saahibuddiin28 | Unsorted

Telegram-канал saahibuddiin28 - Daandii Milkii(Jennataa)

-

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @SaahibuddiinJihaad

Subscribe to a channel

Daandii Milkii(Jennataa)

Eeyyeen Islaamummaa fudhachuu diduuf sababaan jiru Waa'ee Islaamummaa kallattii sirriin hubachuu dhabuu qofa. Kanaaf immoo seenaan namicha kanaa ragaadha. Osoo ragaan dhugaa irratti bundaa'e, kan amantiin Islaamaa fudhachuu nama dhorgu jiraatee namni kun Muslima ta'uu dhiisii nama muslimaa fuula Dachee kana irratti arguu hin barbaadu.
Ani gama kiyyaan Warri Islaamummaa jibbitan olola namoonni odeessaniin jibbuu dhiisaati Waan Qur'aannii fi Hadiisni jedhu qoradha. Waan isin dhibe kottaa nu gaafadha. Yoo deebiin keenya isin quubse itti amana. Yoo deebii dhabdan dhiisa!




Barnoota dabalataa argachuuf
👇👇
@Saahibuddiin28 jion godha.

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kitaaba share gochuun badhaafamaa!

Namni Kitaaba kana  share gootanii kallattii keessaniin #view baa'ee olaanaa argattan tokkoo amma sadiitti badhaasa nu biraa qabdu.




Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

T.me/Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Warri pirotestaantii huccuu faaya Muslimootaa uffatanii bifa manzuumaatiin ummata burjaajessuu maaliif barbaadan?
***
Yoo Muslimatu kanaan gowwoomee gara keenyatti dhufaa yaaddan baay'ee dogoggortan; kun hordoftoota amantii lachanii walitti buusuu malee bu'aa tokkollee hin qabu.
Bifa kanaan dhihaachuu irra yoo ragaa qabaattaniif dirreetti as bahaatii ifaan ifatti, bakka addunyaan guutuun argutti, istaadiyeema keessatti ragaadhaan haa mari'annu.
Isin kana gochuuf qophii taanaan hayyoonni Islaamaa qophiidha. Yoo kana hin taane kijibaafi diraamaan ummata hin burjaajessinaa. Amantiin kijibaan, diraamaafi sirbaan baballatu tokkollee hin jiru yoo jallina ta'e malee. Kanaafuu yoo ragaa qabaattan as bahaa waliin haa mari'annu, yoo ragaa hin qabaanne immoo jallina irra hin deeminaatii gara Rabbii tokkichaatti deebi'aa. Yesuus ergamaadha malee Rabbii miti; hin waaqeffatamu; inninuu ni waaqeffata.
Waaqni waaqa biraa gabbaru hin jiru.

Ustaaz Gaalii

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

J i r e e n y a K e e t i t t i G a m m a d i
@JemalSheikhBakri1

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 3ffaa

11.✝Kiristaanota Yesuus du'ee du'aa moo'e kaheera.
📖Macaafa Isaanii 👉🏻Yesuus waaqayyoon isa du'a oolchuu danda'u kadhate,kadhatni isaas waan dhagaa'ameef du'a Ooleera.[Ibroota 5:7]
12.✝Kiristaanota 👉🏻Yesuus Ergamaa ykn Raajii miti.
📖Macaafa isaanii Yesuus Ergamaadha[Ibroota 3:1]
13.✝Kiristaanota 👉🏻Seerri Moofaan Yesuusiin Diigameera.
📖Macaafa Isaanii👉🏻"Ani seera diiguuf hin dhufne Ittiin raawwachuufan dhufe male"[Matiyos 5:17]
14.✝Kiristaanota👉🏻"yesuus qofaaf jilbeenfadhaa sagadaa.
📖Macaafa Isaanii,👉🏻Yesuus akkas jedhe "waaqayyoon qofaaf jilbeenfadhuu sagadi,isa qofaafis hojjadhu"[Matiyos 4:10]

15.✝kiristaanota👉🏻Yesuus waan hunduma ofii isaan beeka.
📖Macaafa Isaanii👉🏻Yesuus ofii waan tokko akka hin beekne hima,guyyaan dhumaa/qiyaamaan yoom akka ta'e hin beeku."Guyyicha sana Abbaakoo duwwaatu beeka"[Marqos 13:32].

Mee warra kiristaanaa eega Macaafni keessan faallaa hojii keessanii ta'e macaafa isa kamiin hordofaa jirtu?????
Maaliif ofitti taphattu lammii koo adara!!
Amantii jechuun dhimma lubbuuti. dhimma Namni sababaa isiitiif biyya lamaanitti Milkaa'u ykn honga'u. Kanaaf itti yaaduun barbaachisaadha.
Abbaan ykn Armeen tiyya amanti kana qabu jechuuf osoo hin taane ragaa fi Qorannoon ta'uu qaba.

