Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha. Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa @Walaloo_bot https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Galanni kee
***
Eennaa ol baatu faa
Yaada koon shan rarraa'aa
Mana gahu kee dhageenyan
Takkaammoo tasggaabaa'aa
***
hir'ina koo dhiiseen
Kan kee siif guuta
Hammeenya keetiif silaa
Nyaaran walitti butaa
***
akkam siif ta'uu dhugaa
Falan murteessun wallaale
Jaalala keef of mookseen
Gochaa keetu caale
***
dhiphadheen jecha dhabe
Eenyuutu naf hima
Dogoggooreen si miidhee?
Maafan kopha gungumaa
**
Miidhama kan kee
Ani siif dhukkubsadhee
Yaada jiruu kan kees
Garaatti siif baadhee
***
maaf akkana ta'ee
Galannii kee yaraa
Gaarrummaa keetillee
Of keessa hin qabu dharaa
***
Abdii hin kutne anoo
Siifaanan wixxifadha
Ammaan lubbuun jiruttii
Ba'aa keen baadha
***
Halkan eegumsatu jira
Waardiyyaa yaada kee
Guyyaa lolatu jira
Anaf eenyutu beeke
***
hundafuu ulfaadhu
Galatoomi yaa uumaa
Borii koof adaraa
Inni har'aa in dhumaa
✍️..Alalaasaa
@Walaloon_Jaalala
Abjuu
Abjuunan si arge
rafeetoo galgala
Teenyee yoo haasofnu
da’oo Odaa jala
Sinsinniin yoo wal-laalan
agartuun keenya lachuu
Gadda fageessanii
yoo oomishan gammachuu
Wanta garaa keenyaa
hundumaa haasofnee
Danqaa nu gidduudhaa
haasawaan furannee
Imaluu eegalle
walitti sissiquu
Keessaa u…utaalaa
gammachuun burraaquu
Gaafan xuuxuuf jedhu
hidhiikee bareedduu
Hirriibaan dammaqe
adda cite hunduu
Kaachuu
@Walaloon_Jaalala
Hey buddy! Check out @Bums!
Join now and level up from a bum to the king of the streets!
/channel/y_nation_bot/start?startapp=EVIBDO
A friend has invited you to join Y nation
Major
X
Dogs
Notcoin
Hamster
Ton
USDT
Gatii madaalawaan ni bitna. @Egaadhaqi
#Major namoonni gurgurachuu barbaaddan karaa @Walaloo_bot nu quunnamaa.
DM @Walaloo_bot
Major har'a list ta'a. Ni hurgurtu moo ni olkeessu
Nan gurgura 👍
Nan olkaa'a ❤️
Namoonni garee baroota 2018 - 2022 banaman qabdan sinirraa ni bitna. Hubadhaa. Baayyinni miseensa isaa nama tokkoyyuu ta'u rakkoo hin qabu. Bara itti baname qofa barbaadna.
@Walaloo_bot
Waan guyyaan uddeelee,
Gatiittiitti baatu,
Waan yeroon lakkaa'ee,
Barri baatee kaatu,
Waan akkaan uulfaatu!
Ni-cima!
...
External Vacancy Announcement
1. Senior Electro Mechanical Engineer
2. Senior Construction Project Management Officer I
3. Senior Engineer I
4. Senior Engineer I
5. Associate Construction Project Management Officer II
6. Senior Foreign Banking officer -II
7. Manager, IT Audit
8. Senior System Engineer II
9. Capital Market Trader (Re-Advertised)
10. Investment Strategist (Re-Advertised)
11. Capital Market Advisor (Re- Advertised)
12. Siingee IHSAN Corporate Appraisal Officer 1
12. Driver 1
#Siinqee_Bank #Baankii_Siinqee #ሲንቄ_ባንክ
#EMPOWERED_TOGETHER
@Hojiiwwan
Shaqqalaa bot irraa shaqqaluu dandeessu
/channel/SheqelaBot?start=bot_share_356935815
Him.
"Nagaan tasa hin taa'iin walii keessan irra
Gubaa wal bobeessaa wal cicciraa dirra
Gola haadha keessanii ibiddaan ol lixaa
Akka bineensaatti wal nyaadhaa wal fixaa
Dhiiga walii dhugaa lafee wal bobeessaa
Salphina keessanis ofitti odeessaa.
