walaloon_jaalala | Неотсортированное

Telegram-канал walaloon_jaalala - Walaloon Jaalala

55102

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha. Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa @Walaloo_bot https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Подписаться на канал

Walaloon Jaalala

(Xumura🤔!)

Hammam jabaatus,
Hammam qabaatus,
Hunduu ni tara,
Hin jiraatu bara-bara!

Deemee deemee,
Sokkee fagaatee,
Faanni ilma namaa,
D u ' a t t i maqa,
Xumurris achuma,
Hunduu achi dhaqa!
...
Gadaa ✍️
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Verified airdrop

Namoota dursanii seenaniif kennaa addaa qaba.

/channel/bums/app?startapp=ref_niOSqL1Z
Hey buddy! Check out BUMS!

Join now and level up from a bum to the king of the streets!

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Yaa simbookee-bifa waatii
Simbirrittii
Yaa urgaakee-foolii nagaa
Ayyaantittii
Biifa biifi-lafti one yaa lalisu
Muchi goge-yaa mirgisu

An gaaf sana...!
Siif jedheetan-Abbaa Daakaaf
Korma galcha
Korma goobaa-dalluun dachaa
Ayyaanakeef sagal kufeen
Mana-ayyaanaa
Mijuun dhufeen
Siif ililcha-dachaa dachaa🙏

Yookkas ta'e...!
Ayyaanni Abbaa-sugni maatii
Ateeteentee-haati hormaataa
Deessuu hiiktii-nagaan laata?

Taadhii taatii haati dhiiraa
Ni oofkaltii ciniinsuurraa?
Anin beeku
Waan hubanne-nan yeelala
Ciniinsuunkee
Nas dhamaaseetan-maaggala🤔

Meemmoo
Yaa waabeekaa-moora laali
Yoo qajeele
Faarri tole
Haati dhiiraa yoo oofkalte
Na awwaali...!🥰

©Abbaa milkii
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Na dhiisaa 😌
Gubbeetti na hagdanii
Awwaalcha na lagdanii
Caba koof sababooftanii
Cuuraa koo akooftanii

Gaarummaan koo hunduu
badiin bakka bu'ee
Namootuma kootiin
si'a meeqan du'ee!

Maalif na cabsitu yeroo danuu
Dhiisaa karran cufe lammee banuu
Nan jiraadhaa nan dabsinaa
Hamilee koo kichuuttin cabsinaa
Injiraan mudhii natti taatanii
Foddaa'rraan na jalaa yaatanii...

Dhiisaa...
Irraan namoota koo fakkaattanii
keessaan ana madeessuu
Ofii mi'aa unattanii
anatti jiruu aleessuu

Na dhiisaa nan jiraadhaa adaraa
Yaa namootaa safuu baraa
Eee...
Deddeebistanii na ajjeestaniittu
yeroo dhibbootaaf kuma
Akka niitii looxii anis
gufuu duuba kootiin baqee dhuma
Waaqayyotu baasa gumaa
Akkamitti jiruu miidhagaa jiraachuu yaadanii
Mar'ummaan bama biraa waadanii
Kan biraatti karra cufaa
Dhuguma gammachuun dhufaa?

Tole...
In dubbadhu nan callisaa
Mee na dhiisaa

© Keenboon Abrahaam

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Teletv Irratti Gadhiifameera !✨

ፊናፍ ፊልም በቴሌቲቪ መተግበሪያ መታየት ጀምሯል !!

👉የቴሌቲቪ መተግበሪያን (Application) ለማውረድ  https://teletv.et/download

👉በድህረ-ገጽ https://www.teletv.et ላይ በመግባት መመዝገብ ይቻላል!      

#finnaaf #ፊናፍ #nowavailable #ቴሌቲቪ #teletv #Newethiopianmovie
@Fiilmiin

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Akka utuun'dhufin turte
Gaafa deebitee taatu,
Fudhattee hin dhufne,
Fudhattee hin deebitu,
Wanta dacheen baattu!