Yoo dhugumaan dogongorri gama kiyyaan kan jiru tahe Ragaadhaa wajjin akka naaf sirreesitanu isin gaafadhu.
Yoo dhugaa ta'e immoo Maaliif akka Macaafichatti Amanuu hin barbaanne nuuf ibsa.

Hubachiisa yoo akka carraa ta'ee kiristaanonni macaafa isaanii irraa keeyyata yaada isaanii kan armaan olii kana deeggaru fidatan qabxiin sun qabxii ani dhiheesse armaan olii kanaan akka walfaallessu hubatamuu qaba.

Itti fufa...

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 2ffaa


6.✝Kiristaanota👉🏻Yesuusiif Abbaan tokkuma wol hin caalanu.
📖Macaafa isaanii👉🏻 yesuus akkas jedhe: "Abbaan ana caala[ yohannis 14:28]
7.✝Kiristaanota👉🏻Yesuus Addunyaa hundaaf Ergame.
📖Macaafa isaanii 👉🏻"Yesuus ani Israa'el  duwwaaf malee hin Ergamne"[Matiyos 15:24]
8.✝Kiristaanota👉🏻Yesuus humna isaatiin waan hunda ni hojjata.
📖Macaafa isaanii👉🏻 "Yesuus Ani Humna kootiin homaa hojjachuu hin danda'u" [Yohannis 5:30]
9.✝Kiristaanota👉🏻Yesuusitti kan amanu jireenya bara baraa qaba.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus akkana jedhe:"Isa   Ana Ergetti(Waaqatti ) kan amanu jireenya bara baraa qaba".[Yohannis 5:24]
10.✝Kiristaanota👉🏻Yesuus ni farada.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus "Ani Hin faradu"[Yohannis 12:47]

Obbeleewwwan keenya Kiristaanaa kanneen shakkii qabdan deemaati keeyyatoota xuqaman kana dubbisa. Beekaa jallachuu Rabbi nu haa oolchu.


Mee warra kiristaanaa eega Macaafni keessan faallaa hojii keessanii ta'e macaafa isa kamiin hordofaa jirtu?????
Maaliif ofitti taphattu lammii koo adara!!
Amantii jechuun dhimma lubbuuti. dhimma Namni sababaa isiitiif biyya lamaanitti Milkaa'u ykn honga'u. Kanaaf itti yaaduun barbaachisaadha.
Abbaan ykn Armeen tiyya amanti kana qabu jechuuf osoo hin taane ragaa fi Qorannoon ta'uu qaba.

Yoo dhugumaan dogongorri gama kiyyaan kan jiru tahe Ragaadhaa wajjin akka naaf sirreesitanu isin gaafadhu.
Yoo dhugaa ta'e immoo Maaliif akka Macaafichatti Amanuu hin barbaanne nuuf ibsa.

Hubachiisa yoo akka carraa ta'ee kiristaanonni macaafa isaanii irraa keeyyata yaada isaanii kan armaan olii kana deeggaru fidatan qabxiin sun qabxii ani dhiheesse armaan olii kanaan akka walfaallessu hubatamuu qaba.

Itti fufa...
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

As wr wb . Warri amantii Islaamaa hordoftan, Ashamaa akkam jirtu Warri amantii Kiristaanaa hordoftan.

1. Gaaffii armaan gadii kana irratti hirmaadhaa!

Amantiin kee Rabbiin biratti fudhatama akka qabu ykn  Ragaan amantiin kee sirrii akka ta'e  siif mirkaneessu, kan Rabbiin/ Waaqni  dubbate jiraa?


Yoo jiraate:

Muslimoonni Qur'aanaa fi Hadiisa Sahiihaa irraa   ragaa keessan Comment irratti nuuf barreessaa.

Kiristaanonni Ragaa keessan Macaafa Qulqulluu(Bible ) irraa  Comment irratti  nuuf barreessaa.


@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Ganama Salaata Subhii booda erga ciree nyaatanii qaawwaa dhuganii dhimmicha manguddootatti himan.

