonaan lammiilee Gaazaa keessatti buqqa'an.
◻️ (181) waajjiraaleen mootummaa barbadaa'eera.
◻️ Manneen barnootaa fi yunivarsiitiiwwan (103) weerara kanaan guutummaan guutuutti barbadaa'aniiru.
◻️ (309) manneen barnootaa fi yunivarsiitiiwwan gartokkoon barbadaa’an.
◻️ Masjiidoonni (239) guutumaan guututti barbadaa'aniiru.
◻️ (317) Masjiidota gartokkoon barbadaa'an.
◻️ (3) Manneen amantaa Kiristaanaa barbadaa'an.
◻️ Manneen jireenyaa (86,000) guutumaan guututti barbadaa'aniiru.
◻️ (294,000) manneen jireenyaa gartokkoon barbadaa'anii fi jiraattota qabachuu hin dandeenye.
◻️ (32) hospitaalota tajaajila ala ba'an.
◻️ Buufata fayyaa (53) tajaajila ala ta'e.
◻️
◻️ Ambulaansonni (126) badaniiru.
◻️ (206) iddoowwan arkiyooloojii fi hambaa qaban kn kanaan barbadaa’an.
◻️
Waajjira Miidiyaa Mootummaa Irraa
Kibxata, Ebla 23, 2024 Dh.K.D
👇👇👇👇👇
@Saahibuddiin28
#Waldhabbii#Macaafa#qulqulluu
❌Salamoon mana konkolaattonni keessa kaa'aman kuma afur (4000)qaba moo kuma afurtama(40,000) qaba?
Isa kamtu dhugaadha? Isa kamtu sagalee Waaqaati? Isa kamtu soba ? moo hiikaa biraa qaba? Mee afuura qulqullee jettan san fayyadamaati nuuf ibsa. Kiristaanonni hin callisinaati nuuf deebisa.
A. “Solomoon kutaawwan manaa fardeen itti galanii fi kutaawwan manaa konkolaattonni keessa kaa'aman kuma afur (4000)qaba ture; abboonni fardeenii isaa kuma kudha lama (12000)turan; inni isaan kana keessaa gar tokko mandaroota konkolaattonni keessa kaa'aman keessa in kaa'e, gara kaan immoo of bira Yerusaalem mandara mootii keessa in kaa'e.”
(Seenaa bara isa lammaffaa. 9:25).
B. Solomoon gola fardeen warri konkolaattota isaa harkisan itti galan kuma afurtama,(40,000) abboota fardeenii immoo kuma kudha lama(12000) qaba ture.” ( — Mootota duraa. 4:26).
👇👇👇👇👇
@Saahibuddiin28
Dr. Ahmed Abdul-aziz jedhama. Masriitti Dr. Fayyaa beekamaa fi Muuxannee yeroo dheeraa nama qabuudha. Weerartuun Israa'el e obboleeta isaa Falisxeen weeraruu dhageenyaan maatii, Ilmaanii fi biyya isaatti nagaa dhaammatee gara Gaazzaatti imale madoo isaanii eega wal'aanuu eegalee guyyoonni 195 lakkaa'amaniiru. Yeroo "ati du'a hin sodaattuu?" isaan jedhame ,Seeqataa "Ani asitti du'ee jireenya isa du'a hin qabne jiraachuufan dhufe " jedha.