Dhufuuf deebi'uu gidduu
Wanti akka gaaddidduu,
Jiruun mul'attee baddu,
Gidiraa itti waamamte,
Yeroo itti raawwattu!
....
Gadaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Situn beekuuf malee
Naan hubattuuf malee
Utuu anaan taatee
Na keessa ilaaltee

Qulqullummaa koo utuu bartee
Hamman si jaalladhu osoo agartee
Silaa...
Silaa atuu naaf gugguufta
Sinsinniitti karra cufta
Ganamaaf galgala gara koo dhufta
Anaaf jecha  of urgufta

Garuu
ati hin beektu kunuunsa jaalalaa
Kunuunsi jaalalaa yoom siif galaa?
Sin eega hanga naaf jiraattu
Hangasitti qalbiin haa hiraartu

© Keenboon Abrahaam

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

••!ያማል!•••

እና እንደ ነገርኩሽ
የሚወዱትን ሰው ቀጥሮ እንደመጠበቅ
የነብሰጡርን ሞት አይቶ እንደመሳቀቅ
ከተስፋ ጉልላት ተገፍቶ እንደመውደቅ
ታምር በበዛበት በዚች ቧልተኛ አለም
ከዚህ የበለጠ ምንም ህመም የለም::

አውቶብሱ ያማል
ሚኒባሱ ያማል
ላዳ ታክሲው ያማል
የማይጎል የሰው ጎርፍ ደራሽ ማዕበሉ
የዕንባ ቅጥልጥሉ
ምንብዬ ልንገርሽ ? ያማል ይሄ ሁሉ::

እና እንደ ነገርኩሽ
የሚወዱትን ሰው ቀጥሮ ካረፈደ
የሚያፈቅሩትን ሰው ቀጥሮ ካረፈደ
ነገር ተበላሸ ህመም ተወለደ
ጨጓራ በገነ
እሳት በዕንፋሎት መልክ በእህታ ተነነ
የሚሆነው ሳይሆን የማይሆነው ሆነ
ሁሉም ተቀይሮ ተተካ በሲቃ
ምንብዬ ልንገርሽ? ይሄም ያማል በቃ
ወጪ ተራማጁ
አስመሳይ ሰጋጁ
ፀሀዩ ዝናቡ
የለምን ምክንያት የለምን ሰበቡ
ተቆራጭ አበባ ሊቆረጥ ማበቡ
ውል የለሽ ደመና ተራራ መክበቡ
እልፍ አዕላፍ ኮከብ ጨረቃን ማጀቡ
ደሞ ለሷ ግጥም እናቷን ጨረቃ
ምንብዬ ልንገርሽ ይህም ያማል በቃ::

እና እንደ ነገርኩሽ
ጉንጭ የማትሞላ ኬክ አስር ብር የሸጠ
የካፌ አሳላፊ ወደኔ አፈጠጠ
ዘይት የነካውን መንታ እጁን አጣምሮ
ምን ልታዘዝ ይላል ቁልቁል አቀርቅሮ
ምን ልታዘዝ ይላል…??
እንዴት ቅጥሉ ሰው ቅጥሉን ሰው ያዛል??

ማኪያቶ ልዘዝ?
ካፑችኖ ልዘዝ?
ጥቁር ቡና ልዘዝ?
ለምን ሰው አላዝም?
መታዘዝ መናዘዝ እርግማን የሆነው ካፌውን ሊያሳልፍ
እራሱ ግን የሚያልፍ
ቁልቁል አቀርቅሮ
ሞቱን ባንገት ቀብሮ
ምን ልታዘዝ? ይላል
አንድ ማኪያቶ ካንድ እሷ ጋር ልዘዝ?
አንድ ካፑችኖ ካንድ እሷ ጋር ልበል?
ከጥቁር ቡና ጋር እሷን አምጣልበል?
ተይ አታስለፍልፊኝ ይሄ ሁሉ ያማል
የላስቲክ አበባ ያርቲ ቡርቲ ስዕል
የ`ጭቃ እሾህ ወግቶት
እዥ ያወጣ ቁስል
ትልቁ ነቀዝ ሰው የማንቀዙን ያህል
ብዙ አታስለፍልፊኝ ይሄ ሁሉ ያማል::

እና እንደ ነገርኩሽ
ላንቺ የያዝኩት አበባ መጠውለግ አመጣ
ፀሀይ ገባ ወጣ
ዝናብ ቀረ መጣ
ጨረቃም የለችም እናቷን ስላልኳት
ደግሜ ሰድቤ ሺህ አመት እንዳይገርማት
እ. . . .ና. . . .ቷን !
እናቷን ጨረቃ
ተይ አታስለፍልፊኝ ይህም ያማል በቃ!!