Manguddoonnis “isin maal yaaddan ree?” jedhan. Abbaan Jifaaris “mootummaa Itoophiyaa naaf kennuu mitii yoo inni kan Jimmaayyuu narraa fudhate, intala isaa natti heerumsiisuu mitii yoo inni haadha manaa koo hundaa narraa fudhateyyuu ani Islaamummaa hin dhiisu” jedhan. Manguddoonni hundinuu “yoo duunes Islaamummaa irratti duuna” jechuu waadaa waliif galan. Hundi isaaniituu qawwee dhukaafamu hidhatu turan. “Har’a Minilik Abbaa Jifaar ajjeesuutu mala; kanaafuu nutis Abbaa Jifaar biraa hin hafnu; isaanii wajjin Minilikiin bira seennee yoo inni isaan tuqe isas ajjeefnee dhumna malee hin dhiifnu” jedhan. Yeroo Abbaan Jifaar dhaqan akkuma kaleessaa waardiyyoonni Abbaa Jifaar qofa ol galchuuf yaalan. Garuu manguddoonni nutis biraa hin hafnu jedhanii dinnaan Minilik isaanis ol galchaa jedhe. Yeroo isaan ol galan “yaada kaleessaa maal jettaree?” jedhee Abbaa Jifaar gaafate. Abbaan Jifaaris “mootummaa Itoophiyaa naaf kennuu mitii yoo ati kan Jimmaayyuu narraa fudhatte, intala kee natti heerumsiisuu mitii yoo haadha manaa koo hundaa fudhatteyyuu ani Islaamummaa hin dhiisu” jedhan. Ogga kana Minilik lafa dhiitee rifeensa mataa ofirraa buqqisee “ka’ii galigaa; waan gaarii siif yaadnaan didde” jedhe. Haala kanaan hundinuu Islaamummaa isaanii irratti gadi dhaabbatanii nageenyaan gara Jimmaa deebi’an.
Rabbiin hunda isaanii jannataan haa badhaasu.
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

#Ganda_Basaquu_Ilaalaa

#Godina_Arsii_Lixaa  #Magaalaa_Nageellee_Arsii, #Ganda_Basaquu_Ilaalaatti, Sagantaa guddaa (#Guyyaa 03/02/2024 or 26/05/2016) amantiilee jiran hunda affeeruun gegeeffamaa oole irratti, hedduun namaa dhugaa hubatee, hedduun warra duraan baaxila lallabuu qoricha dhibee isaaniitii ta'u argatee, muraasni worroonni hoggantoonni amantii ammoo namni Islaamummaan mormee hinjifate akka hin jirre waan beekuuf sodaatee baqatee, #Faaruun kan Rabbiitii, #namni_afurii  tola Rabbiitiin amantii dhalootaa Islaamummaa qabatee, sagantaan keenna milkiidhaan goolabamee gallee jirraa, Alhamdulillaah.
Yoo Rabbiin nuuf fedhe, milkiin ganaa ammallee. Inshaa Allah.

/channel/Xaaliburidallah

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

#Malkaa Sooddaa

Tuun tanaa tuun ganaa.
#Guyyaa_har'aallee_nama_85 ol Amantii dhaloota #Islaamummaa_fudhatan. Alhamdulillaah.
Godina #Gujii_Lixaa, Magaalaa_Malkaa_Sooddaatti, sagantaa da'waa guddaa gegeeffame irratti, tola Rabbii keennaatiin, namni 85 ol Amantii dhalootaa, tan Rabbiin irratti isaan uume, Islaamummaatti deebi'anii jiruu. Osoo hojiin seenaa kun, kan warra faallaa diin Rabbii taatee, silaa mirqaananii, lafa dhiichisaanuu, gurra nu duuchanii. Faaruun kan Rabbii kaayooo warra baaxilaa cabsee, haqa ofii ol taasiseetii. Tuun tanaa tuun ganaa. Du'aa'ii nu wojji jiraa, yoo Rabbiin fedhe, Ajaa'iba dhagahuu deemtuu. Inshaa Allah.

/channel/Xaaliburidallah

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

"Waan nuti Filisxeenotaaf gochuu qabnu "mata duree jedhuun barnoota Dr. Zakir Naik jenne.

Barnoota dabalataaf chaanaalii keenya armaan gadii join godhaa!

@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Ragaa Yesuus fannoo irratti akka hin duune mirkaneessu. Dr. Zakir Naik

Barnoota dabalataa argachuuf chaanaalii keenya armaan gadii Join godha!


@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

"Osoon Islaamummaa hin fudhatin NABIYYII Muhammadii fi Muslimoota arrabsaan ture. Garuu Amma dhugaa argadheen Jira. Nabi Muhammadii fi Muslimoonni akka dhiifama naaf godhan kadha." Jetti obboleettiin koo Qaalkidaan wadasan. Eeyyeen amantii Islaamaa fudhachuu dhabuuf sababaan jiru tokko qofa. Innis karaa sirrii ta'een waa'ee isaa beekuu dhabuufha.