@Saahibuddiin28
Gara laafummaa Nabiyyii ﷺ irraa kan ka'e osoo Qureeshonni kallatti adda addaatiin isaan rakkisanuu obsanii ibidda jahannam jala bilisa akka bahaniif galgalaafi ganama gama Islaamummaa tti isaan waamaa turan. Yeroo tokko maaliif mukaa fi dhagaa gabbaruu dhiisaatii Rabbiin qofa gabbaraa nuun jetta jechuun osoo tumanuu Nabiyyii ﷺ gaggabanii of wollaalanii turan. Guyyaa biraas ummata Taabota gabban arganii ummanni kun osoo haala kanaan jiranuu yoo du'an ibiddatti gubatu jechuun rifatanii Magaalaa keessa deemuun "Yaa ummataa! Haqaa gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru jedhaa ni milkooftu " jedhan. Wosiilli isaanii Abuu lahab duukaa deemuun biyyee itti facaasaa "waan namichi kun isintti himu hin dhaggeefatina! toles hin jedhina; Akka isin Haawiltii keessan hin gabbare barbaada; Amantii keessan irraa akka isin hin gowwomse! An isiniif hime itti fayyadamaa " jedha. Garuu Nabiyyii ﷺ millatanii hin ilaalanu. Obsaan bira darban. Ammas guyyaa biraa osoo isaan sagadaa jiranuu Dilluu Gaalaa irra ka'an. Kanas ta'u Nabiyyiin ﷺ obsanii bira kutan.Kun hundi kan isaan mudatu faayidaa mataa isaanii waan barbaadaniif osoo hin taane ummanni kun Rabbiin isa uumeen akka wal hin dhabneef jedhaniiti. Mee xiinxala! Osoo nu ta'ee faayidaa nama biraatiif osoo hin taane dhimma mataa keenyaaf wanti akkanaa yoo nu mudate obsuu nutti ulfaata. Inuma tarii amma lubbuu namaa baasuu irraa amma keenya baasuutti deemuu dandeenya. Garuu Nabiyyiin Rahmataa ﷺ kana hunda danda'ee obsaan bira darbe. Subhanallah
Kanaaf isa hordofe. Baga itti amanne.
ﷺﷺﷺﷺﷺﷺ
ﷺ
Asiin👇👇👇👇👇
@Saahibuddiin28
#Ajjeessuu #Saamichaa fi #Daguuggaa_sanyii gara jabinaan guutame. #Macaafa_qulqulluu keessatti.
Ajjeechaan kan walqabatu wanta Macaafni barsiisu dubbachuun miira nama xuqa waan ta'eef silaa as irratti maxxansuun gaarii miti. Garuu dhugaan jiru baratamuu waan qabuuf as irratti maxxanse.
2.Dubartootaa fi Ijoollee ajjeesuutti ajajaja!😭
Seera lakkoofsaa 31:17-18
¹⁷ Amma ijoollee keessaa dhiira kan ta'e ajjeesaa! Dubartoota warra dhiiraa wajjin ciisanii beekan hundumaas ajjeesaa!
¹⁸ Durboota dhiiraa wajjin ciisanii hin beekne hundumaa garuu ofii keessaniif hambifadhaa!
3. Macaafni Qulqulluun Dubartoota ulfaa garaa ishee dhoosuutti, Namoota billaan rukutuutti/ajjeesuutti, Daa'imman darbatanii cabsuutti ajaja.
“"Samaariyaan Waaqayyo ishee irratti waan kaateef, yakka isheef adaba fudhachuun in ta'aaf; namoonni ishee billaadhaan in kukkufu, mucooliin isaanii humnaan daddarbatamanii in cabu; dubartoonni isaanii warri ulfis garaan isaanii in tatarsaafama" jedhe.” ( Hose'aa Raajichaa 13:16).
4. Masaraa ibiddaan gubuu, Dargaggoota billaan ajjeesanii fixuu, Daa'imman bubburuqsuu/caccabsuuu fi dubartoota ulfaa garaa baqassuutti ajaja.
“ "Wanta hamaa ati Israa'eloota irratti hojjechuuf jirtu waanan beekuufan boo'a; masaraa isaaniitti ibidda in naqxa, dargaggoota isaanii billaadhaan in fixxa, mucoolii isaanii lafatti in bubburuqsita, dubartoota isaanii warra ulfas garaa in tatarsaafta" jedheen.”
(Macaafa Motaata lammaffaa 8:12).
Ijoollee fi Dubartiin maaliif akkas jibbaman laata?
Yoo badii qabaatan gorsuun ykn waan biraan sirreessuun hin danda'amuu ?
Kitaabni "Sagalee Waaqati" jedhamu ammuma seera dhala namaatiin bahee mirga namaa hin eeguu?
Kun gocha badii ballisuu mitii?
Isin Kiristaanonni macaafa bifa akaanaan dhala namaa lafa irraa daguuguutti ajaju qabattanii Muslimootaa fi amantii Islaamaa qeeqeef yoo yaaltan hin saalfattanii ?
Itti fufa... Kutaa itti aanuun amma walitti deebinuu Share waliif gochuun akka namoota bira ga'u gochaa nu eega. Yaada keessanis nuuf qooduu hin dagatina.