ግን አንቺን ስወድሽ
ይህን ሁሉ ችዬ - ነው ም'ጠብቅሽ
ቢሆንም ግን ያማል !!!!

By Solomon Sahle
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

🍃Kolfa keenya dhibban keessa ;
Imimmaanni riphee taa’u !
Manii sammuurraa mandi’ee;
Kan onnee adda saaqee yaa’u !

Ilaa kolfi keenya baattoodha-
Mallattoo gammachuu miti !
Dugda lamaan saantimaati!
Alaabaa gam lachanuuti!
Simboon adii irga keenyaa ;
Garaa obsaa’ruuf fakkeenya!
Iccitnee walakkaa keenya !

🍃

Malee…

🍃

Iccitii nuti ittiin seeqnu!
Seequu malee nuti hin beeknu!

Bara taruuf fucha laatna!
Gara baruuf fuulcha kaatna!
Qara’laaluurra abdii raagna !
Itti didaama marraagna!

🍃

Maleessaa…

🍃

Kolfi hunduu gammachuu miti !
Booyi hunduu watwaachuu miti!

Lafumatu
Namumatu
Addunyaamat’ fakkaachisa!
Gaafan yaadu….
Gaddaaf kolfat barbaachisa!

Irga gidduu miira awwaalaa!
Keessatti imimmuu calalaa!

Kan bulu kumaaf kitila!
Abjuusaa danqaraan irbee!
Gaafa gaddee….
Gelloo bu’ee, heellee sirbee!
Gaafa kolfaa imimmaa’ee;
Miira of duuchee
Nafa qalbiisaa butuchee!

Maleessaa….

Kolfi hunduu gammachuuf miti!
Seeqi hunduu argachuu miti!
Tarii mallattoo abdiiti!

Abdii Habtee
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Sirraan dhufe
Sittan deema
Sirraa ifa
Sumattin dhaama
Hundi koo suma

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Guyyaa 7 qofti kan hafe

/channel/major/start?startapp=356935815

👑 Join me in @Major game and earn $MAJOR token soon!
⭐️ 750 rating bonus for you.
⭐️ 1000 rating bonus if you are Premium.

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Mana Sadi qofa

t.me/Tomarket_ai_bot/app?startapp=r-0000KmWI

Farm TOMATO with me and secure your token allocation through Tomarket.ai!

I've prepared a warm welcome meal just for you! 🍅

Use my link to get 2,000 TOMATO! Limited time offer.

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Dhugaatti soba himuu
Dhugaa dhugaa dhoksuu
Dhugaa jalaa callisuu
Dhugaaa ofii gowwomsuu

Isa kami falli
Isa kam ta'inna
Dhugaaf dhugaa dhiisuu
Innuu murteessinnaa

Seenaa ofiin uumne
Seenaa ofiin filanne
Dhugaa dhugaa qabu
Dhugaa nama dhabuu

Innumti Haa murteessu
Fala maalii qaba
Dhugaan jedhu malees
Hiika maalii qaba

Nattuu murteessinna
Naafuu murteessinna

Dhugaa nama lamaa
Dhugaa hiika kumaa
Dhugaa murtee qabu
Murtee nama qabu
Murtee nama dhabuu

Haata'u murteessi
Oo fedhe maal abbaasaa
Waaqni dhugaa uume
Bilisa nu baasa (Tarii)

Tarii... maaltu beeka
Dhugaan lama jira
Tarii ... maaltu beeka
Dhugaan dhugaa bira