Viidiyoo fi barnoota dabalataa argachuuf chaanaalii keenya armaan gadii Join gochuun nu hordofaa!
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

#Har'aallee_boojuun_gallee, Alhamdulillaah. (04/05/2016 or 13/01/2024).
Sagantaa da'waa guddaa, Godina #Gujii Aanaa Dugda Daawaa, magaalaa #Fincaawaa woggaa kana keessa #marsaa_2ffaa irratti hirmaannee, Alhamdulillaah #namoota gara #50 gahantu Amantii dhaloota isaanii Islaamummaa fudhatee. Faaruun kan Rabbii keennaatii, ka guyyaan milkii akkanaa nu badhaase. Tuun tanaa, tuun ganaa, Inshaa Allah

/channel/Xaaliburidallah

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kitaaba "Kiristaanummaa Durii fi Ammaa" jedhu bifa Kan duraa irra fooyya'aa ta'een Kan qophaa'eedha. Dubbisa Share waliif godha. Barakallaahu fiikum.
Barnoota dabalataaf:👇 join godha!

@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Maatiin guutuun gara islaamummaatti
Allaahu Akbar
~~~~
Kun maatii lammii Ameerikaa hordoftoota amantaa kiristiyaana turaniidha. Ilmaantu waa'ee amantii Islaamaa abbaa gaafata. Abbaan ammoo waa'ee waan gaafatamee kana beekumsas ta'ee hubannio gadi fagoo hin qabu. Deebii kamuu isaaniif deebisuu ofitti amanamummaa dhabe.

Kana booda waan gaafatame kana baree gaaffii ilmaan isaa deebisuuf jecha waa'ee islaamummaa qorachuu eegale.

Daandiin inni jalqabe kun gara haaqaatti isa geesse. Islaamummaa bare, amantaa dhugaa ta'uu isaa hubate. Ofiif amane, ilmaan isaa gaafficha kana isa gaafatan dabalatee maatii isaa guutuu waliin islaamummaa qabatan.

Agartee?
Gaaf gaaffii sababoota akka kanaa kana faatu manaa si baasee gara milkaa'inaatti si oofa. Gara dhugaatti si geessa. Diinii haqaa isa Rabbiin biratti jaallatamaa sanatti geessee si naqa.

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kitaaba ajaa'ibaa ISLAMUMMAAN KANA jedhu kan Waa'ee Yesuus, Islaamummaa fi Kiristaanummaa dubbatu kana buufadha dubbisa! Barnoota guddaa irraa argattu jedheen yaada. Share waliif godha!

@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Jiini Ramadaanaa Mul'achuun Suudii keessatti labsameera. Kanaafuu guyyaan Wixataa borii Ramadaana ta'eera.
Ramadaan Mubaarak!

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 4ffaa



16.Kiristaanota 👉🏻Waaqayyo yeroo lafarra turetti nama (Yesus)ta'ee Mullateera.
📖Macaafa isaanii👉🏻Waaqayyoon Eenyumtuu ijaan hin argine.[ Yohannis 1:18]
17.✝ kiristaanota👉 Macaafni keenya waraana (lola )irraa nama dhowwa
📖Macaafa isaani 👉Akkana jechuun ajjeesutti ajaja "Dhiira, Dubartoota, ijoollee Harma hootu, manguddoo, Gaala, Qotiyyoo "ajjeesa fixa jedha( Macaafa Saamu'el isa dura 15:3)

18.✝Kistaanota Yesus Nama Ajjesuutti hin ajaju.
📖Macaafa isaani yesus " Warra isaan irratti moo'u ko hin barbaanne ija koo duratti fida gorra'aa" jedhe
( Luqaas 19:27).Hubachiisa akka Macaafni barsiisutti jechuudha malee Yesuus Badii hojjata jechuu kiyyaa miti.
19.✝Kiristaanota Amantiin keenya dubartii Tokkoo ol fuuchuu ni dhowwa
📖Macaafa isaani Dubartii Kuma tokko(1000) fuuchuun akka jiru barsiisa (Macaafa moototaa isa dura 11:3)
20,✝Kiristaanota Dubartiin kiristaana Rifeensa ishee agooggachuun ishee hin barbaachisu.
📖Macaafa isaani Dubartiin yoo mataa ishee agooggachuu baate Rifeensa ishee haa murattu jedha( 1Qoronxoos 11:5_7).

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

As wr wb, Kabajamtoota Ummata Islaamaa,
Ashamaa akkam jirtu hordoftaata amantii Kiristaanaa fi Waaqefataa?

Namoonni Gaaffii Fatwaan ala gaaffii barbaadan amantii Islaamaa irraa qabdan gaaffachuu dandeessu. Garuu gaafachuun dura Ulaagaaleen armaan gadii kun hordofamuu qabu. Ulaagaa kanneen hin hordoftaantaanaan gaaffii Keessan hin keessumeessinu.


1. Maqaa, Sadarkaa barnoota keessanii fi Amantii Keessan ibsachuu qabdu. Maqaa Keessan ibsachuu yoo hin barbaanne immoo Amantii, Sadarkaa barnoota Keessanii fi Hojii keessan ibsachuu qabdu.

2. Yeroo tokkotti Gaaffii tokko qofa gaafachuu dandeessu: Kana jechuun gaaffichi dhimma tokko qofa irratti kan hundaa'e ta'uu qaba,

3. Gaaffii keessan Sagalee(voice ) qofan
dhiheefachuu qabdu,