Morma walii qalaa eeyyee gargar hiraa"
Jedhee kan caafame-sa kamirra jira?
Yoo jiraateef tarii
Hin agarreefani!
#StopkillingOromopeople
Daraartuu Beekaa
@Walaloon_Jaalala
/channel/bums/app?startapp=ref_niOSqL1Z
Hey buddy! Check out BUMS!
Join now and level up from a bum to the king of the streets!
Telegiraamii waan fayyadamtaniif qofa akka siniif kaffalamu beektuu? Odeeffannoo guutuu argachuu warreen barbaaddan kunooti
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
In argin hormooti
Silaa na keessaa si haqanii
Malkaa keenyatti maqanii
Booressuuf gurmuutiin yaa'u
Jila keenya keessa riphanii taa'u
Silaa...
Balfa ulfoo keenyatti haganii
Anas malkaa kee laganii
Moora koo ciranii gatu
Tarii anatti hormoomta atuu...
Kanaafan haqaan golgadhee
hunda jalaa si dhokfachuu yaalee
Malee akkuma kaleessaa
situ keessa kiyya dhaalee
Hawwiin Kiyya si argadhee
seedaa keetiin maraachuudha
Guyyaa uumaan na badhaasu
deebi'ee suma argachuudha
Malee...
Suphee biraa kutachuuf
laga hin dhaqu,
Oobdii kee'rraa jalladhee
karra biraattin maqu
Ee...
Areera hormaa caalaa
Iji koo gorora kee ilaala
Hammannaa keetu na yaala
Ammaaf garuu jimmaa jimmiitee
Jennaan aduunis dhiitee
Dukkanni kun silaa bariitee...
Bari'us dhiisus sin eega
Sin argadha lammee nan beeka
Iji namaa sin argin
Oobdiin kee hormaaf hin margin
© Kenbon Abraham ✍️
Na amanaatii hojjadhaa waan kana yeroo bilisaa keessanitti. Addunyaan gara crypto seenaa jirti. Dollar muraasa argachuun salphaa miti.
/channel/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=77xLZECw
LFG!
PAWS is the new top dog! 🐾
Barruu laphee koorraa
Akka naaf dubbisuuf,
Asaasa onneekoo,
Sagaleesaa baasee
Akka naaf guddisuuf,
Kan uumame afaanni,
Qooqa dhangi'amee
Jechootaan hudhamee,
Erga gaadi'amee...
Egaa kana booda,
Soora godhadheera
Tasgabbiidhaaf usuu,
Yoo dhaga'ameechi..
Iyyis bu'aa hinbuusu...
Yoo dandeessa ta'eef,
Gaaffiikoo caqasuu
Caqastees deebisuu,
Gurra qalbii keetii,
Lapheekootti hirkisii
Onneerraa caqasi,
Bubbee qara onneekoo,
Gidduudhaa bubbisu...
Kanaachi...dhibeekoo...
Ofumakoo caafee,
Ofumaa hindubbisu!
Gammachuu
@Walaloon_Jaalala
Maaltu beeka?
Kirkiruun kee shakkii
Nan shakka
Dhiisi Lakkii
Kaachuu
@Walaloon_Jaalala
Abbaan Teeleegiraamii Paaval Diroov kan Ragaa ba'eef Romaxn kan gaggeeffamu
/channel/fabrika/app?startapp=ref_3205503
💎 Discover an amazing way to earn diamonds! 🌟 Join me on this exciting journey and boost your earnings with fun tasks and rewards. 🎉 Don’t miss out! 🚀
(Nan-shakka!)
Walitti haasofti,
Waliin marii'atti,
Duutiif lubbuun,
Hiriyaa dhiyooti,
Duuti ogeettiidha,
Lubbuu kunuunsiti,
Jaalala qabsiifti,
Kaadhimaa godhatti,
Ofitti fudhatti!
...
Gadaa
Maal Jedhu...?
Osoo jechi falaa ,
dhugaa waaqaa lafaa..
Manaaf mannee dhabee,
eenyutu ala rafaa..?
Garuu kan cabe dhidhiibuuf,
jecha ofii cabne..
Cabaan haa fayyuuttis
Cabnee fayya dhabne...
Nama kabajuudhaaf,
kabajama dhabne..
Harra quba hin qabnu,
kan durii ni beekna...
Nagaa wal dhoksinee,
waaqa nagaa jeeqna..!!