Lalisee Mokonnon
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

ሰላም! 👋
 የጥናታዊ ዳሰሳ ኤጀንት ሆነው ከእኛ ጋር በመስራት፤ ከቤትዎ ስልክዎን ብቻ በመጠቀም ገቢዎን ማሳደግ ይችላሉ። ጠቃሚ መረጃዎችን የሚሰበስቡልንን ሰዎች መቅጠር እንፈልጋለን።
ያሉን ቦታዎች ውስን ስለሆኑ ፈጠነው ይመዝገቡ።

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

App. kana buufachuudhaan digital lottery ekartella. com jedhamu kana yaalaa. gaafa galmooftan video n akkamitti akka taphattanii fi badhaafamtan agarsiisu waan jiruuf galmaa'uu dandeessu.


odeeffannoo dabalataaf
Video gadii kana ilaalaa yookan
👉0939358377 irratti bilbilaa

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

@Kaachuupromotion

Irratti chaanaalota gurguruu fi Bituu barbaaddan kamuu iyyaafachuuf @Walaloo_bot fayyadamuun nu qunnamaa.

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Mil'adhee si dhabee
Si arguuf agabee
yaadannoodhaaf seeqaa
Hin dhuuftaakee eegaa

Gaafan si yaadadhuu....

Hin fiigiin arganee
Afurri na cita
Hin dhiigiin dhukkubaan
dhiignikoo itita

Abdii koo kutadhee
Mudhiikoo hidhadhee
Hidhaasaa jabeessuuf
Maqaakee hadheessuuf

Murteessee yoon ka'uu
Qalbiin koo yoo na'uu
Hunduu bitaacha'ee
Hin rafne qaajja'ee

Guyyaan natti dhiiti
Dukkanicha keessaa
Dhiiti immoo bariiti
Gaarummaan kee kalee
Dhiphuudhaan na hiiti

Pilaaneetii yaadaa
Samiitti achi ergee
Aduu jaalala-keet
Tasgabbii na dhorkee!

Eeyyeen erga sanaa
Erga gaafasiitii
Gaadidduu yaadakeen
Qaawwikee na miiti,

Suma Sanaaf....😍
Anaa keeti..✍️
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Garaa samii jala,
Kan fagoo jirtu nurraa,
Biiftuun halaalaa,
Tarii utuu nutti siqxee,
Faayidaasheerra,
Miidhasheetu caala!

Maarree;
Anis,
Siin,
Ni fagaatte hin jedhu,
Achi teesseeyyuu,
Ayyaannikee quba na qaba,
Tarii yoo as-dhiyaatte,
Si argadheen ayyaanakee dhaba
-ta'a!

Gadaa Getaachoo
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Bu'aa ba'ii- wal qixxeessee
Adeemsakoo-situ sirreesse
Siinan darbe- danqaa hunda
Na gargaarte-gooftaa gudda
kufee cabuu
Du'ee baduu
Siinan oolee
Mirgaan gale
Naaf taateetta-hirkoo jabaa
Gaaddisni kee -nagaa qaba
....Elaa yaa Waaqako
Sittan kenna barakoo!

© Amaanu'eel Naggaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Beekaan callisee
Doofaan gaafa dubbatu
Gamni afaan qabatee
Gowwaan yoo watwaatu
Martuu hiika dhaba
Addunyaan ni bushoofti
Guci abdii cilaanciltu
Harka jaraatti ni dhaamti

Kaachuu
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Gaafa keetii na waammatta
Gaafa kootii na maqatta
Waan barbaadde na gaafatta
Yoon barbaade ni duuddatta

Ani siifi
Ati keefi
Kiyya yoomi
Mee waa himi

Kaachuu
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Garaan qananii na dharra'ee,
Jiruun qoonqootti na rarra'ee,
Qalbii na hateef maleessaa,
Utuun walaloo danda'ee...
Ani waaqaafin barreessa...!

Dhabakoon itti odeessa
Fedhakoon itti addeessa,
Yandookoon itti dheessa
Rakkookoon itti geessa...

Utuun walaloo danda'ee...
Jechoota qimqimeetan
Qubeefaa waliin dha'ee...
Gola cigoof mammaaksaa
Hunkuree waliin ga'ee!