4. Gaaffiin keessan bifa gabaabaa himoota 10 hin caallee ykn yeroo daqiiqaa 2 hin caalle keessatti gaafachuu qabdu,

5. Yoo gaaffiin keessan Qur'aanaa fi Hadiisa Sahiihaatiin kan walqabatu ta'e Keeyyata irraa gaaffatan sana lakkoofsaa fi boqonnaa qofa dhiheefachuu osoo hin taane yaada keeyyatichi qabu bifa barreefamaatiin dhiheefachuun dirqama.

6. Gaaffiin Keessan Arrabaa fi Qeeqa irraa bilisa ta'uu qaba.

7.Gaaffii Keessan teessoo keenya kana
👉@Saahibu28👈 gadi qabuun irratti nuuf ergitu.
Ulaagaa kanneen tarreessuun akka namoonni fakkeessuu qofaaf deeman adeemsa isaanii sirreefatatanii qabatamaa jiru qofa irraaa gaafatan gochuuf gargaara.

Hubachiisa kan armaan olitti jenne kun gaaffiidha (Question ) malee, Falmii ( Debate ) gochuu miti. Falmii gochuu yoo barbaadan sun sagantaa of danda'aadha waan ta'eef addatti gaafachuu dandeessu.


Addatti Muslimoonni sababa addaatiin ulaagaa armaan olii keessaa muraasa guutuu hin dandeenye yoo jiraatan gaaffii keessan yoo dhiheeffatan ni simanna.




👇👇👇👇👇

@Saahibu28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Gaaffii armaan olitti gaafatame irratti hirmachuu keessaniif galatooma!

Kiristaanonni amantiin Keeyya Waaqa/ Rabbiin biratti fudhatama qabaachuu nuuf mirkaneessa jechuun keeyyata Macaafa irraa dhiheefatan qabu. Muslimoonnis dhiheessanii jiru. Armaan gaditti ragaan gama lamaaniin dhiyaaye tarreeffamanii jiru. Muslimoota moo ? Kiristaanotatu deebii sirrii kenne kan jedhuuf isin deebii kennaa.


Muslimoota

1. Aal-e-Imran 3:19

إِنَّ ٱلدِّينَ عِندَ ٱللَّهِ ٱلْإِسْلَٰمُۗ
Indeed, the religion in the sight of Allah is Islam.

Dhugumatti amantiin #Rabbiin biratti [fudhatama qabu] Islaama qofa.


2. Al-Ma'idah 5:3
ٱلْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ دِينَكُمْ وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِى وَرَضِيتُ لَكُمُ ٱلْإِسْلَٰمَ دِينًاۚ
This day I have perfected for you your religion and completed My favor upon you and have approved for you Islam as religion.

Anuma (qofa) sodaadhaa Amantii keessan har'a isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera #Amantiis #Islaama isiniif jaaladheera .


Kiristaanota
“Kana booddee Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in umnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, simbiraa fi allaattii qilleensa keessa balali'an irratti, horii qe'ee irratti, bineensa lafaa hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis mootummaa haa qabaatan!" jedhe.”
— Uma. 1:26

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 1ffaa

Mata duree kana jalatti bifa gabaabaa ta'en garaagarummaa barsiisa Bible fi Kiristaanota Kan ilaallu ta'a.Barsiifni Kiristaanummmaa hardha barsiifamu baay'een isaa Macaafaan hin deeggaramu.

Fkn:

1.✝ Kiristaanota 👉🏻 Waaqayyo tokkos,Sadii'is.

📖 Macaafa jaraa👉🏻 .Waaqayyo keenya kophaa isaagooftaadha. [Marqos 12:29]

2.✝ Kiristaanota👉🏻Yesuus Waaqayyo biraa hin qabu inni ofiifuu waaqayyodha.

📖 Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus Immoo Ana hin qabin gara #waaqayyo #kootiif waaqayyo keessaniitti ol nan ba'aa jedhe[Yohannis 20:17]

3.✝kiristaanota👉🏻 Yesuus nama miti.
📖Macaafa Yesuus ilaama
Nama ofiin jedhe.[yohannis 8:40].
4.✝Kiristaanota👉🏻Waaqayyo nama fakkaatee mullate.

📖Macaafa Isaanii👉🏻Waaqayyoon akkana jedha"Ani Waaqayyodha male nama miti [Hose'a 11:9].

5,✝Kiristaanota 👉🏻Yesuus cubbuu keenyaaf jecha du'eera.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Cubbuu namni tokko hojjateef namni biroo hin du'u,lubbuun cubbuu hojjate ofumaaf ni du'a.[Hesqi'el 18:20].
Kan dhugaa dubbate Kiristaanota moo ? Macaafa ?

Itti fufa..

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Gali Ababor Official:
Cimina Abbaan Jifaar Islaamummaa Irratti Qabaniifi Yaalii Kiristaana Isaan Gochuu Minilik
***,*
Abbaan Jifaar mootolee yeroo isaanii beekaman hunda caalaa Islaamummaa irratti cimoo turan. Carraa adda addaatti fayyadamanii gabroota bilisa baasu turan. Keessumaa ji’a Ramadaanaa keessa waggaa waggaan gabroota dhibbaa ol bilisa baasu.