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdanii barachuuf Chaanaalii armaan gadii join godha.👇👇👇👇
@Saahibuddiin28
"Sababan Islaamummaa fudheef maatiin kiyya jirta Jennee sin yaannu naan jedhan... Amma karaa sirrii Islaamummaa argadheera. Dubra ta'eera.... Islaamummaa fuchachuu kiyyaan waan baay'ee dhabeera. Garuu waanin dhabe irra waanan argadhetu caala. Yaada guutuuf saganticha dhaggeefadha.
Barnootaa fi Vidiyoo dabalaataa argachuuf chaanaalii keenya armaan gadii jion godha! Akkasumas hiryoota keessaniif share godha.
@Saahibuddiin28
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Al-Jumu'ah 62:5
مَثَلُ ٱلَّذِينَ حُمِّلُوا۟ ٱلتَّوْرَىٰةَ ثُمَّ لَمْ يَحْمِلُوهَا كَمَثَلِ ٱلْحِمَارِ يَحْمِلُ أَسْفَارًۢاۚ بِئْسَ مَثَلُ ٱلْقَوْمِ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِۚ وَٱللَّهُ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Fakkeenyi warra Tawraatiin baachifamanii ergasii isa hin baadhatinii (ittiin hin hojjatinii) akka fakkeenya harree kitaabota gurguddaa baadhattuutiFakkeenyi ummata keeyyattoota Rabbii sobsiisanii akkaan fokkataa dha! Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu.
#Yesuus #Kirstaanota
@saahibuddiin28
"Jaalalan Muuziqaaf qabutu gara Islaamummaatti na fide" Wallistuu beeqamtuu addunyaa wallee ittiin beekamtuu qabdu dhiiftee gara Islaamummaatti dhuftee kana quba qabduu? Yeroo addunyaan Muuziqaa dhageefachuun nama bashannansiisa jedhee yaadutti isin immoo dhageefachuu miti wallisuunuu gammachuu dhugaa akka qur'aanni namaaf laatu hin qabu jechuun gama Qur'aanaatti dhufte.
Barnoota dabalataaf chaanali keenya armaan gadi join godha!👇👇👇👇
@Saahibuddiin28
TB Joshua Seenaa BBC ji'a dura gabaase kan
Kan Jarri Peenxee Nama wal'aanna ja'anii shiraan hawaasa cunqursaa turan san
Salphina peenxee Ragaa qabatamaan
Documentary BBC kana laalaa
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Ergaman Allaah (saw )Akkana jedhan "Soomaa fi Qur'aanni Guyyaa Qiyaamaa Manguddummaa namaaf dhaabbata;Soomanni Yaa Rabbi Nyaataa fi dhugaatin isa dhorge badii isaa anaaf jecha dhiisiif jedha.Qur'aannis Yaa Rabbi anaaf jedhe Irriba dhiise anaaf jedhi badii isaa dhiisiif jedha.Rabbiin manguddummaa isaanii qeebaluun Gabrichaaf dhiifamaafa godha"(Ahmad 6337).
Yaa Rabbi sooma nuti soomaa jirruufi Qur'aana keenya kan akkasii nuuf godhi.Akkasumas
Yaa Rabbi Obboleewwanii fi Obboleettowwan kiyyaa kan Iimaanaa hunda naaf milkeessi! Waan isaan barbaadan kenniif! Waan isaan sodaatan najaa baasi.Waan isaan yaachisuu fi isaan Aachisu irraa qabi! Addunyaarratti jiruu gaarii aakiraatti jennatal firdoos naaf qubsiisi!
Aamiin! aamiin!
@Saahibuddiin28
Gaaffii namni Kirstaanaa gaafateef deebii kenname irraa kan fudhatameedha.
Qabxiiwwan an armaan olitti siif kaase keessa kana qofatu si dhibe taanaan kanas siifan deebisa. Atis qalbeefadhu.
1. Dinqiin nabi Muhammad hojjatan baay'eeedha. Keessaa muraasni :
A.Nabi Muhammad (saw)
Nama lafeen isaa cabe arka isaatiin qabnaan fayye
Abdallaah ibna Atiik Ni jedhe, Ergamaa Allaah biran gahe (haala miilli koo cabee jiruun), wantoota na qunnamanis isaafan hime, Innis "miila kee diriirsi naan" jedha, anis Miila koo nan diriirse, ni haxaahe( Harka isaa irra oofe) miilli kiyyas akka waan sanaan dura dhibde( cabaa) hin qabneetti naaf fayye.(Sahiih Bukhaari 4039).