Gidiraan keessa jiru
Ilyaadaan bakka buusee,
Akka arguuf dhagahutti
Jecha taasisee kuusee...
Waaqattin ol ergadha,
Deebiis irraan argadha...

Nan dadhabeefi malee
Toora naqee barreessuu,
Silaa toora naaf gala
Eebbaaf milkiin nan dheessu!

Gammachuu Tsaggaayee
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Qof-dubbii Balaay Zallaqaa kana ilaalaamee. Subscribe gochuun maatii ta'aa!

https://youtu.be/NVFhy6ywYIs?si=fBysiH2HQtQJ8qoO

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

"To See You Later"
by Mahmoud Darwish

I say to you: See you later,
and I know I won’t see you again...
I know that love’s road
has changed its shape under our feet.

I say: see you later,
as we wave a white goodbye in the air,
our shadows behind us.
I will remember your perfume as rain remembers the earth,
and I will carry the memory of your hand on my shoulder,
like a soft, invisible thread.

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Silaa, anis koon jiraadha
Atis kee jiraattaa
Gaafa naaf qajeele - gaafa natti tole
Maaliif hidhii nyaattaa?
Sababa an guddadheef
Ati ni xiqqaattaa?
Waaqarraa kennamawoo
Carraan dhala namaa
Kan keerraa hir’atee
Anaaf dabalamaa?

Yommuu ani kolfu
Garaan kee maaf aara?
Aannan keen dhuga moo
Gumbii keen hammaara?
Bakka kiyya teessaa?
Marga kiyya dheeddaa?
Gammachuu ofii kee caalaa
Gadda koo maaf eegdaa?

Yoon rakase malee
Ati horii hin taatuu?
Gaafan kufe malee
Ati ol hin kaatuu?
Tuuu….!

@LataaQanaii

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Qof-dubbii Balaay Zallaqaa
Ay' Itoopiyaa

@AbbaaLataaActing

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Paws

Airdrop ajaa'ibaa Waan notcoin, Hamster, dogs hojjattaniif qofa qabxii siniif laatu kana akka of hin dabarsine

/channel/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=77xLZECw
LFG!
PAWS is the new top dog! 🐾

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Kunooti marsaan ibidda ta'e lakkifamuu eegaleera. Agarsiisa keenya Marsaa 6ffaa Kutaa jalqabaa siniif lakkisneerra. Seentanii ilaaluun yaada keessan akka nuuf qooddan ni abdanna.

Moonooloogii /Qof-Dubbiin Wal nyaatinsa yaadaa sammuu dhala namaa keessatti taasifamu baasee kan mul'isu Qof-dubbiin gungummii keessaa haasaa of faana sammuu keessatti taasifamu waltajjeessudha.

Linkn kunooti
https://youtu.be/pY4I6kfxlAk?si=6KOgvb_k8MBtc_nP

Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa
Galma Kalaqaafi Dandeettii

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

አሁኑኑ የቨርቿል ጨዋታዎቻችን ላይ ይወራረዱ ፣ ይዝናኑ፣

Читать полностью…

Walaloon Jaalala

Maaloo na fannifadhu...

Osoo hindaaqqoon hin iyyiin
Osoo namni lafaa hin ka'iin
Obboroo barii lafaa
Yeroo hirribaa kaatuu

Uffata adiin faayamtee
Miidhaga caalaa miidhagdee
#Naxalaa kee uffattee
Karra kee bantee yoo baatuu

Bakka aarsaa dhaqxee
Waaqa keetiif jilbeenfattee
#Ixaana kee addaa sanaa
Yeroo hundaaf aarsituu

Dibbeef kiraara maseenqoon
Galataaf kadhata keen
Kadhachaa galteeffachaa
Uumaakeef yeroo faarsituu

Osoon darbuu si argeen
Ija koo sirraa gad qabee
Akka ati narratti hin barreef
Maal miidhagni akkasi jechaa
Deemaan jira kuno si yaadaa

Maaloo akka nan didnee
Bakka #Masqalii kee
Iddoo namni hundi ilaalu
Morma kee sanarrattan
Fannifamun barbaadaa

Amaanu'eel Waaqturaa
@Walaloon_Jaalala

Читать полностью…
Подписаться на канал