Aalimoota baay’ee jaalachuu irraa kan ka’e aalimoota Itoophiyaan ala jiraniifillee kennaa adda addaa kennaniifii akka qaraasisuu irratti jabaatan godhu. Fkn yeroo sanatti aalimni beekaan Sheykh Habiibullaah jedhaman Makka keessatti akka qaraasisan dhaga’anii “qaraasisuu irratti cimaa” jedhanii warqii uuqiyyaa tokko erganiif. Muslimoota biyya keessaa qofa osoo hin taane waa’ee Muslimoota addunyaa irra jiraniillee ni gaggaafatu turan.
❤❤❤❤❤❤❤❤
Ofii isaaniitiifis ibaadaa dhuunfaa yoomuu hin dagatan ture. Yoo keessummaan fedhe itti dhufellee sa’aatii salaataa hin dabarsan. Keessummicha teessisanii salaatu turan. Aleksaander Bilaatoovich kan bara 1898 ji’a Amajjii keessa gara Jimmaa dhufee ture odeeffannoo armaan gadii barreesseera:
###########
Yeroo xiqqoo akka taphanneen yeroon salaata halkanii ga’e. Abbaan Jifaar akka ani xiqqoo isaan eegu dhiifama na gaafatan. Hiriyoota isaanii wajjin gara cinaatti siqanii dhiqachuu jalqaban. Tajaajiltuun isaanii tokko meeshaa ittiin dhiqatamu silvarii irraa hojjatame fiddeef. Abbaan Jifaaris akka seera Islaamaatti kadhaa kadhataa (du’aa’ii godhaa) harka, miila, qoma, mataafi gurmuu isaanii dhiqatan. Fuula isaanii gara kaabaatti deebisanii sagaduu jalqaban. Bareechee dukkanaa’ee ture. Mootiin tokko haala kanaan sagaduufi du’aa’ii godhuun keessummaa Awrooppaa kanatti abjuu fakkaata ture. Abbaan Jifaar masubaa isaanii lakkaa’aa kadhaa kadhatu turan. Ergasii deebi’anii dhufanii barcuma isaanii irra taa’an.

Amantii Islaamaa irratti cimuu irraa kan ka’e gamoo isaan warra hajjii dhaquuf Makkaafi Madiinatti ijaaran isiniif dubbadheen ture.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Abbaan Jifaar daa’imummaa isaaniitiin haadha isaanii Shirree/Haliimaa Abbaa Duulaa irraa Qur’aana qara’aniiru. Of qofaa qara’anii hin dhiifne; haadha manaa isaanii hunda Qur’aana qaraasisanii turan. Aadaa Jimmaa keessatti immoo namoonni gurguddoon Abbaa Jifaaritti hidhachuuf yaalu. Sababa kana qoroon jaatamni bulchiinsa isaanii keessa jiran hundi haadha manaa isaanii Qur’aana qaraasisan. Warreen Abbaa Jifaar hordofanii dubartoonni hoggantoota baay’ee Qur’aana qara’uun Islaama baballisuu keessatti ga’ee guddaa qaba ture.
❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤
Akkan manguddoota irraa dhaga’etti bara Abbaa Jifaar keessa sheekolii, namoota sirriitti salaata eeggatan, warra ilmaan Qur’aana qaraasifataniifi kkf irraa gibirri hin fuudhamu ture. Akkasumas Abbaan Jifaar sheekolii naannoo birootti rakkatanii baqatanii dhufan qubsiisuudhaan beekamu. Kana malees wantoonni isaan Islaamaaf gumaachan baay’eedha.
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
Garuu wanti baay’ee nama ajaa’ibu Abbaan Jifaar Islaamummaa irratti akkana jabaachuu wajjin Atse Minilik amantii Islaamaa irraa isaan deebisuuf yaalii gochuu isaati. Akkan manguddoo keenya irraa dhaga’etti Minilik dhimma cimaa wahiitiifin si barbaada jedhee Abbaa Jifaar gara Finfinneetti waame. Abbaan Jifaaris A/Dikoo A/Billoo dabalatee manguddoota ciccimoo sagal fudhatanii gara Finfinnee deeman; achi ga’anii bakka qubannaa isaanii naannoo Buraayyuu ture bulanii ganama Minilikiin bira dhaqan. Minilikis Abbaa Jifaar qofa ol naa galchaa jedhee waardiyyoota ajaje. Achiin Abbaan Jifaar kophaa isaanii isa bira seenan. Minilik yaada armaan gadii irra dhiheesse: “har’a dhimma cimaafin si barbaade. Innis mootummaa koo walakkaa isaa siifin kenna. Akkasumas intala koo Zawdituu sittin heerumsiisa. Garuu ati anaa wajjin Kiristaanummaa fudhadhu” jedhe. Abbaan Jifaaris “buleen itti yaadee dhufa” jedhan. Abbaan Jifaar manguddootaa wajjin gara bakka qubannaa isaaniitti deebi’anii tasgabbiin bulan. Manguddoonni dhimma Minilik isaan waameef galgala sana gaafannaan “amma dhiisaa tasgabboofneen ganama isinitti hima” jedhan.

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

''Otuun kitaaba farra islaamaa barreessaa jiruun muslima ta'e''
~~~~
''Biyya keenya keessaa islaamummaan baduu qaba, muslimni tokkollee jiraachuu hin qabu, masjiidni haa diigamu, manneen barnootaa islaamaa haa barbada'an''