B. Nabi Muhammad nama ijji keessaaba'e itti deebisuun fayyisee jira.
"Qataadaa ibnu Nu'maan ijji isaa keessaa baate fuula isaa irra buute, Nabi Muhammad arka isaaniitiin kabani keessatti deebisan, yeruma sana ija isaa duraani irra caalee argame. "( Arrahiiqul Maktuum fuula 239).
Beektota hawaa baatiin cabuu hin mirkaneessine isa jetteef immoo, Beektonni hawaa Rabbii miti. Waan hundas hin beekan. Fkn waa'ee Malaa'ikaa/ergamootaa ,waa'ee jennataa fi jannanamaa hin beekan. Garuu wantoota baay'ee beeku. Beektonni hawaa qorannoo #evidence irratti hundaa'een akka inni cabaa hin taane hin mirkaneessine. Tarii fuulduratti akka inni cabe ni mirkanemirkaneessu
Ammas akkas jette "osoo cabseera ta'ee gaafa halkan bahuu cabaa isaatu muldhata ture".
Kufaaronni gaafa nabi Muhammad lubbuun jiran arganii jiru. Ati ji'a fageenya Kiilomeeta kuma 389 ol irratti cabaa arguu barbaadee? Mee irra deebi'i yaadi.
"sheekota keessaniiti seexana fayyadamtaniiyyuu diinqii maal gootan?" Kan jetteef Sheexaana fayyadamanii dinqii hojjachuun ykn waan sobaa qabatanii amantii Islaamaa guddisa jedhanii yaaluun Islaamummaa keessatti dhorgaadha. Garuu akka Phaawulos Macaafa keessatti barsiisutti ni hayyamama. Paastaroonni kanaaf falfalaa fi seexaana fayyadamu natti fakkaata. Roome 3:7 ilaali.
“Garuu soba kootiin dhugaan Waaqayyoo caalaa mul'atee, ulfina kennisiisaaf yoo ta'e, maaliif ammuma iyyuu akka cubbamaatti yakki anatti muramaa jira ree?”
— Rom. 3:7
2.. Nabi Muhammadii fi Nabiyyoonni isaan duraas dinqii hojjataniiru. Garuu Yesuusiin/Iisaa dabalatee Nabiyyoonni hundinuu dandeettii isaaniitiin kan hojjatan osoo hin taane, Rabbii isaanii kadhachuudhaani. Fkn Nabi Iisaan/Yesuus akka humna/dandeettii isaatiin waan tokko hojjachuu hin dandeenyee fi ajaja Rabbi qofa akka hordofu Wangeela yohannis 5:30 irratti dubbateera.
A. Yesuus yeroo dinqii hojjatu, nama du'e kaasu maaliifan hojjadha jedhe beektaa? Waaqa ta'uu kiyya namoonni akka hubataniif jedhee jiraa ? Miti akka inni raajii ta'e akka hubataniif qofaaf.
B. “Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana dubbadhe" jedhe.” Yoh. 11:42
C.Yesuus humna Waaqayyootiin akka hafuura hamootaa baasu ibseera.
Luqaas11:20« Ani garuu humna Waaqayyootiin hafuurota hamoota kanan baasu erga ta'ee, mootummaan Waaqayyoo isin irratti dhufeera.
D. Waaqatu harka Yesus nama Naazireet irratti dinqii hojjate malee Yesuus ofii isaaf dinqii hin hojjanne. Wanti inni hojjateef immoo akka nabiyyummaan Yesuus fudhatama argatuufi.
Hojii ergamtoota 2:22 «...Waaqayyo harka Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe.»
E.Namoonni yeroo Yesuus dinqii hojjachuu isaa argan maal isaan jedhan ? Waaqayyoo moo Raajii isaan jedhan ? Deebii macaafa irraa yoo barbaanne akkas jedha:
Hundumti isaaniis, na'anii, "Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba isaa ilaaleera" jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi’eessan. » (Luqaas 7:14-16).
Xiinxali yaa sabaa! Namoonni wanta kana itti dhiheenyaan bira dhgaabbatanii ilaalaa tura “Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera” jedhan malee “waaqayyo nukeessatti dhalate” hin jenne. Maaliif beektuu? eyyeen dinqii fii milikkata (mo’jizaa) hojjechuun mallattoo waaqummaa osoo hin taane, mallattoo nabiyyummaa akka ta’e waan beekaniif ture.