Ofii galaa nyaannee,
dhalootarraa eegna...!
Waliif beekuun hafe,
yoo wal beekuu malee..
Waliif yaaduun hafe,
yoo wal gaaduu malee..
Jabaadhaa jabookoo,
kan alaa hanga arbaa..
Jabaadhu lafee koo,
kan manaa akka garbaa...
Nutti hin darbin malee,
Nuti hin darbin malee hundinuu ni darbaa..!!!
Buzex Boharsa,
@Walaloon_Jaalala
Namoonni garee baroota 2018-2022 banaman qabdan sinirraa ni bitna. Hubadhaa. Baayyinni miseensa isaa nama tokkoyyuu ta'u rakkoo hin qabu. Bara itti baname qofa barbaadna.
@Walaloo_bot
Namoota chaanaala miseensa kuma shanii ol qabu qabdan hundaaf. Chaanaala keesaan galmeessitanii qarshii hojjachuu yoo feetan falli kunooti.
https://adsly.me?ref=25949
Oromoomtee ormoomte
Dhiigni kee achi jallatee
Imalliif kaayyoon kankee
Irbuu dhugaa haallatee
-
Firummaan kee xuraa'ee
Isa alagaaf karaa saaqee
Seenaa isa dhugaa biqilu
Dhoqqee sobaan laaqee
-
Hiriyyumaanke inni fakkii
Firaaf yaaddoof shakkii
Jaalallikee inni obbolaa
Dhalootatu ittiin okkola
-
Haadhummaan foolii tolu
Fafakkatanii nama qolu
Dhiigni kankee mul'isu fira
Haxxee badaatu keessa jira!
Felmeta Pawlos ✍️
@Walaloon_Jaalala
NAGAAN DHIBUUN….
Kaaniif qabeenya ta’e
Kan itti nyaatee dhugee akka ta’u wallaalu
Kaaniif hammeenya ta’e
Kan itti dhiigee du’ee xobbee dhalasaa awwaalu!
@LataaQanaii
HARMEE
Silaa atoo...
Bishaan yoo si kadhatan
Aannan namaaf laattaa
Orma jiidhaa afaan keessee
Ofiikee gogaa nyaattaa
Dhalakeerra dabartee
Ormaafiyyuu gaaddisaa
Inni amma abbaa irrees
Huduu sidhaa maddisaa
Atoo aayyoo...
Ofii beelofta malee-- Ofii hagabda malee
Miidhama namaa hin feetuu
Kunuunsitee guddistee
Kanadhaa oolmaa keetu?
Atoo...
Kan namaatti hin dabartuu
Kan kee hiixatta malee
Gorra'amuun deebi'aa
Deebiin gochaa kee kalee?
Gadameessa kee keessaa
Dhalatee nama ta'ee
Morma kee aalbeen mura-- Reeffa kee allaattiif hira
Sirraa foxxoqee ka'ee
Galatni harmee Oromoo
Dararamtee du'uudhaa?
Harmishee inni murame-- utuu gatiin argatin
Mormaan bakka bu'uudhaa???
Harmee...
Egaa kankee achii didee
Dararamuun hiree keetii
Imimmaan kee haxaa'adhu
Obsikaa maal abbaasheeti!
Lafee harka dhala keetii
Utuu daggalli irraan marguu
Akka hoolaatti qalamuu-- halagaadhaan gudeedamuu
Ijji Waaqaa siif haa argu!
Yaa uumaa koo 🙏🙏🙏
Dhugaa cabu haqa dabu
Ijji keehoo hin beeku sarmee
Ajjeefamuu yeroo hundaa
Ilaalimee dhiiga harmee
JUSTICE 4 SALALE 😭
✍️Martinaan S.
@Walaloon_Jaalala
#JusticeforSalaalee
#JusticeforHorroguduruu
#JusticeforOromoo
Challenge accepted!
Jaarsatti heerumte
Qarshii isaaf jecha
Waggootaf jiraatte
Du'asaa eeggachaa
Darbuu jaarsaa eegaa
Boru osoo jajjuu
Wanti yaadde marti
Jalaa ta'e abjuu
Duuti jaarsaf dhufe
Ishuma fudhatee
Ishee boolla keessa
Inni irra dhaabbatee
#Hiika
Kaachuu
@Walaloon_Jaalala