Jaarraa keenya keessatti seenaa namoota jibba islaamummaa qabanii hedduu dubbiseera, dhaga'eeras. Garuu kan nama kanaa adda. Jibba inni islaamaafi Muslimaaf qabu kana jedhanii ibsuun nama rakkisa. Jooram Vaan Kilaavereen jedhama. Nama dhiibba uumtota ta'an keessaa isa tokko yoo ta'u nama siyaasaa baay'ee beekamaadhasi.

Rabbiin mootii waan fedhe akka fedhe godhuudha. Kallattii barbaade si akeekuun humna isaati. Joram hanga fedhe islaamaa jibbullee booda garuu imalli inni islaamummaa balleessuuf jecha eegale muslima isa godhe. Erga islaamummaa fudhatee booda ''Otuun kitaaba farra islaamaa barreessaa jiruun muslima ta'e'' jedha.

Mee share godha!
👇👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Yesuus Ergamaa,Nabiyyii(Raajii)Waaqaati


Akkuma beekamu hardha mana amantii Kiristaanaa irraa Yesuusiin walqabatee kan nutti lallabamu Waaqa ta'uu isaati.Yesuus hoo ani Waaqa jedhee jiraa jennee yoo Macaafa garaggalchinu Nama, Nabiyyii fi ergamaa Waaqaa ta'uu isaa kan ibsu ta'uu argine.

Mee ragaawwan muraasa kaafnee haa ilaallu.

1.“Yesus immoo, "Raajiin iddoo Biraatti malee biyya isaatti, lammii isaa giddutti, mana ofii isaattis Ulfina hin argatu" isaaniin jedhe.”(Wangeela Maarqos 6:4)
Jecha kana kan dubbataa jiru Yesuus yoo ta'u Kaninni dubbataa jirus waa'ee mataa isaati.
Yesus immoo maal ?.. Raajiin...√
2.“Yesus Garuu, "Raajiin iddoo biraatti malee, biyya isaatti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu." isaaniin jedhe.”( Wangeela Maatewos13:57,DabalataanYohannis 4:44 irratti)
Yesuus garuu eenyu?......Raajiin...√
Nazireet kutaa biyya Galiilaatii kan dhufe eenyu?•••••• Yesus Raajicha/Nabiyyicha√ Keeyyata armaan olii keessatti Raaji jechuun of ibse.
3.“Yoos immoo ana, isa abbaan qulqulleessee gara biyya lafaatti erginaan, 'Ani ilma Waaqayyooti' jedhe kanaan, attamitti'Waaqayyoon arrabsita' jettu ree?” (Wangeela Yohannes 10:36)Eenyutu qulqulleessee Yesuus erge?
4".Inni Ana erges dhuga-Qabeessa...”(Wangeela Yohannis 8:26)
Dhuga-qabeessi Yesuus erge Eenyu?
5.“Abbaan inni ana erges immoo anaaf dhugaa ba'a.”(Wangeela Yohaannis 8:18).Eenyutu dhugaa anaaf ba'a jedhe?••••• Abbaa isa ana erge√
6.“Yesuus immoo isaaniif Deebisee "Barsiifni ani barsiisu kan koo miti,kan isa ana ergee ti malee.”(Wangeela Yohaannis 7:16)
Barnootni isaa Eenyu irraayi?•••••Kan isa erge irrayi√ Kan isa erge Eenyu?
7.“Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu”(Yohannis 8:40) Eenyu irraa dhagahe?
osoo keeyyata kana malee kan biraatu hin jaarrennee Nama ta'uu fi Waaqayyoo ta'uu dhabuu Yesuus mirkaneessuuf kun qofti ga'aa dha.
8.“Ofiin hin dhufne, inni ana erge jira; inni amanamaadha, isin immoo isa hin beektan.”(Wangeela Yohaannis 7:28).Kan isaan hin beekkamne, kan Yesuus erge eenyu?
9.“Namni ana dhaga'uu didus, isa na erge dhaga'uu dida.”(Wangeela Luqaas 10:16).Isa na erge? Eenyuu isa erge?
10.“Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa'elii badan duwwaaf malee hin ergamne.”(Wangeela Maatewos 15:24)
Ergamaa godhee Israa'eliif kan isa erge Eenyu?
11.“...Akka Ati Na ergites Amanan.”(Wangeela Yohaannis 17:8)
Kan isa erge Eenyu?
12.“Hojiin ani hojjedhu kunis Abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba'a.”(Wangeela Yohaannis 5:36).
"Abbaan akka na erge" jechuudhaan ergamaa ta'uu lafa kaa'eera.
13.“Inni ana arge abbaanis immoo ofii isaatii anaaf dhugaa ba'eera.”(Wangeela Yohaannis 5:37)
Kan maal na godhe jedhe?•••••••• "Inni ana erge"√
14.“Hojjetaan isa isa hojjechiifatu irra hin caalu, inni ergamees isa ergate irra hin caalu.”(Wangeela Yohaannis 13:16)
Ergamaan Eenyu? kan erge hoo Eenyu?
15.“Inni garuu, "Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame" isaaniin jedhe.”( Luqaas 4:43).Yesuus maaliifan ergame jedhe?
16.“Yesus sagalee isaa guddisee, "Namni anatti amanu, isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti”jedhe(Wangeela Yohaannis 12:44).
Yesusitti Amanuun eenyutti Amanuudha?•••••• kan isa ergetti√ kan isa erge Eenyu?
17.“Abbaan akkuma ana erge, ani immoo isin nan erga."(Wangeela Yohaannis 20:21)
"Abbaan akkuma ana erge" jechuudhaan ergamaa Abbaa(Waaqayyo) ta'uu isaa ibseera.Dabalataan akkuma barattoonnii fi Yesuus qaama garaagaraa ta'an,Waaqaa fi Yesuus garaagara jechuudha


Barnoota dabalataaf Chaanaalii keenya armaan gadi join godha!

@Sahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Waggoottan shanan darban keessa qofa Sa'uud Arabiyaa keessatti namoonni 347,000 islaamummaa fudhataniiru.
👉 2019: 21,600
👉 2020: 41,400
👉 2021: 27,300 ta'a
👉 2022: 93,900 ta'a
👉 2023: 163,300
Maddi: Dr. Sa’ud Al-Ghamdi - Barreessaa Ministeera Dhimma Islaamaa Sa’uudii

@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Paastariin Keeniyaa hordoftootasaa beelaan fixuun shakkame shororkeessummaan himatame, Paasteriin Keeniyaa Paawol Makenzii awwaala jumlaa namoota 400 olii argame hordofee yakka namoota ajjeesuufi shororkeessummaan himatame.

Makenzii namoota beelan du'an jedhameef ittigaafatamummaa fudhachuu dide.

Daa’imman dabalatee waliigalatti reeffii namoota 429 iddoo awwaalaa bosona Shakaholaa jedhamu, bakka Maaliinidirraa konkolaataan sa’aatii lama deemisisutti argame.

Makenziin hordoftoota Waldaa ’Good News International’ jedhamuu bakka kanatti imalanii bara dhuma addunyaa akka eegan jajjabeessuun himatame.
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

#Fincaawaa

/channel/Xaaliburidallah

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

"Dubartoota amantiin Islaamaa gabroomsen bilisoomsa jedheen karoorfadhe garuu amantii Islaamaa ana iyyuu ofitti fudhate".

Barnaata dabalataaf 👇👇👇👇
@saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Barsiisa amantaatiin Naajeeriyaarra darbee addunyaarratti baayyee beekamaa kan ta’e TB Joshuwaa waggoota dheeraatiif dhoksaan yakkawwan gudeeddiifi saal-qunnamtii waliin walqabatan hedduu raawwachaa turuu qorannoon BBCn ardiiwwan sadii waliin gahe saaxileera.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Wwv9Fmi

Читать полностью…
Subscribe to a channel